Oromia Daily Post

Oromia Daily Post Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Daily Post, Government Organization, Addis Ababa.

27/06/2025
03/04/2025
Faayidaa Dubrummaa/ Gorsa ShamarraniifHamma gaafa heerumtuutti dubrummaadhan turuun maaliif si fayyada?1. Mallattoo qulq...
03/04/2025

Faayidaa Dubrummaa/ Gorsa Shamarraniif
Hamma gaafa heerumtuutti dubrummaadhan turuun maaliif si fayyada?
1. Mallattoo qulqullummaa keetiiti yookis ati ishii hin laaqaminidha.
2. Mallattoo kabaja keetiiti, ati kabaja qabeettiidha.
3. Hawaasa keessatti maqaa gaarii qabda.
4. Abbaa warraa kee "abbaa dubrummaa koo" jettee isa yaamuu dandeessa.
5. Ulfina keen waan itti heerumtuuf aruuzni keessan kan jaalalaa fi nagaa ta'uuf carraa guddaatu jira. Sababuma dubrummaa irraa kan ka'e gaa'ila nama baay'eetu diigama. Inni dubartii fuudhu garaa isaatti, "dhiira meeqaa wajjin turte laata, yeroo hammamiif sagaagalaa turte laata, eenyuufaa wajjin turte laata" ja'ee waan yaaduuf garaa guutuun si hin jaallatu.
6. Dubrummaan heerumuu kee gaafa baran, maatii fi firoottan kee, maatii fi firoottan abbaa manaa kee, ilmaan kee fi sanyiin si booda dhufan siin boonu, akka fakkeenya gaariitti maqaa kee kaasu, kabajaa siif kennus, ati isaanif nama gaarii nama addaati fi kkf.

"Sosochiin Misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru Abdii imala badhaadhina Biyya keenyaati!" Dr Laggasee TulluuKalla...
03/04/2025

"Sosochiin Misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru Abdii imala badhaadhina Biyya keenyaati!" Dr Laggasee Tulluu

Kallacha Oromiyaa: Bitootessa 25,2017 Sosochiin Misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru Abdii imala badhaadhina Biyya keenyaati.jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Federaalaa Dr. Laggasee Tulluu.

Injifannoo Bitootessa 24 argame sababeeffachuun Egzibiishiinii guddaa Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa, injifannoofi milkaa'inoota Waggoottan torban darbanii agarsiisuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa qopheessee agarsiisa taasisaa jiru irratti argamuun haaswaa kan taasisan Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dr. Laggasee Tulluu Sosochiin misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru Abdii imala badhaadhina Biyya keenyaa ta'uu himaniiru.

Egzihibishiniifi Agarsiifni Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa qopheesse hojiilee misoomaa qonnaafi kanneen biroo milkaa'ina jiru baasee kan mul'ise ta'uus himaniiru.

Hojiin gama barnootaan manneen barnootaa sadarkaa hundaatti babal'isuun daa'imman duraa irratti xiyyeeffachuun hojjetame gaarii ta'uu Dr. Laggasee dubbataniiru

Gama biraan hojiin nageenya waaressuuf hojjetame jajjabeessaa ta'uu himuun, gama sosochii hawaasummaa, siyaasaa, diinagdeefi investimentiin jiru daraan abdachiisaa ta'uu ibsaniiru.

Gama nageenyaa tasgabbeessuun qaamoleen imala waggoottan 7 dukkaneessaniif ilaalaniif Egzibiishiniin kun murteessaa ta'uu eeruun, kunis geggeessummaan kennama tureefi jiru bilchina kan qabu ta'uu agarsiisuu keessatti ga'ee guddaa qabaachuu himaniiru.

Misoomni qonnaa naannichaa oomishaaf oomishtummaa dabaluu irratti hallli jiru gaarii ta'uufi itti fayyadama sanyii filataa irratti fooyya'iinsi jiraachuu kaasuun, waggoottan torban kana keessatti hojiin raawwatame agarsiiftuu milkaa'ina imala badhaadhinaa ta'uu hubachiisaniiru.

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN Ramadaana 17 galgala kana addunyaan kun Aalima guddaa addunyaa kanaa dhabdee ji...
17/03/2025

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN

Ramadaana 17 galgala kana addunyaan kun Aalima guddaa addunyaa kanaa dhabdee jirti.

Sheikh Abuu Is-haaq Al-Huweynii akka ilmi isaanii karaa Feesbuukii isaatiin maxxansetti,Aalimni guddaan kuusaa beekumsaa ta’an,dhibee yeroo dheeraa booda galgala kana gama Aakiraa godaananii jiru.

Mashallh jedhaa mee❤️
17/03/2025

Mashallh jedhaa mee❤️

❤💘😭
05/08/2023

❤💘😭

Meeting a legendary artist like Kemer Yusuf and our rising Star Gutu Abera would undoubtedly be a memorable experience o...
05/08/2023

Meeting a legendary artist like Kemer Yusuf and our rising Star Gutu Abera would undoubtedly be a memorable experience of OSFNA 2023 🔥🔥

Teessoo nu gaafannaan jenneen diaspora

Ing Takkalaa Uumaa!Ministeerri Albuudaa naannoo Affaar waliin ta’uun Albuudoota haroowwan Hafdheeraa fi kanneen biroo ke...
14/12/2021

Ing Takkalaa Uumaa!

Ministeerri Albuudaa naannoo Affaar waliin ta’uun Albuudoota haroowwan Hafdheeraa fi kanneen biroo keessaatti argaman gara misoomaatti akka galaniif kan hojjetuu ta’uu Minstir Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.

Injiinar Taakkalaa Uumaa, Preezdaantii naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa fi hoggantoota hojii mootummaa Federaalaa waliin ta’uun yaalii oomishaarra kan jiru warshaa Biroomiin daawwataniiru.

Baatii tokko keessattis oomisha toonii 500 gara biyyatti ergu jalqabuu Injiinaar Taakkalaan fuula miidiya hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

Dargaggoonni jimmaa RIB makkaman
02/12/2021

Dargaggoonni jimmaa RIB makkaman

25/11/2021

Oromiyaan biyya goototaa hadhuura qabsaa'otaa yomiyyuu diina hin baatu!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Daily Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share