Oromia Investment and Industry Bureau

Oromia Investment and Industry Bureau Visit Our Official Website to get More information Access

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa tiif itti fayyadama Teekinoolooji...
28/08/2026

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa tiif itti fayyadama Teekinooloojii irratti leenjii dandeettii raawwachiisummaa kennaa ture xummuuree jira
=======================
BIIO Hagayya 22, 2018- Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa tiif dhimma itti fayyadama Teekinooloojii irratti Leenjii dandeettii raawwachiisummaa guyyoota 5'f Magaalaa Adaamaatti kennaa ture xummuuree jira.

Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Galmaa Waaqoo Sagantaa cufiinsa Leenjichaa irratti argamuun leenjiin ogummaa kennamaa ture kunis gara hojii qabatamaatti akka hiikkatu kallattii itti aanu kaa'anii jiru

"Import Substitution"Pirojektootni Industirii Oomishaalee Alaa galan bakka buusan (Import Substitution) Invastaroota Biy...
27/08/2026

"Import Substitution"
Pirojektootni Industirii Oomishaalee Alaa galan bakka buusan (Import Substitution) Invastaroota Biyya Alaatiif kennamee yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galan daawwatame

BIIO Hagayya 21,2018 - Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Itti Aantootni Hooggantootni Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Margaa Qaana'aa, Obbo Woshoo Kadirii fi Qooda fudhattootni Pirojektoota Manufakcharingii Industirii (Import Substitution) Invastarota Biyya Alaatiif kennamee yeroo gabaabaa keessatti gara Oomishaatti galan Magaalaa Mojootti argamuun daawwatan.

Pirojektootni daawwataman kunneen Invastaroota Biyya Chaayinaatiif kennamee hojii Oomishaalee Alaa galan bakka buusuu fi Al ergee irratti bobbabba'uun yeroo gabaabaa keessatti gara Oomishaatti kan galiidha.
Daawwannaa boodas deeggarsaa isaan barbaachisuu fi rakkoolee tokko tokko hojii keessatti isaan qunname irratti mari'achuun kallattii furmaataa kaa'anii jiru

Manufakcharingii Industiriin(MDF) Invastaroota Biyya Alaatiif kennamee yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galan daaw...
25/08/2026

Manufakcharingii Industiriin(MDF) Invastaroota Biyya Alaatiif kennamee yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti galan daawwatame

BIIO Hagayya 19,2018 - Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Margaa Qaana'aa fi Qooda fudhattootni Pirojektoota Manufakcharingii Industirii (MDF) Invastarota Biyya Alaatiif kennamee yeroo gabaabaa keessatti gara Oomishaatti galan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii Magaalaa Ginciitti argamuun daawwatan.

Pirojektootni daawwataman kunneen Invastaroota Biyya Chaayinaatiif kennamee hojii MDF irratti bobbabba'uun yeroo gabaabaa keessatti gara Oomishaatti kan galiidha.
Daawwannaa boodas deeggarsaa isaan barbaachisuu fi rakkoolee tokko tokko hojii keessatti isaan qunname irratti mari'achuun kallattii furmaataa kaa'anii jiru

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii sadarkaa adda addaa irra jiraniif dhimma itti fayyadama Teekinoolo...
24/08/2026

Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii sadarkaa adda addaa irra jiraniif dhimma itti fayyadama Teekinooloojii irratti Leenjii dandeettii raawwachiisummaa kennaa jira.
======================
BIIO Hagayya 18, 2018 - Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Ogeeyyii Biiroo, Godinaalee fi Magaalotaa dhimma itti fayyadama Teekinooloojii irratti Leenjii dandeettii raawwachisummaa guyyoota 5'f turu Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Galmaa Waaqoo haasawa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti Kenna Tajaajilaa saffisaa, si'ataa, qulqullinaa fi iftoomina qabu kennuuf qabiinsi ragaa fi itti fayyadamni Teekinooloojii murteessadha jedhan. Kanaanis Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa hojiiwwan gama hundaan xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjechaa tureen milkaa'inoota gurguddoo argamsiisaa tureen akka Biyyaatti beekkamtii argatee jira jedhan

Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaatti Daayireektarri Teekinooloojii Qunnamtii Odeeffannoo Obbo Heenook Daawwit akka jedhanitti GSIM fi Digital Ethiopia 2030
Pirojektiin Sirna Bulchiinsa Invastimantii Odeeffannoo (GSIM) hojii Mootummaa gara tajaajila dijitaalaa, bulchiinsa ragaa irratti hundaa’ee fi tajaajila saffisaatti ceesisuuf gumaacha guddaa qaba. Kanaaf, hojii GSIM cimsanii itti fufsiisuun kallattii Digital Ethiopia 2030 waliin walsima.
Digital Ethiopia 2030’n namoota fi dhaabbilee dandeessisuu, guddina diinagdee dijjiitaalaa saffisuu, qaqqababummaa dijjiitaalaa babal’isuu fi Itoophiyaa bakka Invastimantii dijjiitaalaa hawwataa taasisuu irratti xiyyeeffata jedhan

