04/07/2026
!
Yaa'ii Waligalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa
"Fedhiin Deeggarsa Namoomaa Humna Ofiin Kabaja fi Birmadummaa Biyyaa Hunda galeessaaf"
Buusaan Gonofaan Oromiyaa Oromiyaa Damee Godina Harargee bahaa yaa'ii Waliigalaa Kurmaana 4ffaa Sadarakaa Godinatti Qooda fudhattoota Sadarkaa Aanaalee fi magaaloota godinichaa hirmaachisuun bakka bulchaan Godina Harargee bahaa Aadde Miski Mohammed fi Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badjaadhinaa Damee Godina Harargee bahaa Obbo Habtamu Tesfaye argamanitti magaalaa Hararitti yaa'ii gaggeessaa jiru.
Yaa'ii kanaan Gabaasni Buusaa Gonafaa Waggaa bara 2018 dhiyaatee hanqinaa fi Cimina adda bahee akkasumaas karoorri sosochii Buusaa Gonofaa bara 2019 dhiyaachuun mariin Bal'aan gaggeeffamee kallattiin hojii fuula duraa ni kennama jedhamee eegama.
gara Oomishtummaatti Kabajaa fi Birmadummaa biyyaa Hunda galessaaf!