Oromia Prosperity Youth League

Oromia Prosperity Youth League Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Prosperity Youth League, Political Party, Addis Ababa, Ababa.

11/08/2023

Dhageefadha

Murtoowwan yaa’ii 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatiin darban irratti dargaggoota waliin marii gaggeessuuf...
27/01/2023

Murtoowwan yaa’ii 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatiin darban irratti dargaggoota waliin marii gaggeessuuf qophii xumureera.
*******
Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘Dargaggeessa Badhaadhina Itoophiyaa fi Afrikaatiif Tattaafatu’ jedhuun yaa’ii 1ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeesseen murtoowwan jajjaboo ta’an dabarsuunn isaa ni yaadatama. Murtoowwan yaa’ii kanaan darban irratti hubannoo dargaggootaa cimsuudhaaf jecha guutuu biyyattiitti mariin dargaggoota waliin akka gaggeeffamu ibsameera.
Marii kana akka Naannoo Oromiyaatti Amajjii 20/2015 irraa eegalee dargaggoota sadarkaa Godinaa, Magaalaa, Aanaa fi Gandaatti jiran waliin milkaahinaan gaggeessuudhaaf qophiin taasifamuu isaa Itti Gaafatamaan W/ra Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dargaggoo Adnaan Hajii ibseera.
Waltajjiin mariin kun caasaa liigichaa sadarkaan jiran cimsuu, nageenyaa fi tokkummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu akkasumas fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsuu fi dargaggeessa obbolummaa sab daneessa dagaagsuun badhaadhina biyyaatiif tattaafatu horachuuf gumaacha ol’aanaa akka qabu ibsuudhaan miseensotni, gaggeessitootni fi qooda fudhattootni sadarkaan jiran galma gahiinsa marii kanaatiif gumaacha barbaachisaa akka taasisan Dargaggoo Adnaan Hajii dhaamsa dabarseera.
Qooda fudhattootni marii kanaa hirmaannaa dammaqina qabu taasisuudhaan gahee isaanii akka bahatan kan dhaamame yemmuu ta’u, yaadotaa fi galteewwan marii kana irraa argaman cimsuu fi gabbisuudhaan galmoota fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu fi badhaadhaadhina waloo dhugoomsuuf xiyyeeffannaan akka hojjatamus ibsameera.

Address

Addis Ababa
Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Prosperity Youth League posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Prosperity Youth League:

Share