Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii

Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii, Government Organization, Akaki Kality, Addis Ababa.

10/08/2026
📌 Qabxiilee gugguuddoo MM Abiyyi Ahimad (PhD) turtii OBN waliin taasisaniin kaasanHagayya 03/2018Turtii Ministirri Muumm...
09/08/2026

📌 Qabxiilee gugguuddoo MM Abiyyi Ahimad (PhD) turtii OBN waliin taasisaniin kaasan

Hagayya 03/2018

Turtii Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Oromiyaa Biroodkaastingi Neetwork (OBN) Wajjiin Taasisan Cuunfaan;

✅Tohannoo fi Walitti Makamiinsa Seeraan Alaa: Hidhattoonni naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti socho'an mootummaa injifachuu akka hin dandeenye yoo hubatan hidhata seeraan alaa uumaniiru.

✅ Ilaalcha Siyaasaa Moofaa: Gareen TPLF ilaalcha, hoggansa fi yaada siyaasaa moofaa yeroo ammaatiin milkaa'uu hin dandeenye keessatti dhiphatee argama.

✅ Hidhattoota Meeshaa Godhachuu: Gareen kun hidhattoota naannolee biroo keessa jiran akka michuu qixa ta'aniitti utuu hin taane, biyya diiguuf akka meeshaa itti fayyadamaatti fayyadamaa jira.

✅ Diinota Alaa tajaajiluun: Meeshaa diinota alaa seenaa qabanii fi fedhii estrateejikaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu qaban ta'ee tajaajilaa jira.

✅ Gara Olaantummaa Seeraatti Cehuu: Dimookiraasiin dhugaa bilisummaa siyaasaa irraa gara mariitti, mariin immoo gara olaantummaa seeraa waliigalteedhaan qophaa'utti guddachuu qaba.

Kantiibaa Adaanech leenjitoota giddu gala leenjiifi ogummaa dubartootaa Lenageewaatti leenji'aa turan eebbisan Hagayya 0...
09/08/2026

Kantiibaa Adaanech leenjitoota giddu gala leenjiifi ogummaa dubartootaa Lenageewaatti leenji'aa turan eebbisan

Hagayya 03/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee leenjitoota marsaa 5ffaa giddu gala leenjiifi ogummaa dubartootaa Lenageewaatti leenji'aa turan eebbisan.

Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin dubartoota rakkoo hawaasummaa garaagaraaf saaxilamanii turan 858 giddu gala leenjiifi ogummaa dubartootaa Lenageewaatti leenji'aa marsaa 5ffaan leenjisuun ebbisuun gara hojiitti bobbaasuu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa pirojektoota namoomaaf dursa kennan babal'isaa jiraachuu kan eeran Aadde Adaanech Abeebee kanneen keessaa dubartoota kaleessa daandirra turan rakkoo hawaasummaa garaagaraaf saaxilaman dandeettii ogummaafi naamusa cimsuun gara jireenya fooyya'aafi abdachiisaatti ceesisaa jiraachuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech Finfinneen magaalaa haqni hawaasummaa keessatti dagaage,hanqinootni waggoota dheeraaf turan kan keessatti furmaata argatan akka taatuuf hojiileen hojjechaa jirru ragaa qabatamaadha kaasuun giddu galli leenjiifi ogummaa dubartootaa Lenageewaa kanneen keessaa tokko tahuu hubachiisaniiru.

Kanneen har'a eebbifaman dabalatee giddu galichi hanga ammaatti leenjifamtoota 3,259 eebbisuun gara hojiitti galchuu kan ibsan Aadde Adaanech kunis jireenya fooyya'aa akka gaggeeffataniifis tahe kanneen biroof fakkeenya akka tahan ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee eebbifamtootaaf ergaa dabarsaniin kaleessa keessan yaadachaa borii keessaniif jireenya fooyya'aa qabaachuuf addunyaa hojii keessatti ogummaa leenjiin argattan hojiitti hiikuun injifattoota taatan argamuu qabduun imaanaa jedhaniiru.

