01/08/2025
Lubbuu ilma namaa galaafachuudhaan dhukkubni sadarkaa 1ffaa irratti argamu dhukuba Kam akka ta'e beektuu?
Akka gabaasa WHOtti Waggaa waggaan namoota miliyoona 60 ol dhukkuba kanaan kan qabamu yoo ta'u, woggaa tokko qofatti namoota miliyoona 20.5 dhukkuba kanaan lubbuun ni darba. Sekondii 3 keessatti nama lama dhukkuba kanaan addunyaa irraa dhabna.
Dhukkubni kun dhukkuba Onneeti. Dhukkubni kun haalaan sodaachisaa waan ta’eef dhukkubsataan dhukkuba onnee yaala argachuudhaan cinatti of eeggannoo gochuu qaba. Of eeggannoowwan gochuun barbaachisu isiniif akeekuun wajji wantoota akka shaayiitti/nyaataatti fudhachuun onnee keessan fayya qabeettii taasisu isiniif eerra. Nu Hordofaa!!!
"Dhukkubni onnee yeroo baayyee namoota umriidhaan raagan/gara jaarrumaa irratti mul'ata." Keessattuu namoota furdina garmalee qaban, namoota tamboo xuuxan, namoota alkoolii dhuganii fi namoota dhiibbaa dhiigaa qaban baayyinaan mudata.
Mallattoon dhukkuba onnee:
```````````````````````````````````````````
➢ hafuura kutuu/harganuuf rakkachuu
➢ dha’annaan onnee saffisaan dabaluu ykn
➢ dhahannaan onnee tasuma gadi bu'uu, ➢ rukuttaan onnee sirrii hin taane namatti dhagayamuu.
➢ miilli dhiitayuu, keessumattuu gara waaree booda iitaan dabaluu.
➢dhukkubbiin laphee gama cinaa bitaan namatti dhagayamuu.
➢ akka nama ba'aa guddaa laphee irratti baateetti namatti ulfaachuu,
➢ qaamni tasuma dafquu, ykn qaamni tasuma qabbanaayuu.
➢ qaamni baayyee huqqatuu ykn furdina garmaleef saaxilamuu.
Dhukkubsataan Onnee Maal Gochuu Qaba!
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''’''""""""""""""""
A. Ulfaatina qaamaa hir’isuu.
B. Nyaata cooma qabu nyaachuu dhiisuu.
C. Umurii isaanii guutuu soogidda dhiisuu.
D. Yeroo dhukkubni onneen namatti dhufu, bakka qabbanaatti boqochuu.
E. Boqannaa gahaa fi hirriba gahaa argachuu.
F. Dhiphachuu irraa of qusachuu
G. Gammachuu humnaa olii too'achuu
H. Miira dallansuu dafanii too'achuu.
I. Beelayanii turuu fi Quufa garmalees baqachuu. Nyaata xiqqeessanii yeero yeeroon nyaachuu. Fakkeenyaaf guyyatti yeeroo 3 nyaachuu mannaa yeeroo 5 ykn 6 xixiqqeessaa nyaachuu woyya.
J. Alkoolii dhuguu, tamboo xuuxuu, caatii qaamuu fi araadota biroos dhaabuu
K. Fedhii foonii ofiin ofirraa baasuu dhiisuu.
L. Nyaata Soodiyamii hin qabne kan akka fuduraalee, buna haphii, daabboo soogidda hin qabne nyaachuu.
M. Bishaan saamsamee dhufu/bishaan hayilaandii jedhamee beekkamu dhuguun dura qabiyyee Sodium isaa xiqqaa ta'uu isaa adda baafachuu.
M. Yoo xiqqaate guyyatti daqiiqaa 30 sochii qaamaa gorsa ogeessaatiin deeggarame gochuu.
Dhukkuba onnee manumatti fooyya'uuf
˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝˝
◦Qullubbii adii:
• Guyyaatti fottoqqii(cloves) qullubbii adii tokko ykn lama alanfatanii nyaachuu. Yoo dhandhamni qullubbii kan isin gubu ta'e aannan burcuqqoo tokko danfisuun, qullubbii fottoqxuu takka keessa buusuun dhuguu.
◦Karkeddee/Hibiscus:
• Baala ykn Daraaraa karkeddee/hibiscus daakk