02/08/2025
Godina Arsiitti Hospitaalaa Jalqabaa Suudeetiif meeshaaleen yaalaa qarshii miliyeena 60 olitti shallagamu deeggarsi taasifame.
Dhaabbata C.U.R.E projekt,Islamic Relief,lammiif relief and Development Organization irraa qindoomina uumuun meeshaalee yaalaa qarshii miliyeena 60 olitti shallagamuun bituun deeggarsa taasisaniiru.taasisaniiru
Meeshaaleen yaalaa deeggarsaan argaman kunis bakka hoggantootni sadarkaa garagaraa,abbootiin gadaa,haadholiin siinqee,ogeeyyiin fayyaafi hawaasni garagaraa argamanitti wal harkaa fuudhiinsi taasifameera.
Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Arsii Obbo Sulxaan Hamdiinoo deeggarsa dhalattootniifi dhaabbatni Islamic relief hawaasni keenya rakkoo fayyaatiif akka hin saaxilamneef deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisaniif kan galateeffatan ta'uus himan.
Hospitaalli Suudee hawaasa aanaalee torbaaf kenna tajaajilaa qulqullinaafi si'ataa ta'e kennaa jiraachuu himan.
Ittigaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee godina Arsii aadde Ra'iisaa Aadam godinichatti hawaasa fayya qabeessa misooma hundagaleessa hojjachuun badhaadhinaa maatii mirkaneessuu danda'u horachuuf kenni tajaajila fayyaa saffisa qabu akka jiraatuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuu himan.
Deeggarsi meeshaalee fayyaa dhalattootniifi dhaabbileen garagaraa waliin qindaa'uun Hospitaalaa Suudeetiif taasisan aantummaa ummataaf qaban kan agarsiisuudha jedhan.
Hogganaa ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Bokonaa Guutaa naannichatti hospitaalota 129 keessatti taajajilli fayyaa kennamaa jiraachuu himuun,
Deeggarsi meeshaalee yaalaa taasifame kun akka godina Arsiitti kan jalqabaa ta'uufi muuxannoo kan dabarsu ta'uus himan.
gochuu hin dagatinaa
https://www.facebook.com/profile.php?id=100066387375768