27/02/2026
Gootichi WBOn kibba bahaa keessa socho'u dheengadda halkan irraa aanaa Martii ganda Farqasaa Jawwii iddoo addaa Gabaa Ambaa Waajjiraa jedhamu keessatti 8 ajjeesee, 12 madeessuun kan irraa hafte ari'ee mooricha keessaa baasuun mooraa ishees abiddaan barbadeessee jira.
Aaanaa Gunaa ganda Moollamee Arjoo iddoo addaa Arjoo jedhamu keessatti 10 irraa ajjeesee, 15 madeessuun kan irraa hafte gargar bittinneessee jira.πͺ
Gootichi WBO'n kibba bahaa kaleessa Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Dhankaakaa Qonnicha jedhamtu kan magaalaa magaalaa Asallaa irraa kiiloo meetira 9 irratti argamtu keessatti loltoota Bilxiginnaa maqaa sakatta'aa WBO'n bobbaate haleeluun 11 ajjeesee, 19 madoon adabuun lama jiraatti harkaan qabuun kan irraa hafte baqachiisee gara magaalaa Asallaatti deebisee jira.
Qawwee AKM 7, qawwee boodatti hafaa 1, hidhannoo sadii fi qophiilee hiikeera.πͺ
ONM-ABO | Gurraandhala 27,2026