Tunee Mahamad

Tunee Mahamad Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Tunee Mahamad, Government Organization, yemen, North Saanich, BC.

02/25/2024
----✦✦✦------------𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨, 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐌𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐢 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐧 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚.------------✦✦✦---⇘Namni kamuu abj...
08/31/2023

----✦✦✦------------
𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐚𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨, 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐌𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐢 𝐃𝐮𝐫𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐧 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚.
------------✦✦✦---

Namni kamuu abjuufi mul'ata akkasumas kennaa dhokotaa qabeenyi bituu hin dandeenye waliin dhondholamee fuula Addunyaatti gadi ba'a.

⇘ Akkuma hunduu beeknu namni amala garagaraa kan biraa irraa ittiin adda ba'u ganamuma qabatee waliin dhalata. Kana malees kennaa dhokotaa addunyaa jijjiiruu malu kan mataa isaa waliin gara addunyaatti dhufa.

Kennaan qabeenya qaalii ta'uu isaarraan kan ka'e yeroo baayee wallaansoo qaba. Namoonni hedduun kennaa mataa isaanii utuu barbaadanii hin argiin dura kennaa nama biroo yeroo hawwaniifi butuuf illee yaalan ni mul'ata. Namni kamuu abjuu, mul'ataafi kennaa waaqni akka milkeessuuf waliin uume kunuunsee itti dhimma bahuu qaba.

Akkuma qabeenyi yoo eegumsa hin qabaanne manca'ee, hatamee baduu malu namni kaayyoollee kennaa, abjuufi mul'ata isaaf eegumsaafi kunuunsa gochuun barbaachisaadha.

Namni kennaa isaa beeku abjuufi mul'atasaa milkeessuuf hin rakkatu. Namni hunduu kennaa mata mataatti qaba. Kennaa ittiin abjuufi mul'ata ofii milkeessu namni dhuunfaatti qaba. Tokko kan isa tokkoo milkeessuu hindanda'u garuu utubee nama sana injifataa taasisuu danda'a.

Kanaaf namni kamuu abjuufi mul'ata akkasumas kennaa mataa isaa barbaadee argachuun dirqama. Kunneen ammoo gaafa namni tokko ofta'uu jalqabu toora galee ya'aaf. Maarree! Ofta'uun furtuu argannoo kennaa ofiiti.

Gabaabumatti, namni kaayyoo abjuu, mul'ataafi kennaa isaatti dhimma ba'uuf namoota kennaa isaatti hudhaa ta'an bira kutee adeemuutu irra jiraata. Namoonni bakkuma dhaabbatan dhaabatanii kanneen hudhaa abjuu, mul'ataafi kennaa isaaniitti ta'an faana wallaansoo qaban qooda darbuu dibata ofii of jalaa ajjeesuun bu'aa tokko malee jireenya Addunyaa goolabu.

Kun akka hintaaneef, qabaa kennaa ofiif gochuun firdiidha. Yeroo har'aa Yeeyyiin gogaa Hoolaa uffatee kaayyoofi akeeka milkeessuuf itti waamamte si harkatti ajjeesuuf adeemu danuu waan ta'eef iccitii abjuu, mul'ataafi akkaataa kennaakee ittiin milkeessitu ofumaaf dhiisi.
Jaal Gamtaa Wbo

Kitaaba   kan Jaal Galma Kaayyoo baraaye dubbisaa. "Osoon rakkoon cimee Deemsa kre sakaluuOsoo jallina keetiif diinnii i...
08/30/2023

Kitaaba kan Jaal Galma Kaayyoo baraaye dubbisaa.

"Osoon rakkoon cimee Deemsa kre sakaluu
Osoo jallina keetiif diinnii iyyee caraanuu
Gaafa firrii fira ganee firoota isaa haleelu
Kan barrii leelleqsee namni hedduu wereeru

Walxaxaa jechaa fi gocha jalaa gurra cufattee
Galma yaadde gahuuf garaa yoo kutatte
Hin dhaabbattu tasa milkaa'uu dandeessa
Akeekaan sochoonan bakka yaadde geessaa. "
Kitaabicha keessaa kan fudhatameedha. Bitadhaa dubbisaa baayyee irraa barattu jaalakoo qaalii jabaadhu qalamnikee haamirgisuu ammas.

Address

Yemen
North Saanich, BC

Telephone

+967738663128

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tunee Mahamad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share