Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Boolee

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Boolee Kaayyoon Page Kanaa hubannoo seeraa Hawaasa baldhaaf Uumuudha.

14/10/2025

Murtii Barsiisaa👇🏻
Himatamtoonni yakka wanbaduummaa raawwatan adabaman
Himatamtoonni maqaan isaanii 1ffaa-Abeel Joonii Zawudee 2ffaa-Heenook Abbabaa Lammechaa jedhaman gaafa guyyaa 22/12/2017 galgala keessaa sa'aatii 3:40 yommuu ta'u asuma magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Dhakaa Adii iddoo addaa Mana Barumsaa Akkadaamii Beezaa jedhamu fulduratti miidhamtuu dhuunfaa Ra'isaa Musxafaa jedhamtu irraa humnaan qabuun bilbiilaa gosa huwwawwee qarshiin 15,000 baasu fi boorsaa harkaa qarshii 500 baasu irra fuudhuun yeroo miliquuf yaalan hordooffii godhameen harkaaf harkatti qabamuun galmeen qulqulla'ee himannaan seera yakkaa kwt.32/1/A fi 670 jalatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Booleef dhiyaatee Manni Murtiis bitaa fi mirga erga falmisiisaa tureen booda keewwatuma ittiin himataman jalatti balleessadha jechuun himatamtoota ni barsiisa, fakkaattota isaanis ni akeekachiisa jechuun mataa mataan dhaddacha gaafa guyyaa hardhaa jechuunis 04/02/2018 Ooleen Adabbii hidhaa cimaa waggaa 2 fi baatii 3 tiin adabeera!

04/08/2025
19/07/2025

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara bajaa 2017tti Olaantummaa Seeraa fi Haqaa lamilee mirkaneessuuf eeruuwwan kuma 52’f murtee argataniiru jedhan.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara bajaa 2017tti ol’aantummaa seeraa fi haqa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa tureen bu’aaleen gudguddoon galmaa’eera jedhan.

Bara bajaa 2017tti eeruuwwan kuma 63fi dhibba 3 dhiyaatan keessaa kuma 52 dhibbentaa 82.2 qulqullaa’anii kan xumuraman harcaatii eeruu gara dhibbentaa 12tti xiqqeessuuf karoorfamee dhibbentaa 7.1 irraan geessisuun hojii fooyya’insa qabu hojjechuun danda’ameera jedhan.

Gama birootiin; dhimmoota yakkaa murtiin irratti kenname ilaalchisee galmee dhimma yakkaa qorannaan xumuramee murtiif dhiyaate kuma 57fi dhibba 4 keessaa kumni 54fi dhibba 8 dhibbentaa 95.5 himannni irratti dhiyaateera.

Dandeettii qulqulleessuu Abbaa Alangaa galmee qormaataa dhimmoota yakkaa gosa hundaa dhibbentaa 99 irra qaqqabuu kan danda’ee fi dandeettiin adabsiisuu Abbaa Alangaa ammoo dhibbentaa 97 irra gahuu danda’eera jedhan Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Ulfaataa.

Baga Gammaddan Baga Gammanne!!!~~~~~~~~~~~~~~~~《》~~~~~~Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Biiroolee Naannoo Oromiy...
15/07/2025