Daayireektarri Gurmaa'insa fi Bulchiinsa Xiilannoo/ Istaatiksii Invastimantii Obbo Darajjee Galatii gama isaanitiin Ragaa sirrii fayyadamuun murtee kennuu, tajaajila dijjiitaalaa walitti hidhamiinsa qabu fi bulchiinsa ragaa fooyya’aa cimsuu irratti xiyyeeffata jedhan.

Kanaaf, GSIM hojii Digital Ethiopia 2030 keessatti mul’atu keessaa tokko ta’ee, keessumaa: Ragaa Invastimantii dijitaalaa fi qindaa’aa ta’e uumuu;
Madda ragaa tokko diriirsuu;
Tajaajila Invastaroota dijiitaaleessuu;
GIS fayyadamuun Invastimantii bakka irratti hundaa’uun bulchuu; Hooggansaaf ragaa sirrii fi yeroo isaa eeggate dhiyeessuu; Murtee ragaa irratti hundaa’e deeggaruu;
Tajaajila Mootummaa saffisaa, iftoominaa fi itti-gaafatamummaa qabu cimsuu; Caasaa Godinaalee fi Magaalotaa dandeettii dijjiitaalaa fi raawwachiisummaa isaa cimsuu irratti gumaacha qaba.
Kanaaf, hojii GSIM cimsanii itti fufsiisuun hojii Invastimantii qofa osoo hin taane, ce’umsa dijiitaalaa Mootummaa fi galma Digital Ethiopia 2030 milkeessuuf gumaacha qabatamaa qabuudha jedhan.
Leenjiin kunis guyyoota 5nan itti aananiif ni tura jedhamee eeggama.

Milkaa'ina itti fufe!! Baga Gammaddan!! Baga Gammanne! Minsteerri Industirii  Itoophiyaa (Ethiopian Ministry of Industry...
22/08/2026

Milkaa'ina itti fufe!!
Baga Gammaddan!! Baga Gammanne!
Minsteerri Industirii Itoophiyaa (Ethiopian Ministry of Industry) Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2018 Naannoolee fi Bulchiinsa Magaalotaa waliin Magaalaa Bishooftuutti gaggeessa tureen Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Naannichatti Industirii babal'isuu fi Bu'a qabeessa taasiseen Raawwii olaanaa galmeessisuun Naannoolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Itiyoophiyaa keessaa sadarkaa 1ffaa Bahuun Badhaafamee jira
Irra deebiin Baga Gammaddan!!

Pirojektootni Manufakcharingii Industirii Deeggarsi Faayinaansii godhameefii Oomishtummaa dabaluun sadarkaa adda addaa i...
18/08/2026

Pirojektootni Manufakcharingii Industirii Deeggarsi Faayinaansii godhameefii Oomishtummaa dabaluun sadarkaa adda addaa irra jiran daawwataman.
========================
BIIO Hagayya 12, 2018- Jiilli Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Woshoo Kadiriin durfamu, Itti Aanaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Galmaa Waaqoo dabalatee Bakka bu'oota Baankota garaa garaa, Waajjiraalee humna Ibsaa, Siinqee Liizii fi Qooda fudhattootni garaa garaa Magaalaa Bishooftuu fi Adaamaatti argamuun Pirojektoota Manufakcharingii Industirii Deeggarsi Faayinsaanii, Siinqee fi Tajaajjilli ibsaa godhameefii sadarkaa adda addaa irra jiran kanneen akka Warshaalee Sibiilaa, Saamunaa, Nyaata Beeyladaa, "Agro processing" adda addaa fi Manufakcharingii Industirii kanneen biroo Teekinooloojii Ammayyaatiin deeggaramee humna Oomishtummaa isaanii dabaluun hojjechaa jiran daawwatee jira.

Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Woshoo Kadir akka jedhanitti Kaayyoon daawwannaa kanaa Pirojektoota Manufakcharingii Industirii deeggarsi Faayinaansii fi Siinqee Liizii taasifameefii gara hojii qabatamaatti galanii Teekinooloojii ammayyaatiin deeggaramee humna Oomishtummaa isaanii dabaluun kanneen Oomisha Alaa galan bakka buusuun Biyya keessatti Oomishaa jiran (Import substitution) caalmaatti dandeetti Oomishatummaa isaanii dabaluun bu'a qabeessa akka ta'an jajjabeessuu fi rakkoolee hojii keessatti isaan muudate adda baasuu fi irratti mari'achuun kallattii furmaataa kaa'uuf jedhan.

