23/01/2024
DHUKKUBBII DUGDAA
*********************
AKKAMIIN OF GARGAARUU DANDEENYAA?
1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kan hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.
2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu ( salphaas tahu) irraa fagaachuu qabna.
3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaftokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.
4. Waan dilallaa'aa ta'e ykn ho'aa ta'e bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.
5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaa'uudhaan dhukkubbii nutti cimsa.
6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.
7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachu
un gaariidha.
*************************************
YOOM GARA MANA YAALAA DEEMUU QABNAA?
■ Dhukkubbiin dugdaa torbanoota muraasaa ol nurra ture.
■ Yoo bobbaa ykn fincaan qabachuu dadhabuun jiraate.
■ Yoo ho'iinsi qaamaa (fever) jiraate.
■ Yoo rukkuttaa, kufaatii fi balaa adda addaa waliin kan walqabate ta'e.
■ Dhukkubbiin baay'ee hamaa yoo ta'ee fi yoo boqotanis gidduutti kan nama hin dhiifne yoo ta'e.
■ Dhukkubbiin dugdaa yoo gara miilaatti gadi dhufa ta'e, keessumaa yoo jilba gadi darbee dhukkube.
■ Yoo miilli laamsha'uu ykn adooduu (yoo tuqan namatti dhaga'amuu dhiisuu)n jiraate.
■ Yoo ulfaatinni qaamaa baay'ee hir'ate (ykn baay'ee huqqatan).
*******************
Fayyaan Faaya.