Baga Gammaddan Baga Gammanne!!!
~~~~~~~~~~~~~~~~《》~~~~~~

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Biiroolee Naannoo Oromiyaa keessaa Raawwii Ol'aanaa Galmeessisuun badhaasa Presidential Award /Badhaasa Pireezidaantawaa/ Naannoo Oromiyaa marsaa 4ffaa bara 2017 injifachuun manneen hojii sadarkaa Naannootti jiran keessaa sadarkaa 3ffaa bahuun badhaafamee jira.

Biiroon keenya seena ture jijjiirruun seenaa haaraya waan galmeesseef Hooggansi keenyaas gubbaa hanga jalaatti sirnaan jijjiirama hoogganee jijjiirama fiduun akka danda'amu argisiisanii jiran.

Abbootiin Alangaa fi hojjattoonni bulchiinsaa sadarkaan jiraniis gahee adda durummaa bahachuun badhaasni kun akka argamu taasisanii jiru.

gammaddan baga waliin gammanne isiniin jenna!!!

06/07/2025

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Itti gaafatamtoota Godinootaa, Aanaalee akkasumas kan Magaalaa fi Kutaa Magaalaa waliin Gamaaggama raawwii bara 2017 ilaalaa jira. Toorri Xiyyeeffannoo Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa gamaaggama raawwii gabaasa bara baajataa 2017 irratti xiyyeeffate qoratus Dhimmoota 4 yoo ta'an Isaanis yakka irratti Qulqullina Qorannaa yakkaa himannaa fi Galmeelee dhiyaataniif Istaandaardii taa'ame keessatti of harkaa xumuruu fi Dandeettii Adabsiisuu dhimma qabatanii, Bulchiinsa keessoo Biiroo fi Caasaalee Biirichaa sadarkaan jiranii Dambii fi Qajeelfamoota Biirichi baafateen walqabatee maal fakkaanna kan jedhu akkasumas Gama Dhimmoota Hariiroo Hawaasaatiin Dantaa Mootummaa kabajuu fi kabachiisuun walqabatee raawwii jiruu fi toorri xiyyeeffannoo inni Dhumaa ykn 4ffaan Naamusa Ogummaa Ogeessotaa (Muudamtoota Gumii) akka ta'e Hoogganaan BAAWO Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo haasa'a baniinsaa irratti ibsaniiru. Kanumaan Gabaasni raawwiis tuuta tuutaan gargar qoodamee ilaalamaa kan jiruu dha.

26/06/2025

Kutaa Xumuraa Aangoo Biiroo Abbaa Alangaa
 Mirgaafi dantaa ummataafi mootummaa kabachiisuuf Manneen Hojiifi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannichaa, akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataa bakka bu’iinsa kamiyyuu dhiyeessuun osoo hin barbaachisiin bakka bu’aa ta’ee himata hariiroo hawaasaa ni hundeessa; ni falma; deebii ni kenna; dhimmoota falmiin jalqabame gidduu seenuudhaan ni falma; murtii kenname bu'uura seeraatin ni raawwachiisa.
 Waliigalteewwan manneen hojiifi dhaabbilee misoomaa mootummaa naannichaa qaama biroo waliin taasisan ilaalchisee seera qabeessummaa isaa ni xiinxala; gorsaafi deeggarsa seeraa ni kenna; raawwiin isaa Qajeelfama Manni Maree Bulchiinsaa baasuun kan murtaa’u ta’a.
 Dhimma hariiroo hawaasaa Manneen Hojii yookiin Dhaabbileen Misooma Mootummaa Naannichaa irratti waldhaban ilaalchisee dhimmichi mana murtii yookiin mana murtiin ala mala filannoo jiruun akka furamu ni murteessa; bu'uura murtichaatiin raawwatamuu isaa ni mirkaneessa.
 Namoota himannaa hariiroo hawaasaa banuuf humna dhaban keessumaayyuu dubartoota, daa'imman, qaama miidhamtootaafi maanguddoota bakka bu’ee ni falma; akka falmamu ni taasisa.
 Namoota gocha yakkaatiin miidhaan irra gaheefi himata dhiyeeffachuufi falmuuf humna hin qabne bakka bu'ee beenyaa akka argatan himannaa hariiroo hawaasaa ni dhiyeessa; ni falma yookiin walta'iinsa ni taasisa.
 Hojii isaa ilaalchisee qorannaafi qo’annoo hojii ni taasisa; ragaaleefi istaatistiiksii adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; ni tamsasa; ni gabaasa.
 Ilaalcha, dandeettiifi ogummaa Abbaa Alangaafi hojjattootaa itti fufiinsaafi sadarkaa sadarkaan cimsuuf leenjii ni kenna; leenjiifi carraan barnootaa akka kennamu ni taasisa.
 Ogeessota seeraa naannicha keessatti tajaajila abukaatummaa irratti bobba’uu barbaadaniifi ulaagaa guutaniif akkasumas barreessitoota dhimma seeraatiif hayyama ni kenna; ni haaromsa; ni hordofa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa.
