Pooliisii Oromiyaa /PO/

  • Home
  • Pooliisii Oromiyaa /PO/

Pooliisii Oromiyaa /PO/ Muummeen Pooliisii Oroomiyaa Dhaabbata Ol-aanaa Pooliisii Oromiyaati. Oromia Police is the member of Ethiopia Police.

“ኢትዮጵያ ማን ነዉ?”
እና ኦሮሚያ ፖሊስን ያካትት ይሁን?
ኢትዮጵያ ፖሊስ
የኢትዮጵያ ፖሊስ ምክር ቤትን ያቋቁማሉ
በኢትዮጵያ ደረጃ ለየክልሉ ፖሊስ ሀላፊዎች የማእረግ እድገት ይሰጣሉ
በኢትዮጵያ ፖሊስ መተዳደሪያ ህግ መሰረት በሀገር አቀፍ ደረጃ ፖሊስን ያደራጃሉ ፤ያሰነጥናሉ፤ ያሰማራሉ፡፡
- ሕግን ይከታተላሉ፣ የስፈፅማሉ
- ከፖለቲካ፣ ለሀይማኖት እና ከሰፈርተኝነት የፀዱ ናቸው
የኢትዮጵያ ፖሊስ አባላት
1. ኦሮሚያ ፖሊስ
2. አማራ ፖሊስ
3. አፈር ፖሊስ
4. ኤሪትሪያ ፖሊስ
5. ቤንሻንጉል ጉሙዝ ፖሊስ
6. ስዳማ ፖሊስ
7. ሱማሌ ፖሊስ
8. ወልቅጤ ፖሊስ
9. ገሞ ወለይታ ፖሊስ
10. ገምቤላ ፖሊስ
11. ሀረርጌ ፖሊስ
12. ሰላም ፖሊስ
13. ቤጅ ማጂ ፖሊስ
Saamuda -ናሙና Qubsumaa Pooliisii Oromiyaa
1) በሀገር ደረጃ ፦ Muummee Poolisii Toophiyaa, ኢትዮጵያ ፖሊስ ዋና መስሪያ ቤት; Ethiopia Police Head Office
2) በክልል ደረጃ ፦Muummee Poolisii Oromiyaa-ኦሮሚያ ፖሊስ ዋና መስሪያ ቤት ,Oromia Police Head office ,
3) በከተማ ደረጃ ፦ Buufata "Poolisii Oromiyaa" Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa ; ሰበታ ከተማ አስተዳደር ኦሮሚያ ፖሊስ ጣቢያ ; Sebeta City Administration Oromia Police Station ;
4) በወረዳ ደረጃ ፦ Buufata "Poolisii Oromiyaa" Bulchiinsa Aanaa Waddeessaa ;ወዴሳ ወረደ አስተዳደር ኦሮሚያ ፖሊስ ጣቢያ ; Wodesa Woreda Administration Oromia Police Station;
5) በክፍለ ከተማ ደረጃ ፦ Buufata "Poolisii Oromiyaa" Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Furii ; ፉሪ ክፍለ ከተማ አስተዳደር ኦሮሚያ ፖሊስ ጣቢያ ; Furi Sub City Administration Oromia Police Station
6) በዞን ደረጃ ፦ Buufata "Poolisii Oromiyaa" Bulchiinsa Shawaa Lixaa ; ምእራብ ሸዋ አስተዳደር ኦሮሚያ ፖሊስ ጣቢያ ; West Shoa Administration Oromia Police Station
7) በቀበሌ ደረጃ ፦ Buufata "Poolisii Oromiyaa" Bulchiinsa Ganda 01 Awaash Buunee ; አዋሽ ቡኔ 01 ቀበሌ አስተዳደር ኦሮሚያ ፖሊስ ጣቢያ ; Awash Bune 01 Kebele Administration Oromia Police Station

