Boru Dida-Page

Boru Dida-Page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boru Dida-Page, Government Organization, Finnaa-Finne, Addis Ababa.

05/10/2023
GARAAGARUMMA AMALOOTA 10nani ABBAA DUREESSAA FI ABBAA HIYYEESSA!1. Maallaqa(beesse) ofii bulchuu danda'u:Namoonni baayye...
05/09/2023

GARAAGARUMMA AMALOOTA 10nani ABBAA DUREESSAA FI ABBAA HIYYEESSA!

1. Maallaqa(beesse) ofii bulchuu danda'u:

Namoonni baayyeen maallaqa argachuu danda'u, garuu namii cuftii akkamiitti akka sirnaan bulchanii hin beekhani .

Odeefannoon faayinaansii kheetii garaagarumma qabeennaaafi itti fayyadama qabeenna khe jidduu jiruu shallaguu irraa eegala. baasuu caalaa maallaqa alaa si seenuu jiraachuuf sun caalaa akka si seenuu irraatti hojjadhu, malii khunii aga durii caalaa si duroomsa waan tayeef.

2. Dursa aarsaa maallaqa argachuuf barbachisuu khafali:

Namoonni baayyeen dadhabbii ofi laguufi mindaa isaanii kaffaltii dabalataa khaffaluun argatu.

Dureessi ammoo yeroo cufaa ofii dursa aarsaa khafalee argata.

qabeenna khe Invast godhuu yo barbaadde
- Koorsii duromuufi si barbaabachisuu fudhadhu
- Kitaabota dubbisi
- Muuxannoo argatteen ofi ijaari

"Waan facaafatanii aamatanii" Mammaassa oromoo.

3. Qusannoo fi invastimantii adda adda:

Qusannaan akka waan dirqamaa fi amala gaariitti ilaalama.

Maallaqii(beesseeni) te bakka qaala'iinsi jireenna sibariitii olaanaatti akka guddatuufi invast godhuu baradhi.

Qusannaan humna bittaa kha sii laaffisu yo ta’uu invastimantiin ammoo gatii maallaqa kheetii dabaluuf si gargaara.

"Waan olii kheette olkaatee fudhata" Mammaassa oromoo.

4.Gibiruu baradhu:

Yo dureessa taatee dandeettii maallaqa too'achu hin qabne, dhuma irraatti gibira gudda khaffalta.

Dureeyyiin invastimantii isaanii yeroo hedduu barumsa irraatti waan qabaniif gibira diqqaa khaffaluu qabu.

Galtee faayinaansii gama hedduu dhuftu kan akka herregaa, invastimantii, humnoota gabaafi seera qabaachu qabda.

5.Maddaa galii tokko irratti hin xiyyeefatinii

Namii hedduun womaa madda galii tokko qofa irraa horu itti fakkaata, garuu dureessi maddii galii tokko qofa ado hin taanee maddaa galii garaagaraa irraatti xiyyeeffata.

6. Rakkoo si mudattu beette ofi qopheessuuni durummaaf kharaa sii saaqa:

Rakkoo si mudattu beette risk yo fudhatte malee guddachuu hin dandeettu. guddachuuf rakkoo alaa sitti dhuftuufi ofi qopheesi.

Jireenya kheessatti carraawwan tokko tokko adeemsa jireenya khe jijjiiruuf carraa waan qabaniif risk fudhachuu qabda.

7. Namii khamiiyyu nama gatii maallaqaa beekhu tawuu qaba:

Sammuun rakkoo furuu maallaqa oomisha.

Sirna barnoota addunyaa kanarraatti wanti nama gaddisiisu namii cuftii qarshiif hojjechu barsiisuu dhabuu isaaniiti.

Sirnichi gonkumaa maallaqa sana akkamiitti akka hojjetan, akka bulchaniifi fi akka qabatanii hin barsiisu.

"Horiin rifeensa funnaani kheessa" Mammaassa oromoo

8. Jalqabii waan cufaa yaada:

Abbaan hiyyeessi yeroo hunda” nuti kana hin dandeennu jedha “abbaan dureessi garuu “akkamitti bitachuu dandeetta?” jedhu

Haala khamiiyyu yo kheessa jiraatte ilaalcha hamaa gaariini bakka buusi, kharaa itti galma suni gahuu dandeettu argachuun khe hin ooluu. Ilaalchaaf fi yaadii khee hunda caalaa barbaachisaadha.

Waan kamiyyuu hojjechuuf wanti jalqabaa fi hunda caaluu yaadaafi ofitti amanummuma qabaatte hojjachuudha.

"Waan okkoteen hin qabnee fallaanii(mooqaan) hin fuudhu" Mammaassa oromoo

9. Namoota si caalaa dandeetti qabani irraa muuxannoo fudhadhi:

Jecha baayyee dhugaa tokkoti jira innis ‘Kutaa barattu kheessa nama hunda caalaa cimaaf kha ati ofiitti sodaattu akkasumaa irra fakkeenya fudhattu hin jiru yo ta'ee ati jijjiiramuutti hin jirtu jechuudha.’

Yoo dureessa ta'uu barbaadde namoota si caalaa dureessa ta'anii irraa muuxannoo fudhadhi.

"Nama si dura jiruu irraa wa baradhi; Kha siin eegee wa barsiisi" Oromoo boorana.

10. Miira khe too’adhi:

Haalli kha sitti hammaatu yo atii miira khe too’achuu dadhabde qofa.

Madaallii miiraa khe to’achuu barachuu fi galma maallaqaa kee galmaan ga’uu irratti xiyyeeffachuu qabda.

"In argadhee jettee hin gammadini bori dhabda; in dhabee jette hin gaddini bori argata" Mammaassa oromoo.

Source:- Khitaaba ROBERT T. KIYOSAKI barreesse kha "RICH DAD POOR DAD" jedhu irraa

✍️ Boruu Sabboo-Goonaa

Address

Finnaa-Finne
Addis Ababa
MYMOTHER

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Boru Dida-Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Boru Dida-Page:

Share