 Qaamolee dhimmi ilaalu waliin sirni tajaajila seeraa bilisaa itti kennamu ni diriirsa; tajaajilichi akka kennamu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata.
 Waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa bu’aaf hin hundeeffamne ni galmeessa; hayyama qaama seerummaa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hordofa; ni to’ata; gabaasa raawwii hojii dhiyaatu irratti hundaa’uun hayyama ni haaromsa; ni dhorka; ni haqa.
 Waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa Mootummaa Federaalaa irraa hayyama fudhatanii naannicha keessatti hojjatan ni to’ata; qaama dhimmi ilaaluuf ni gabaasa.
 Hojiiwwan mirkaneessaafi galmeessa ragaalee qaamolee birootiif seeraan hin kennamne ni raawwata; ragaa ni kenna.
 Dubartootnifi daa'imman bulchiinsa haqaa keessatti qooda fudhattootaafi fayyadamtoota akka ta’an ni hojjata; haala ni mijeessa; ni deeggara.

25/06/2025

Kan darbe irraa kan itti fufe Aangoo Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
23. Murtiin Abbaa Alangaatiin kennamu madaalawaafi tilmaamamaa akka ta’u kan gargaaru Qajeelfama ni baasa; hojiirra ni oolcha; hojiirra ooluu isaa ni hordofa.
24. Ragaan seeraafi himatamaa akka dhiyaatan qaama dhimmi ilaaluuf ajaja ni kenna; ni hordofa; bu'uura ajaja kennameen raawwatamuu yoo baate tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa.
25. Bu’uura seeraatiin eeruu kennitoota, ragaa baatotaafi maatii isaaniitiif qaama dhimmi ilaalu waliin Wabii Eegumsa Qaamaafi Hojii ni kenna; akka kennamu ni taasisa.
26. Galmee qorannoo yakkaa irratti bu'uura seeraatiin murtii ni kenna; mootummaa bakka bu'ee himata ni hundeessa; falmii ni gaggeessa; faayidaa ummataaf barbaachisaa ta'ee yoo argame himata ni kaasa; himata ka'e akka itti fufu ni taasisa.
27. Murtii Manni Murtii sadarkaan jiru kennu irratti komiin yoo jiraate ol’iyyannoo ni gaafata; ni falma; iyyata ijibbaataa ni dhiyeessa.
28. Ajajaafi murtiiwwan yakkaa manneen murtiitiin kennaman bu'uura seeraatin raawwatamuu isaanii ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa.
29. Dhimma baraarsaafi dhiifamaa ilaalchisee qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; sirna ni diriirsa; waajjira boordii dhiifamaa ni hundeessa; ni hooggana.
30. Qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uudhaan karoora raawwii mirga namoomaa ni qopheessa; raawwii isaa ni hordofa; sadarkaa naannootti qaamolee dhimmi ilaalu ni qindeessa; qaama dhimmi ilaaluuf gabaasa ni dhiheessa.
31. Mirgi sirreeffamtoota seeraa yookiin namoota buufata Poolisii yookiin mana sirreessaa keessatti to’annoo seeraa jala jiran kabajamuu isaa ni hordofa; haalli qabiinsa mirgaafi yeroon turtii bu’uura seeraatiin ta’uu isaa ni mirkaneessa; gochi seeraan alaa yoo raawwatame tarkaanfii seeraa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa.
32. Namootni yakka salphaan shakkaman yookiin yakka raawwachuun isaanii shakkisiisaa ta’e poolisiin bu’uura seeraatiin akka gadi lakkisu qajeelfama ni kenna; raawwii isaa ni hordofa; tarkaanfii seeraa ni fudhata.
33. Hubannoon seeraa hawaasaa akka cimu barumsa hubannoo seeraa ni kenna; qaamota dhimma kana irratti hirmaatan ni qindeessa; bu’aa isaa ni xiinxala.
34. Seeronni bahan yookiin fooyya’an qo’annoo irratti akka hundaa’an qo’annoo seeraa ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa; wixinee seeraa ni qopheessa; wixineewwan seeraa qophaa’anii dhiyaatan xiinxalee ni sirreessa; Afaan Amaaraafi Ingiliiziitti sirnaan hiikkamee dhiyaachuu isaa ni mirkaneessa; qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.
35. Seerota naannichaa sirnaan ni qaba; hojii kodifikeeshiniifi jildeessuu ni raawwata; qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun seerota Federaalaa gara Afaan Oromootti ni hiika.