 ፖሊስ ፣ የፍርድ ቤት ፣ የአቃብ ሕግ እና ማራሚያ ቤቶች አንድ ላይ ብደመሩ ቀልጣፋ አገልግሎት መስጠትና የህዝቡን እንግልት ማስቀራት ይችላል።
 ፖሊስና የፖሊስ አገልግሎት ከህዝብ አገልግሎት መገለል ዬለበትም።
 ብቻ ለብቻቸዉ የምቋቋሙ የፌዴራል፣ የክልል፣ የዞን ፣የወረዳ እና የቀበሌ ፖሊስ ተቋማት አይኖሪም

Qajeelcha Ol’aanaa Poolisii Godina Bahaa Oromiyaatti Mariin Dhimma hojii  Gaggeeffame.Onkololeessa12,2019 GalamsooQajeel...
22/10/2026

Qajeelcha Ol’aanaa Poolisii Godina Bahaa Oromiyaatti Mariin Dhimma hojii Gaggeeffame.

Onkololeessa12,2019 Galamsoo

Qajeelcha Ol’aanaa Poolisii Godina Bahaa Oromiyaatti mariin dhimma hojii irratti xiyyeeffate qondaltootaa fi miseensota poolisii sadarkaa qajeelcha ol’aanaatti ramadamanii waliin gaggeeffameera.

Marichi kan gaggeeffame bakka Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qorannaa Yakkaa, Gargaaraa Komishinaraa fi Itti Gaafatamaan Qajeelcha Bulchiinsa Humna Namaa fi Lojiistiksii, Komandar argamanitti gaggeeffameera.

Maricha irratti ergaa isaanii kan dabarsan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Qorannaa Yakkaa, Gargaaraa Komishinaraa , kaayyoon marii kanaa wal-baruu, hubannoo hojii waliinii guddisuu fi qondaltoonni akkasumas miseensonni poolisii itti gaafatamummaa isaanii hubatanii kutannoo fi naamusaan gahee hojii isaanii akka bahatan ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, hojii kennameef irratti ogummaa, naamusaa, itti gaafatamummaa fi kutannoo olaanaan hojjechuun tajaajila poolisii bu’a qabeessa ta’e kennuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kominikeeshinii Poolisii Godina Bahaa Oromiyaa

Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf          Onkoloolessa 2/2019  Guyyaan Alaabaa 19ffaan  Qaj...
12/10/2026

Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf

Onkoloolessa 2/2019
Guyyaan Alaabaa 19ffaan Qajeelcha muummee walii galaa poolisii Oromiyaatti mata duree 'Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf' jedhuun kabajame.

Sirna kabajaa guyyaa alaabaa kana irrattis Kabajamoo Jeneraal Dirribaa Mokonniin Ajajaa Qajeelcha Muummee walii galaa poolisii Oromiyaa haasa taasisaniin Poolisiin Oromiyaa durii irraa eegalee Alaabaan biyyaa akka kabajamuuf gootonni baay'een arsaa itti kaffalaniiru kaffalaas jiru.

Akkasumas warregama kaffaluu dabalatee biyyi keenyaa Itoophiyaan Alaabaan ishee Adunyaa irratti ol ka'ee akka mirmirfamuuf atileetoonni keenya gahee guddaa bahaani jiru.

Alaabaan mallattoo qabsoo ummataa keenyatti.

Biyyi birmadummaa ofii kabachiifattee uummata, mootummaafi lafa Bulchiinsa daangaa ofii ishee qabdu Alaabaa eenyummaa ishee ibsu kan qabdu ta'uus dubbataniiru.

Alaabaan mallattoo biyyi tokko biyyoota biraa irraa adda baatee ittiin beekamtu ibsituu eenyummaati jedhan.

Guyyaan Alaabaa 19ffaan Qajeelcha muummee walii galaa poolisii Oromiyaatti mata duree 'Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf' jedhuun kabajameera.

