Abune Erbo

Abune Erbo Oromoon Tokkoo

26/12/2025

Tiksee Entertainment Chaanala kanarratti Sirboota Afaan oromoofi viidiyoowwan biroo Afaan Oromootiin hojjetaman hawwisiisoo ta'an argattu!Tiksee Madda Bohaar...

Galiin Misoomaaf! Utubaa Dinagdee Keenyaa kan ta'ee Gibiira yeroon kafaluun abshaalummaadha.‎‎Waajjirri Galiiwwanii Maga...
06/07/2025

Galiin Misoomaaf! Utubaa Dinagdee Keenyaa kan ta'ee Gibiira yeroon kafaluun abshaalummaadha.

‎Waajjirri Galiiwwanii Magaalaa Dodolaa yeroofi akkaataa Kafaltii Gibiraa Kafaltoota Magaalaa Dodolaa sadarkaa isaaniitiin adda baasuun beeksisee jira.

‎Haaluma kanaan Daldaltoonni sadarka C, Adoolessa 1-30, Kafaltoonni Sadrkaa "B" Adoolessa 1 hanga Qaammee 5, Daldaltoonni Sadrkaa "A" Adoolessa 1-Onkoloolessa 30 tti tahuu sagantaafi yeroo kaffaltii gibiraa qopheessaniin beeksisaniiru.

‎Kanaaf kana hubachuun Kafaltoonni Magaalaa keenya hundi yeroo jedhamee keessatti kaffaltii gibira isiin irraa eegamu kaffaluun dirqama lamummaa keessan raawwachuu akka qabdaan waajjirri Galiiwwaanii Magaalaa Dodolaa kabajaan isiin hubachiisaa.

‎Gibiirri kan olluuf bu'uuralee misoomaa kanneen akka; Daandii, Bishaanii, Fayyaafi tajaajila ibsaatiif ollaa waan ta'eef gibira yeroon kaffaluun gahee keenyaa haa banuu!

‎Hubachisa, Kaffaltiin hundi karaa teeleebirii qofaan waan raawwattamuuf karaa jedhamee kanaan kaffaltii gibira keessan raawwadhan dhaamsa daldala keenyaati.!

‎ !

‎Obbo Muhammad Abdulwaahid
‎ I/G Waajjira Galii Magaalaa Dodolaa

Ummanni Magaalaa Dodolaa Tajaajila Qulqulluu fi Seera-qabeessa Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa Irraa Argachaa...
20/06/2025

Ummanni Magaalaa Dodolaa Tajaajila Qulqulluu fi Seera-qabeessa Waajjira Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa Irraa Argachaa Jiruu"
***********************
Guyyaa Obbo Faqii Dheekkoo hooggansan gara Waajjira lafa Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa dhufe irraa jal qabe jijjiiramni mul’ataa fi bu’aa qabeessa uummanni argatee jira.waajjiri lafa Yeroo darbe keessatti, uummanni Yeroo dheeraaf tajaajila eeggachuuf ragaa ofi barbadachuuf jecha waajjirati deddeebi'uun ragaa ofi kara itti fufinsa qabuun hin argatin akkasumas sababa dogoggora galmeetin tajaajila irratti Uummanni rakkoo hedduun wal argaa ture.

Rakkoo kanaf sababaan kan ta'e Bulchiinsa dadhabaa fi to’annoo haqaa, dhabuu ragaan teknoolojii deeggaramu qindeessuu dhabuu hooggansa irra kan ka'ee Uummanni Odeeffannoo qubsaaf sirrii dhabuu irra rakkoo cimaa keessa ture Amma garuu, jijjiiraman yeroo gabaabaa keessatti mul’ate jira.

Namni tokko waajjira seene osoo yeroo hin balleessiin jajajjila saffisa argachuun dhimma isaa xumurate gara mana isa deebi'a jira Akka dura sanitti Ragaa barbadachuuf hin deebi'uu Waajjirri ragaa dhuunfaa uummata fi galmee abbaa qabiyyee seeraan galmeesse qabaachuun, raawwii saffisaa fi qulqulluu kenna jira.Amantaa fi hirmaannaa uummataa dabale Uummanni waajjirati amanee tajajilama jira,Uummanni tajaajila qulqulluu haqa qabeessaf Aritiin, argacha jiruu akkasumas kutannoon hojjattootaa fi tooftaa hojii sirrii hordofuun rakkoolee tajaajilaa duraan ture hedduu furuun, uummata hunda gammachiisee jira.

Obbo Faqii Dheekkoo fi hojjattoonni Waajjira lafa Magaalaa Dodola tarsiimoo hojii haaraa fi bu’a qabeessa hordofuun, lafa seeraan alaa akka barbadaanitti armaan duraa qabata saamama turan qoqqobbii irra ka'un hojii gaariin hojjatama akka jiruuf akkasumas Uummanni tajaajila guutuu fi iftoominan tajaajilaa akka argatu mirkaneessuuf kallattii ifaa fi seera qabeessa irratti hojjachaa jiru. Kun immoo amanamummaa uummataa ijaaruun, mootummaa fi uummata gidduu walitti dhufeenya cimsaa jira.