36. Seerotni bahan Heera, seerota Naannichaafi Federaalaa, Waliigalteewwan Idil-Addunyaa, mirga dubartootaafi daa’immanii akkasumas, tumaalee kan biroo Itoophiyaan mirkaneessite waliin kan wal siman ta’uu isaanii ni mirkaneessa.
ITTI FUFA.................

23/06/2025

Aangoo Biiroo Abbaa Alangaa kan darbe irraa kan itti fufe:-
11. Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata.
12. Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabatee eeruun yoo isa gahe yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e, odeeffannoo yookiin eeruu ni fuudha; poolisiif ni qajeelcha yookiin murtii barbaachisaa ta’e ni kenna.
13. Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa.
14. Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka oolu ni taasisa.
15. Namoota yakka malaamaltummaa ciccimaatiin shakkaman ni miliqu yookiin ragaa ni balleessu jedhee yoo shakke yeroo sa’aatii 48:00 hin caalleef ajaja Mana Murtii osoo hin barbaachisne ajaja Abbaa Alangaa Waliigalaatiin bu’uura Seera Sirna Deemsa Falmii Yakkaafi Labsii Sirna Seera addaafi Ragaa Farra Malaammaltummaatiin to’annaa jala oolanii buufata Poolisii akka turan ajaja ni kenna.
16. Qorannaaf barbaachisaa ta’ee yoo argame bu’uura Seera Sirna Deemsa Falmii Yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin nama kamiiyyuu dhiyeessisee ni gaafata; jechi irraa akka fuudhamu ni taasisa; nama yookiin mana hojii kamiiyyuu irraa ragaan akka dhiyaatuf ni ajaja, ragaa dhiyaate ni fudhata.
17. Yakka malaammaltummaa yookiin taaksiin walqabatee maallaqni yookiin qabeenyi argame Baankii keessa jiraachuu isaa shakkiin gahaan yookiin ragaan yoo jiraate herrega Baankii shakkamaa yookiin maatii isaa yookiin maqaa nama biraatin olkaawamuusaa ragaa gahaan yoo argame yookiin gahee aksiyoonaa qabaachuun isaa ragaan kan jiru yoo ta’e ajaja Abbaa Alangaa waliigalaatiin ragaan akka walitti qabamu ni taasisa; barbaachisaa ta’ee yoo argame ajaja Mana Murtiin maallaqichi yookiin qabeenyichi akka hin sochoone ni taasisa.
18. Qabeenyi nama kamiiyyuu gocha yakka malaammaltummaatiin argame, horatame yookiin tilmaama miidhaa gahee haala walqabaateen qorannaarra jiran ajaja Mana Murtiitiin akka hin sochoone ni taasisa; qabeenyi nama kamiiyyuu yakka malaammaltummaatiin argamuun yookiin horatamuun isaa yoo mirkanaa’e qabeenyichi ajaja Mana Murtiitiin akka dhaalamu ni taasisa yookiin tilmaama miidhaa gaheen kan walmadaalu akka deebi’u yookiin caalbaasiin gurguramee yookiin osoo hin gurguramin mootummaaf galii akka ta’u ni taasisa.
19. Namoota mirga yakkaan himatamu dhabuu qabaniifi yakkaan shakkaman yookiin himatamuu qaban mirgi kun akka irraa ka’u qaama mirgicha kaasuuf aangoo qabutti ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu akka to’atamu ni taasisa; ni himata; ni falma; raawwii isaa ni hordofa.
20. Namni yakka malaammaltummaa irratti hirmaate tokko dhimmichi mana murtiitti osoo hin dhihaatin dura odeeffannoo barbaachisaafi bu'aa qabeessa ta'e yoo kenne himannaa irraa bilisa akka ta'u ni taasisa.
21) Bu’uura seeraatiin balleessummaa irratti akka waliigalamu ni murteessa; walta'iinsa ni taasisa; falmii himannaatiin ala tarkaanfiiwwan filannoo kan biroo akka fudhataman ni murteessa; hojirra oolmaa isaa ni hordofa.
22) Adeemsa qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu keessatti meeshaalee ciraa akka ragaatti qabaman irratti qajeelfama yookiin murtii seeraa barbaachisaa ta’e ni kenna.
Itti Fufa.....

18/06/2025