Guyyaan Alaabaa bara kana Qajeelcha Muummee Walii galaa Poolisii Oromiyaatti bakka Hooggantoonni Olaanoon,Qondaaltoonni fi miseensonni argamanitti sirna ho'aan kabajamee Ooleera.
Nagaan Hunda keenyaaf!

Pooliisii 50/600 keessaa ajajaan pooliisii oromiyaa tokko mana maree pooliisii Toobiyyaatiin ragga'uu danda'uun mirga ad...
11/10/2026

Pooliisii 50/600 keessaa ajajaan pooliisii oromiyaa tokko mana maree pooliisii Toobiyyaatiin ragga'uu danda'uun mirga addaati malee caarraa qofa miti. Armaan dura ajajaa ajajaa keenyaa ta'uu isaa malee akka ajajaa ajajaa keenya ta'uuf eenyu akka aangeessee hin beeknu ture. Seerri biyyaas yoo ta'e, yoo mootummaan naannichaa humna kootii oli jedhee ol iyyate, mootummaan federaalaa- raayyaan ittisa biyyaa nagaa buusuuf gidduu ummataa gala jedha malee pooliisiin qaamni gurmeessu hin beekkamne gidduu ummataa fi mootummaa galee rakkinicha hammeecha hin jedhu.

Seeraa fi heera fi pooliisii idilee seeraa fi heera kabachiisu malee qaamni mootummaa federaalaatii fi naannoolee akkasu...
11/10/2026

Seeraa fi heera fi pooliisii idilee seeraa fi heera kabachiisu malee qaamni mootummaa federaalaatii fi naannoolee akkasumas naannolee fi naannoolee gidduutti uumamee waraanaan saba isaas ta'e kan biroo doorsisu kamuu ni bada.

‎Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchinsa Magaalaa Shaashamanneetti Hoggantoota Qondaaltotaf Miseensota Istaafii Rijoo,Ajajo...
10/10/2026

‎Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchinsa Magaalaa Shaashamanneetti Hoggantoota Qondaaltotaf Miseensota Istaafii Rijoo,Ajajootaaf Manajimeentii Kutaalee Magaalaa Arfan,Ajajoota Aanaalee Kudha Lamaa fi Caasaalee Nageenyaa Sadarkaa Rijoo Hanga Aanaalee Waliin Mariin Haala Yeroo fi hoggansaan wal baruu taasifameera.
‎
‎
‎Maricha irratti argamuun haasaaf kallatti hojii gara fuuldura kan kaayaan Hogganaa Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Komishineer ergaa dabarsaniin kaayyoof ergamni hojii poolisii fi caasaalee nageenyaa inni guddaaf ijoon heeraf seera Mootummaaf amanamaa tahanii hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuun nageenya lammiileef wabii tahee hawaasa nagaan oolee bule arguudha waan taheef hoggantoonniif qondaaltonni keenya sadarkaa sadarkaan jirtan miseensa keenya bal'aa haga gaditti jiran hiriirsuudhaan imaanaaf ergama nutti kenname fiixaan bahu qabna jedhan.
‎ Kanamalees nuti akka qaama nageenyaatti haala qabatamaaf waktaawaa yeroo ammaa kana biyyi keenya keessa jirtu beekuun kan gara fuulduraatti dhufuus tilmaamuun qaamaaf qalbiin qophaa'aaf dammaqaa tahuu qabna jedhan DR.Komishineer .
‎ Hirmaattonniif hoggantoonnii caasaalee Qondaaltonni kutaalee magaalaaf Aanotaas hoggaana haara Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchinsa Magaalaa Shaashamannee Dr.Komishineer simannaa ho'aa taasisuun ergaa anaa dhufuu jechuun hawwiif fedhii qaban ibsuun yeroo itti aanutti wal wajjin hojjechuuf qophaa'aa tahuusaanii kaasaniiru.
‎

“Sirnaafi Mootummaa Cimaa ijaaruu keessatti Aarsaan caasaan Nageenyaa Kanfalaa tureefi ammas kanfalaa jiru Ol’aanaadha.”...
01/10/2026

“Sirnaafi Mootummaa Cimaa ijaaruu keessatti Aarsaan caasaan Nageenyaa Kanfalaa tureefi ammas kanfalaa jiru Ol’aanaadha.” Hoogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa, Obbo Tijjaanii Naasir

Fulbaana, 21/2019 (BBNO):- Hoogfgantootni Biiroo Nagaa Oromiyaa Walharkaa fuudhinsa Angoofi hojii taasisan.