Tolus hammaatus numati kan waliiti,diinaaf karaa tahuu hin barbaachiisu - MM Abiyyi Ahimad (PhD)Hagayya 02/2018Ministirr...
09/08/2026

Tolus hammaatus numati kan waliiti,diinaaf karaa tahuu hin barbaachiisu - MM Abiyyi Ahimad (PhD)

Hagayya 02/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Oromoon jaarmiyaa guddaa jalatti wal gahu qabaachuun baay'ee murteessaadha jedhan.

Dooktar Abiyyi turtii addatti OBN waliin taasisaniin uummatni Oromoo walooma isaa cimsachuun gaaddisa waliif tahuu akka qabu ibsaniiru.

Uummatni Oromoo akkuma saboota biyyatti dafqee hojjetatee bula kan jedhan Dooktar Abiyyi qaamoleen saba Oromoo qofaatti baasuun isaan abbaa dabareeti jedhan warreen holola oofuu baran tahuu himaniiru.

Oromoon qofaatti waan fayyadame hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad warreen Oromoo cabsuuf yaalan waliin deebinee dibbee jibbiinsaa rukkutuu dhiisnee jaarmiyaa guddaa Oromoota walitti sassaabu qabaachuun akka guddummaa keenyaatti kabajamnee, kanneen biroos ofitti qabannee jiraachuun nurra jiraataa jedhaniiru.

Warri kaleessa Oromoofi Oromiyaarraa saba keessa jiraatu caalaa fayyadamuu bare har'as isa kaleessaa yaadee amummata kan jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) abadan akka kaleessaa sanatti Oromiyaa qircaa taasifachuun hafeeraan hubachiisaniiru.

Oromoon yoo nagaa qabatee qilleensi nagaan akka bubbisuus kan ibsan Dooktar Abiyyi diinota keenyaaf karaa banuu dhiisnee jaarmiyaa jabaa qabaannee walgorfachaa,dinagdeen cimaa deemuun hojimanee saba guddaa kanaa tahuu akka qabus imaanaa jedhaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee jila Ripaabilika Beeniniif muuxannoo jijjiirama Finfinnee qoodan  Hagayya 01/2018Kantiibaan M...
07/08/2026

Kantiibaa Adaanech Abeebee jila Ripaabilika Beeniniif muuxannoo jijjiirama Finfinnee qoodan

Hagayya 01/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har’a jira Ministira Ce’umsa Dijitaalaa, Inooveeshinii fi Kalaqaa Ripaabiliika Beeniin Mahuunaa Akipiloogaaniin durfame waliin mari’achuu ibsan.

Kantiibaa Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsiin jilicha simachuun muuxannoo ijaarsa ‘Smart City’ Finfinneen wal-qabatee hojiirra oolaa jiru akka qoodaniif ibsaniiru.

Beeniin ce’umsa dijitaalaa eegalte milkeessuuf Magaalaa Finfinneetti hojiitti hiikamuun bu’a qabeessa kan tahe ijaarsa ‘Smart City’ keessattuu dhimmoota baay’ee murteessoo dinagdee magariisaa,naannoo qulqulluufi jireenyaaf mijataa,bulchiinsa gaarii, haala jireenyaa fooyya’aa,tajaajila si’ataafi kanneen biroo muuxannoo qooddachuu Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.

Aadde Adaanech dabalataan milkaa’inota Finfinneen galmeessiteef bu’uura kan tahan qindoomina dhaabbilee,hojiirra oolmaa seerotaafi dambiiwwanii, hirmaannaa hawaasaa akkasumas qindoomina mootummaafi dhaabbilee dhuunfaan hojiilee hojjetamanirratti jilichaaf muuxannoo qooduu ibsaniiru.

Turtii Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimad Oromiyaa Biroodkaastingi Neetwoork waliin taasisan.Kutaa 1ffaa hardha galg...
07/08/2026

Turtii Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahimad Oromiyaa Biroodkaastingi Neetwoork waliin taasisan.Kutaa 1ffaa hardha galgala sa'aatii 2:30tti nu eegaa.

Address

Akaki Kality
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Koominikeeshinii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa sadii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share