Hojii Abbaa Alangummaa qaamolee adda addaatiin bifa faffaca’een hojjatamaa ture walitti qindeessuun hojii abbaa Alangummaa si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e kennuun Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf, Tajaajila Ogummaa Abbaa Alangummaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu hirmaachisaa ta’e kennuuf Mana hojii Abbaa Alangaa bu’aa qabeessa, Amantaa ummataa qabu, akkasumas Bilisummaa Ogummaa fi dhaabbatummaa gonfate hundeessuu, Ormiyaa keessatti sirni heeraafi seeraa akka kabajamuu fi Ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u, akkasumas, mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eegaman kabajamuu isaanii mirkaneessuuf Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Labsii Lakk. 214/2011 hundeeffameera. Itti Wamamni mana hojichaas Pirezedaantii Naannichaaf ta’ee, Heerafi sirna Heera kabajuu fi kabachiisuu Olaantummaa seeraa mirkaneessuu, Seera yakkaa kabachiisuu fi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa naannichaa fi ummataa kabachiisuudhaaf Aangoo armaan gadii qabachuudhaan Labsichi baheera.
1. Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u taasisuu,
2. Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra oolchuu, hojiirra akka oolu taasisuu,
3. Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti hojiirra itti oolu mijeessuu, Qindeessuu, hojiirra oolmaa isaa hordofuu,
4. Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfakkaatinsa kan qabu ta'uu mirkaneessuu,
5. Dhimma seeraa irratti gorsaa Olaanaa fi bakka bu'aa Mootummaa Naannichaa ta'uun hojjachuu,
6. Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii mirkaneessuu,
7. Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii mirkaneessuu
8. Seerota biraatiin Aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisuu, qorannoo yakkaa gaggeeffamu hoogganuu, hordofuu faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu taasisuu
9. Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin qorachuu, barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin qorachuu
10. Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin qorachuu, akka qoratamu taasisuu tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu akka fudhatamu taasisuu.
Itti Fufa………………………………..

02/06/2025

Barbaachisummaa fi Kaayyoo Manneen Murtii Aadaa 👇🏻👇🏻👇🏻👇🏻
Aadaaleen mirgoota bu’uura Namoomaa, dimokiraasii fi Heera Mootummaa hin faallessine akka gabbatanii fi guddatan gargaaruu fi Walfalmitoonni dhimmi isaanii seera aadaatiin akka ilaalamuuf fedhii qaban Sirna Aadaa ofiitiin waldhabbii hiikkachuuf qabuuf beekamtii seeraa kennuudha. Kanumaan Manni Murtii Aadaa Naannoo keenyaas Aadaa fi Afaan Oromoo guddisuuf, Hawaasni seera aadaa fi adeemsa ofii beekuun haala salphaa ta’een akka keessummaa’uuf, Baasii Tajaajilamtootaa hirdhisuuf, Hariiroon hawaasummaa wal dhabdootaa deebi’ee akka cimuuf garee lamaan isaanii moo’ataa taasisuuf akkasumas miirri haaloo bahuu wal dhabdoota gidduutti akka hin jiraanne kan taasisuudha.
Dabalataanis Dhaqqabummaa (si’aayina) haqaa ni mirkaneessa. Sababiin isaas falmiin kan jalqabu sadarkaa gandaa (bakka waldhabdoonni itti jiruu isaanii gaggeeffataniitti waan ta’eef) Dhugaa fi haqa baasuu irratti Sirna kakuu cimaan, Safeeffannaan hawaasni aadaa fi maanguddoof qabuunii fi Sirni dhageettii ragaa akka barbaachisummaa isaatti ilaallamuu kan danda’u waan ta’eef dhimmoonni yeroo gabaabaa keessatti furmaata argachuu kan danda’aniidha.
Kaayyoo Manneen Murtii Aadaa (Labsii Kwt 6)
Hawaasni Naannichaa seera aadaa fi duudhaa bu’uureffachuun waldiddaa akka hiikkatu taasisuu,
Kenniinsa haqaa seera aadaa irratti hundaa’e, dhugaa fi haqa baasuu irratti fooyya’aa ta’e, hariiroo hawaasummaa wal dhabdootaa cimsuu danda’u hojiirra oolchuudhaan kabajamuu mirgoota lammiilee fi ol’aantummaa seeraatiif gumaachuu,
Hawaasni naannichaa tajaajila haqaa dhaqqabamaa, adeemsi isaa salphaa ta’e baasii xiqqaan akka argatu taasisuu,
Sirna seeraa fi haqaa guddina aadaa, duudhaa fi Afaan Oromootiif gumaachuu fi miirri abbummaa keessatti mirkanaa’e uumuu dha.

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Boolee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share