GUMII Oborraa POST

GUMII Oborraa POST ""Garaan dhiiraa tokkuma.!!!""

03/02/2022

Harawaaca marxoon jilbara jedhaa warrii keenyaa duraan .amma ammoo harawaaca marxoon Kiisha irra jedhaa dubbiin ergumma wadaaja keesssan namnii galee raafuu eegale hattuun biyyatti baay,atee jirtii...yaa 70 rabbiin nu haa tiksuu mee balaa jala ....

03/02/2022

Ajaa,iba ?????

03/02/2022

Waan hundaafuu buleetuma waa arkaa jira yaa 70

  waan sirriiti rabbiin obsa nuuf haa kennuu yaa jamaa!!
03/12/2020

waan sirriiti rabbiin obsa nuuf haa kennuu yaa jamaa!!

OBSAA ... JIRUMA ADDUNYAATU AKKANAA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

👌🏻Yaa ilma namaa ! Rakkoofii jiruun garaa takka keessaa wajjiin dhalatanii bar !!

🔮Gandi duniyaa osoo asiin qulqulluu fakkaattu Asiin boorofti...!!

👌🏻Mee mirgaaf bitaa kee laali...Kan rakkatu malee Kan dhibamu malee...Kan iyyu malee...kan cinqamu kan muddamu malee way argitaa...⁉

🌪Maarree maaf gaddi kuni marti....kan nama jaalatu dhabe si qofaa miti ..Kan hiyyoome si qofaa miti...Kan dhibame si qofaa mitii....Rakkoo feete keessa jiraadhu hiriyyaa akka keetii hin dhabdu Adda hin jirtu...!!

Yoo akka nama biraa laalluu Balaan tee xiqqoodha

👉🏻Meeqa namaati dhukkubsataan..

Akka waggaa meeqaatii siree irra bitaaf mirga gangalatu..

👉🏻Meeqa namaati kan hidhamee...Akka waggaa meeqaatii aduu hin argin...‼

Hin gaddi...☝🏻

👉🏻Ati ilma tokko dhabe jettee rifattaa...Meeqa namaati kan maatii isaa cufa guyyaa tokkotti musiibaa takkaan dhabe...⁉

Yoo inni gola seenu...Haati warraa duute...

Yoo inni kutaa kaan seenu ijoolleen isaa dhiiraa duute...

Yoo inni kutaa kaan seenu ijoolleen isaa tan dubraa dhumte...‼Allaahu Akbar...

🔹Nama du'eefii gaddi kuni marti....Atuu du'uuf deemta...!!

😰Gaddi...Waan dabre hin deebisu...Waan harkaa qabduu si jalaa fageessa malee...!!

😰Gaddi...Sin gabbisu...Fooniif lafee dhuka kee si xuuxa malee...!!

😰Gaddi...Hiriyyoota keetiif hin malu...hin tolu...Yoo jaraa cinqee rakkise malee....!!

🍒Nabiyyiin bareedaan Nabi Muhammad ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺼﻼﺓ ﻭﺍﻟﺴﻼﻡ Akkana je'ani"

Yoo balaan takka isinitti buute...Du'a tiyya yaadadhaa of obsisiisaa !! " ﺣﺪﻳﺚ ﺻﺤﻴﺢ ...

🍇Rasuula keenya hin yaadattuu ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺻﻠﻰ ﻭﺳﻠﻢ ﻋﻠﻴﻪ ...

Tumamaniillee...

Ilkaan isaanii cabsaniillee..

Mataaf fuula isaanii seeyfii dhaan rukutamaniillee.

Ijoolleen isaanii osoo isaan lubbuun jiran dhumte takka malee...

🌴Nabi Nuuh [A.S] ummata isaaniitiin rakkatanii jiran...

Nabi Yahyaan ablee dhaan qalamanii jiru...

Nabi Yuunus [A.S] garaa qurxummii keeessatti rakkatanii jiru...

Nabi Ibraahiim [A.S] ibiddatti darbamanii jiru...

Nabi yuusuuf [A.S] boollatti darbamanii gurguramanii hidhamanii tumamanii jiru...

Nabi Iliyaas [A.S] dhakaadhaan cafaqamanii jiru...

Abuu Bakri [RA] tumaman...

Umar [RA] ni ajjeefame...

Usmaan [RA] ni ajjeefame...

Aliyyi [RA] ni ajjeefame...

Abuu Haniifaan mana hidhaatti harka isaanii buqqisan...

Imaamu Ahmadiin ulee sagaltamatu irratti dhume...

Ibnul Jawziin biyyaa ari'aman...

Hasan Al Basrii Hajjaajiijn dararame...

Ibnu Teymiyyaan mana hidhaa keessatti du'ani...

Ibnul Qayyim magaalaa keessatti garafaman..

Imaam Al-Albaaniin ni hidhaman....

Osoo rakkoofii balaan xiqqeenya taatee jara kanatu irraa baraarama...

Garuu rakkoon nama Rabbitti amane naannessiti...‼

Kuni gorsa nama hundaaf toluu dha...

Irraa guduunfadhuu namaafis guduunfi...!!

Rabbiin Rakkoo Ganda Lamaaniit irraa Nagaha Nuhaa Baasu👏

14/02/2020

Tokkummaa............ tokkummaa yaa ilmaan oromoo

Address

Finfinnee, Oromia
Adama

Website

http://post.com/

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GUMII Oborraa POST posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to GUMII Oborraa POST:

Share