Obbo Faqiin hoogganaa mul’atu qabuf Hoogganaa gaarii ta'uu isaa irra kan ka'ee hojii hojjetoota isaa waliin ta'uun tokkummaaf qindoomina uumuun hojjatootaa isa tokkoomsuun hojii cimsuun tajaajila uummataaf seeraan haqaan fi qulqullinaan kennuu yoo ta'an hogganaa tarsiimoo ifaa qabuufi hojii isaa irratti dhugaa fi naamusa ol’aanaa qabuun nama beekamu gaggeessaa cimaa uummataaf halkaniif guyyaa hojjatuufi bu'aa hojii isaatiin madaalamu dha.

Ummanni magaalaa Dodolaa yeroo ammaa kana waajjira lafaa irraa tajaajila qulqulluu, saffisaa fi seera-qabeessa ta’e argachaa jira. Kunis bu’aa hogganaasa jijjiiramaf hojiirra oolmaa imaammata haaraa fi dandeettii hooggansa gaariif hojii qindoominan raawwachuu hojjatootaa waajjirrichaatin kan dhufe yoo ta'u rakkowwaan Kanaan dura hundaaf gufuuwwan hedduun dhimmoota lafaa irratti mul’achaa turan hikkachun kan armaan duraa Namoonni hedduun ragaa abbaa qabeenyaa dhabuu, fi galmee lafa isaanii irratti shakkii fi danqaa seeraan ala ta’e qaban yeroo ,Amma garuu, haalli kun guutummaatti sirreeffamuun lafti uummataa galmee seeraan galmaa’eefii, ragaan abbaa qabiyumma qulqullinaan kennameef jira.

Ragaan abbaa qabiyyee (Sritifikeetii) ummata harka gahuudhaan, abbootiin qabeenyaa mirga isaanii sirriitti eeggachuu fi itti fayyadamuuf carraa haaraa argatanii jiru.Kanaan dabalataan, lafa online irratti ilaalamuu danda’u (digital registry) fi kadastraan (cadastre system) saffisaan raawwatamuun, haala tajaajila yeroo ammaa kana sirnaan deggeraa jira. Kunis seera-qabeessummaa, iftoomina, fi itti fayyadama lafaarratti walqixxummaa mirkaneessuudhaan, rakkoo seeraa fi falmii lafa irratti mul’atu hir’iseera.Jijjiiramni kun bu’uura misooma ammayyaa, mirga dhuunfaa, fi guddina nageenyaa fi diinagdee magaalaa keenyaa ti. Kanaaf uummanni keenya hojii seeraa fi qulqullina qabu kana gammachuun simachuun, waajjira lafaa irratti amantaa horachaa jira. Waan hundaan, hojiiwwan akka kana fufsiisuun, misooma lafa irratti ijaarsa amantaa uummataa, nageenya, fi faayidaa hundaaf ta'u akka gumaachuuf gahee ol’aanaa qaba. Kanaaf tajaajilli lafa mootummaa keenyaa kun, faayidaa lammii bu’uuraa fi seeraan mirkanaa’e kennuun dhugumaan jijjiirama haqa-qabeessa galmeessisaa jira.

Obbo Faqii Dheekoo Sirna tajaajilaa saffisaa fi bilchina qabu uumuuf, teknolojii ammayyaa fayyadamuun, adeemsa hojimaataa sirreessuu fi qaamolee tajaajilaa saffisiisan irratti hojjechuun, uummanni magaalaa tajaajila qulqulluu fi gahaa akka argatu taasisaa jira .Kana malees, misooma magaalaa keessatti haala ammayyaa ta’e uumuuf, lafa magaalaa sirnaan qopheessuu, abbaa qabeenyaa mirkaneessuu, fi walitti dhufeenya uummata waliin jabeeffachuun, magaalaan guddina waaraa fi milkaa’ina dinagdee keessatti daandii sirrii irra akka taa’u gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Obbo Faqii Dheekkoo, giddugala gabayaa magaalaa Dodolaa keessatti akka ijaaramu nama tattaaffii cimaa taasisaa jiru. Giddugalli gabayaa kun, uummataaf tajaajila daldalaa haala sirrii, bilchina qabuun kennuuf kan karoorfameefi, misooma magaalaa keessatti shoora ol’aanaa qaba.waan ta'ef halkaniif guyyaa yeroo fi humna isaanii hunda fayyadamuun akka karoori galmaan gahuuf hojiin kun akka milkaa’uuf dhama’aa jiru. Irra caalaatti, ijaarsa gabayaa kanaaf qophii lafaa, waliigaltee qaamota dhimmi ilaalu waliin taasifamuu, fi hojiin bu’uuraa eegalamuun, guddina magaalaa fi carraa hojii uumuuf bu’uura jabaa kaa’aa jira.

Giddugalli gabayaa kun yeroo raawwatame, magaalaa Dodolaa keessatti tajaajila daldalaa sirrii fi qulqullina qabu fiduun, daldaltootaaf iddoo mijataa uumuun, diinagdee magaalattii daran cimsuu irratti shoora olaanaa qabaata.

Kanaafuu, Uummanni Magaalaa Dodola Obbo Faqii Dheekkoo hoogganaa jabaa waan ta'ef qaamaf yaadan wajjin dhaabbachuun gumaacha akkasii tumsuun, cimina isaa cimsuun, waliin deemuun dirqama lammummaa keenya.

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abune Erbo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share