Dhuma irrattis raawwii hojii dhiyeessii Faayinaansii, Siinqee Liizii fi Tajaajila ibsaa Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 irratti mari'achuun kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira

Sagantaa Muuxannoo Hojii wal jijjiiruu Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa fi Naannoo Somaalee==================...
17/08/2026

Sagantaa Muuxannoo Hojii wal jijjiiruu Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa fi Naannoo Somaalee
======================
BIIO Hagayya 11, 2018- Sagantaan muuxannoo hojii wal jijjiiruu Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa fi Naannoo Somaalee waliin Sochii Invastimantii fi Industirii Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti gaggeeffame. Sagantaaa Muuxannoo hojii wal jijjirraa kana irratti Hooggantoota Itti Aantoota Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa fi Garee (Team) Itti Aanaa Pirezedaantii Nnaannoo Somaalee Obbo Ibrahim Osmaaniin durfamu Hooggantootni olaanoo Naannichaa seektaroota garaa irra dhufan argamanii jiru.

Hooggantootni Itti Aanaantootni Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Haasawa baga nagaan dhuftanii taasisuun karaa qindaa'aa ta',een sochii Invastimantii Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru Garee (Team) Naannichaa kanaaf "Presentation" dhiyeessuun muuxannoo gaggaarii hoji Invastimantii Naannoo Oromiyaa Damee Dameedhan qoodaniifii jiru.

Muuxannoon Sochii Invastimantii fi Industirii Naannoo Oromiyaa Garee Naannicha irraa qoodameefis hojii Piroomooshiinii, Adeemsa Simannaa Pirojektoota Invastimantii, waliigaltee Pirojektoota Invastimantii, Deeggarsaa fi Hordoffoo pirojektoota Invastimantii, haala dhiyeessii Faayinaansii, Qabiinsa Ragaa, "Data Digitalization", Tajaajila On line (On line Servise), waa'ee Kilaastaraa fi Istaandaardii Invastimantii, haala itti fayyadama Teekinooloojii, Yaa'insa hojii, gahee Caasaa Invastimantii sadarkaa gubbaa hanga gadii jiruu fi Babal'ina Industirii Baadiyyaa irratti kan xiyyeeffatame yoo ta'u karaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaatiin Damee Dameedhan hojiiwwan hojjetamaa jiru bal'inaan ibsuun Biiroo Invastimantii fi Industirii Naannoo Somaalee tiif dhiyaatee jira.

Dhuma irrattis Gareen (Team) Naannicha irraa Sagantaa Muuxannoo wal jijjiirraa hojii Invastimantii kana irratti argaman muuxannoo qoodameefitti baay'ee kan gammadan ta'uu ibsanii Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa galateeffatanii jiru.

Invest In Oromia!Manufacturing Industry activities In Oromia Region!
14/08/2026

Invest In Oromia!
Manufacturing Industry activities In Oromia Region!

Baga Gammaddan!! Baga Gammanne! Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa Gamaggama  Raawwii Hojii Bara 2018 Naannoolee fi Bu...
08/08/2026

Baga Gammaddan!! Baga Gammanne!
Komishiniin Invastimantii Itoophiyaa Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2018 Naannoolee fi Bulchiinsa Magaalotaa waliin Magaalaa Gambeellatti gaggeessa tureen Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Raawwii olaanaa galmeessisuun Naannoolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Itiyoophiyaa keessaa sadarkaa 1ffaa Bahuun Badhaafamee jira
Baga Gammaddan!!

"Abdii Haa dhaabnu!""ተስፋን እንትከል!"Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Dhaabbii Biqiltuu Bara 2018 akka Biyyaatti guyyaa tokkotti...
03/08/2026

"Abdii Haa dhaabnu!"
"ተስፋን እንትከል!"
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Dhaabbii Biqiltuu Bara 2018 akka Biyyaatti guyyaa tokkotti Biqiltuuwwan Miliyoona 800, akka Naannoo Oromiyaatti Biqiltuuwwan Miliyoona 466 milkeessuuf guutuu Biyyaatti dhaabbachaa jira.
Lammiileen Biyya Keessaa fi Alaa Miira gammachuu fi Jaalalaan hirmaachaa jiru

Address

Sarbet
Adama
1000

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00

Telephone

+251965651506

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Investment and Industry Bureau posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Investment and Industry Bureau:

Shortcuts

Share