Biiroo Nagaa Oromiyaatti guyyaa har’aa gabaasa raawwii hojii nageenyaa Bara 2018fi karoora hojii bara 2019 irratti mari’achuun hooggantootni walharkaafuudhinsa hojii fi angoo taasisaniiru.

Gabaasa raawwii hojii bara darbeefi karoora hojii bara kanaa dhi’aate irratti yaada kan kennan hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa duraanii Komishiinar Araasaa Mardaasaa, waggoottan darbanitti hojiin qindoominaafi gurmaa’insa caasaa nageenyaa cimsuu, walitti dhufeenyaafi duudhaa nagaa keessaafi hawaasa naannoo ollaa waliin jiru cimsuufi nageenya waliigala naannichaa mirkaneessuuf hojjatama turuu isaa ibsuudhan, hojiin kun ammas caalmaatti hawaasa bal’aa hirmaachisuun ittifufuu akka qabu dhaamsa dabarsaanii jiru.

Hoogganaan Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaanitiin Sirna cimaafi Mootummaa cimaa ijaaruu keessatti aarsaan caasaan nageenyaa sadarkaa hundatti jiru kanfalaa tureefi ammas kanfalaa jiru ol’aanaa ta’uusaa kan ibsan yoo ta’u, keessumattuu caasaan nageenyaa waggoottan darbanitti qormaatilee gurguddoo keessatti hojii nageenya mirkaneessuu bu’a qabeessa ta’e raawwachuudhaan hojiin misoomaafi hawaas-diinagdee naannoo keenyaa akka ittifufu gochuu isaanitiif galataa guddaa qabu jedhaniiru. Xumura irrattis wal-harkaafuudhinsi angoofi hojii taasifamuudhan hooggansi haaraa ramadame gara hojiitti galeera.

Qajeelchai Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Ayyaanni Masqalaa ( Damaraa)  karaa duudhaa amantichaa eeggatee fi na...
26/09/2026

Qajeelchai Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Ayyaanni Masqalaa ( Damaraa) karaa duudhaa amantichaa eeggatee fi nagaatti xumuramuu isaa Ajajan Poolisii Magaalaa Asallaa Kumaandar Baanataa Bokkoo ibsanii jiru.

Itti dabaluunis uummanni Magaalaa Asallaa akkasumas Miseensota Poolisii , Gaachana Sirna, Milishaa keenya hundi keessanuu galatoomaa jechuudhaan dhaamanii jiru.

Xumura irrattis Abbootiin Amantaa Ortodoksii amantichi duudhaa amantichaa eeggatee akka xumuramuuf dargaggoota mana amantichaa hirmaachisuudhaan gahee leencaa waan baataniif galatoomaa ulfaadhaa jechuudhaan dhaamanii jiru.

Nagaan hunda keenyaaf.
Poolisiin_Oromiyaa Gaachana Oromiyaatti 𝐘𝐨𝐨𝐦𝐢𝐥𝐥𝐞𝐞 ‼️

Ayyaanni masqalaa fi Irreechaa bara 2019 sodaa fi yaaddoo nageenyaa  malee bifa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf q...
26/09/2026

Ayyaanni masqalaa fi Irreechaa bara 2019 sodaa fi yaaddoo nageenyaa malee bifa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qondaaltoota Poolisii Oromiyaa waliin mariin gaggeeffamee.

