DGT koo

DGT koo fuula sport

Cubbuun namicha kanaa fi gaangee kanaa garuu....
28/08/2025

Cubbuun namicha kanaa fi gaangee kanaa garuu....

Fooytuun [ Maallayaan ] Diogo Jota gurgurtaa guddaa galmeesseera...✍️Tibbaanaa balaa konkolataatiin lubbuunsaa kan darbe...
08/08/2025

Fooytuun [ Maallayaan ] Diogo Jota gurgurtaa guddaa galmeesseera...

✍️Tibbaanaa balaa konkolataatiin lubbuunsaa kan darbee🥹 Taphataan sarara fuulduraa Liverpool Diogo Jota fooytuun [maallayaan] Adidas haaraan gabaa irratti baay'ee gurgurameera,fooytuun adidas haaraan Liverpool kana beeksisee gabaaf dhiheessee keessa kan Diogo Jota baay'inaan gurguramuun maallayaa Liverpool kan barana gurguramee sadarkaa lammaffaa qabateera!

✍️Taphataa mallatteessaa haaraan mallatteesse Florian Wirtz taphataa Liverpool fooytuu [ maallayaa] baay'ee gurguramee tokkoffaadha,Liverpool galii gurgurtaa fooytuu [maallayaa] Diogo Jota irraa argamu hunda faawuundeeshinaa kilabichaaf arjoomuun maallaqichi hojiwwaan tol-ooltummaaf hojirraa oolaa... Waw Live👏

✍️Liverpool kabaja fi yaadannoo Jota jecha maallayaa lakkoofsa 20 soorama kan baase yoo ta'u, marsariitii kilabichaa irrattis ni mul'ata,gama biraatiin Maallayaa Adidas haaraan Liverpool bara darbe yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu gurgurtaan isaa dachaa torbaan dabaleera.
Aanaa el.... Tu✍️

Jecha ajaayibaati Aanicha keessa daandiin karaan ba'anii galan hin jiru. Kominikeeshiniin kan rakkoo ummata baasu qabu a...
01/08/2025

Jecha ajaayibaati
Aanicha keessa daandiin karaan ba'anii galan hin jiru. Kominikeeshiniin kan rakkoo ummata baasu qabu asi siyaasa xinxalaa jira.

AnimeeJaalala kee ururseeOnnee kooti baadhaaFirii jaalala keenDhandhamaa jiraadhaDabarseen of kennemGuutuman koo keedhaa...
22/04/2021

Animee
Jaalala kee urursee
Onnee kooti baadhaa
Firii jaalala keen
Dhandhamaa jiraadha

Dabarseen of kennem
Guutuman koo keedhaa
Bultis ijaarannee
Si waliin turuun fedhaa

Dawwitii koo godheen
Si keessatti of laalaa
Maqaa keen karoorseen
Karoora koo ofkalaa

Dibaabe koo aduuf rooba
Galma haara galfii
Jedhetaan si jaaladhaa
An siif hin qabu salfii

Urjii koo iftuu koo
Anaaf jiruun sumaa
Situ na aburee
Jalqabaa haga dhumaa

Asheeta jaalala
Narraa cirii nyaadhu
Galma onnee kooti
Mana godhu jiraadhu

Amalaaf naatoo keen qalbii kiyya mooteeonnee koo bantee seenteemana dhuunfaa kee gooteAkkan si jaalladhu ragaa kootu kum...
04/04/2021

Amalaaf naatoo keen
qalbii kiyya mootee
onnee koo bantee seentee
mana dhuunfaa kee goote

Akkan si jaalladhu
ragaa kootu kumaa
jalqabaaf dhumni koo
guduunfaan koo suma

04/04/2021

Ani kun...

Kan utuu hidhii xuuxuu
Firii jiruu hin xuuxne
Ani kun hawwaadha
Hawwaa hawwiin hin guunne
Kan utuu 'bor' eeguu
Qaroo ijaa dhubbe
Ani kun qilleensa
Obboleessa bubbee...

Takka na waxala
Takka ammoo na waada
Ani kun- huummoodha
Bulee ka'een aada
Ani kun hafteedha
Haftee gobaa fi gufuu
Kan takka dhaabbachuuf
Si'a dhibba kufu

I MISS you OBSA AND JAWARdhugaa sinaan yaade
07/10/2020

I MISS you OBSA AND JAWAR
dhugaa sinaan yaade

Address

Oromia
Adama

Telephone

+251934781206

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when DGT koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to DGT koo:

Share

Category