23/07/2026
"Ashaaraa Magariisni mancaatii bosonaafi bineensota bosonaa hambisuu keessatti gahee leencaa bahateera"
-Obbo Araarsaa Raggaasaa Gaggeessaa Hojii Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa
++++++++++++++
Pilaas| Dhaabbanni Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa waltajjii raawwiifi qorannaa hojii bara 2018fi karoora hojii bara 2019 irratti hoggantoonni dhaabbatichaa Oromiyaafi dameelee jiranitti gaggeessaa jira.
Daarektarri Olaanaan dhaabbatichaa Obbo Araarsaa Raggaasaa turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin dhaabbatichi hojii eegumsaafi kunuunsa bosonaarratti fakkeenyummaa guddaan hojjechaa jiraachuu ibsanii; misoomni ashaaraa magariisa jalqabamuun mancaatii dur bosonaafi bineensotarra gahaa ture hambisuu keessatti gahee leencaa taphachuu eeraniiru.
Dhaabbatichi lafa bosonaa heektaara miiliyoona afurii ol akka bulchuufi kana keessaa harki 98 bosona uumamaa ta'uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi damee indastiriirratti hirmaachuun galiin biyyattii akka dabalu tumsaa jirra jedhan.
Gama hanqinaatiin iddoo muraasatti hubannaan hawaasniifi caasaan gariin qaban keessattuu gara Godina Gujiitti gadaanaa ta'uun bosonarratti mancaatiin namtolchee irradeddeebiin mul'ataa turuu ibsuun qaamni hundi waloomaan kunuunsa bosonaarratti hirmaachuu akka qabu dhaamaniiru.
Ismaa'il Abdurrootiin(Adaamaarraa)