Fulbaana 16/2019
Ayyaana masqalaa fi Irreechaa hora Finfinnee fi Hora Harsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajamuu bifa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf qophii gahan taasifamuun ibsamee.

Marii kana irrattis itti Aanaa ajajaa walii galaa fi Hogganaa Qajeelcha muummee ittisaa yakkaa Poolisii Oromiyaa kabajamoo komishinaraa itti aanaa Darajjee Bayyisaa kallattii hojii gara fulduura kennannin ayyanni kun nagaan akka xumuramuuf Qaamoleen nageenya qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Kana malees diinoota keessa fi alaan ergama adda adda fudhachuun socha'an fedhii fi akeekni isaanii galma akka hin geenyeef halkaniif guyyaa hojjetama jiraachuu himaniiru.

Iddoowwaan shakkisiisoo ta'an adda baasuun eegumsii sochii fi dhaabbiin hojjetamaa jirachuus eeraniiru.

Ayyaanni kun karaa duudhaa isaa eeggateen nagaan akka kabajamuuf Hawaasni dammaqinan naannoo isaa eeguu akka qabus dhaamaniiru.
Nagaan hunda keenyaaf!

‎" Jijjiirama biyyi  keenya irraa jirtu waliin deemuuf Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa barnoota Teeknoloojiin deeggaramee ...
24/09/2026

‎" Jijjiirama biyyi keenya irraa jirtu waliin deemuuf Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa barnoota Teeknoloojiin deeggaramee kennuun, Ogeessota beekumsaa fi Oggummaan gahoome ijaaraa jira jedhame"

‎ Fulbaana 14/2019
Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa barattoota digirii 2ffaa, Digirii jalqabaa fi TVET muummee barnoota garaa garaatiin barsiisaa ture bakka hooggantoonni Ol'aanoon argamaniitti Eebbisiisee.

Guyyaa har'aas kaampaasii muummichaa Adaamaatti argamuutti Sagantaa Torbeetiin Muummeewwan barnootaa MA in Peace and Security Management Marsaa 2ffaa Damee Adaamaa fi Finfinneetti, Digirii Police Management, Generic Degree Crime Prevention fi Sagantaa Dippilomaadhaan Crime Investigation Diploma, Community Policing Diploma, Regular Diploma fi Sagantaa TVET tiin ICT bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een Eebbisiise.
‎
‎Sagantaa Eebbaa kana irratti argamuun Qajeelfama hojii kan kennan Ajajaa Walii galaa Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mekonnin akka jedhanitti Poolisiin karaa hundumaan barnoota fi Teeknoloojiin gahoomee qabaachuun yakkaa ittisuu keessatti gahee guddaa argamsiisuu danda'a kan jedhan Jeneraal Dirribaan, Poolisii barnootaan gahoomee rakkoo Uummata keenyaa keessa jiru akka salphaatti waan hir'isuuf humna barnootan gahome horachuun murteessaa ta'uu himuun, gara fuula duraatti kolleejjii keenya sadarkaa amma irra jiru irraa gara itti aanuuti ce'uuf cimsee hojjechuu qaba jedhan.

Itti dabaluun, Eebbifamttoonni karaa haqa qabeessa ta'een barumsa argattaniin uummata tajaajiluu akka qaban hubachiisuun, hoggantoota, barsiisota fi leenjistoota akkasumas qaamolee galmaa ga’insaa barnoota kanaaf gumaacha taasisan galateefataniiru.

Daarekteerri Ol'aanan Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Gargaaraa Komishinaraa Gosaayee Kabbadaa ergaa baga nagaan dhuftanii erga taasisanii booda, haasawa godhaniin Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa Poolisii gahoomse baasu irra darbee, namoota fedhii qaban kan ulaaga ministeera barnoota guutan simachuun hanga digirii 2ffaa tti barsiisuun kan Eebbisiisee ta'uu eeruun, Addunyan amma keessa jirru misooma guddina teeknooloojii fi beekumsaan ariitiidhan jijjiiramaa olaanaa fidaa jirachuu kan ibsan Komishinar Gosaayeen, kun immoo yakkoota walxaxaa, teeknooloojii (cybercrime), yakkoota diinagdee fi gochoota nagaa hawaasaa jeeqan hedduun qormaata hamaa keessa jirachuu eruun, Kana hambisuuf immoo eebbifamtoonni gochoota kana ittisuu fi furmaata saayinsawaa fiduuf kan qophooftan ta'uu hubachuun dirqama ogummaa isaanii irraa egamuu akka bahan dhaamaniiru.
‎
‎Itti Aanaa Daareektara Ol'aanaa Akkaadaamii Gargaaraa komiishinaraa Asaamminoo Abdiisaa gabaasa turtii barnootaa dhiyeessuun Eebbifamtootni barnoota Ol'aanaa Kolleejjii Poolisii Oromiyaa irraa argatan gara qabatama hojiiti hiikuun hawaasa bal'aa akka tajaajilan dhaman.

‎Hojiilee misoomaa Kolleejjiin hojjachaa jiru keessumoota Ol'aanaan kan daawwatamee yoo ta'u, keessattuu hojiin gama fooreensikii labiratorii hojjatamee barnoota irra darbee, Poolisii Oromiyaa wajjiin qindoominaan hojjechuun qorannoo yakka walxaxaaf bu'aa ifa ta'e kennuun gidduu gala fooreensikii akka ta'u hubatameera.

‎Dhuma irrattis Barattootaa barnoota isaanirratti qabxii ol’aanaa galmeessaniif badhaasni geeba kennameera jechuun kominikeeshinii Kolleejjii Poolisii Oromiyaatu gabaase.
‎
‎

" Qaamoota Itoophiyaa diiguuf tokkooman irratti araarama malee ni qabsoofna"  Jiraattota Godina Gujii Fulbaana 12/2019Go...
22/09/2026

" Qaamoota Itoophiyaa diiguuf tokkooman irratti araarama malee ni qabsoofna" Jiraattota Godina Gujii

Fulbaana 12/2019
Godina Gujiitti mariin nageenyaafi misoomaa kutaalee hawaasaa garaa garaa hirmaachise gaggeeffamaa jira.
‎
Marii gaggeeffamaa jiru kanaan misooma roga hundaan eegalameefi bu'aa qabatamaa biyya keenya ceesisuu danda'u argamaa jiru itti fufsiisuuf nageenyi murteessaa ta’uun ka'eera.

Qaamoota mariifi marabbaatti hin amanne, gufuu nageenyaafi Itoophiyaa diiguuf qindaa’an irratti araarama tokko malee kan qabsaa'an ta'uus hirmaattoonni kaasaniiru.

Gareen kun ilaalcha siyaasaa faallaa waliinii kan qaban ta'uufi kan isaan tokkoomse Itoophiyaa diiguurratti qofa ta'uu hirmaattotaan kan ka'e yoo ta'u kaayyoon badii isaanis yoomiyyuu dhugoomuu akka hin dandeenye hirmaattoonni ibsaniiru.

Oromoon diinoota nageenya biyyaa booreessuun sochii hawaas diinagdee gufachiisuu yaalan abdii kutachiisuuf yeroo kamuu caalaa tokkummaa isaa cimsuu akka qabu Itti Aanaa Ajajaa walii galaa fi Hogganaa Qajeelcha muummee ittisa yakka Poolisii Oromiyaa Komishinar Itti Aanaa Darajjee Baayyisaa himaniiru.

Aadaafi duudhaa ganamaa Oromoon nageenya isaa ittiin waareessu galaa godhachuun nageenya waarawaa dhugoomsuuf hojjetamuu akka qabuus dhaamaniiru.BKO
Nagaan hunda keenyaaf!

Address

Gotera

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Pooliisii Oromiyaa /PO/ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Want your organization to be the top-listed government service?

Share