18/03/2025
πππππππ«π«ππ πππ§π π ππππππππ§π§πππππ’!
Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Magaalaa Caancootti Koreen Dhaabbii Mana Maree Aanaa Sulultaa fi Magaalaa Caancoo hojiiwwan misoomaa Imala Badhaadhinaa Milkeessuuf Hojiiwwan hojjatamaan daawwataniiru.
Jilli Itti gaafatamtuu Af-yaaβii Aanaa Sulultaa, magaalaa caancoo Masreeshaa Tashoomaa Fi Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Caancoo Obbo Ashannafii Zawuduu tiin durfamu hojiiwwan buβuuraalee misoomaa bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataatiin magaalichatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Daawwannaa isaanii keessatti hojiiwwan misoomaa akka Ijaarsa abba Darbii G+4, Ijaarsa Mana bu'uuraa Boru, Ijaarsa Konkolaataa, Inisheetiivii Kilaastara Carraa hojii uumuu, Ijaarsa Dallaa galma Bulchiinsa Magaalaa fi kanneen biroo Daawwataniiru.
Imala badhaadhinaa dhugoomsuuf hojiiwwan misoomaa hojjetaman fayyadamummaa ummataa buβa qabeessa akka taβuuf xiiqii fi kutannoon eegalame cime itti fufu akka qabu fi Injifannoon diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa Paartii Badhaadinaan eggalamee fayyadamummaa ummataa akka magaalichaatti mirkaneessuuf hojii hojjetamaa jiruuf agarsiiftuu taβuu Bulchiinsa Magaalaa Caancoo ibsaniiru.
Koreen Dhaabbii Mana Maree Aanaa Sulultaa fi Bulchiinsa Magaalaa Caancoo piroojektii fedhii ummata guutuuf hojjatama jiru ta'u Daawwannaa pirojektoota gurguddoo baajata mootummaa hojjetaman fi hirmaannaa ummataa badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf hojii buβa qabeessa taβe hojjetamaa jiru kan mulβisu taβuu ibsaniiru.
Kana malees, pirojektoota hojjatama jiran jajjabeessuu hanqinaafi cimina jiru madaaluun Pirojektoonni gosa garagaraa magaalaa keessa tti eegalaman qulqullinaa fi guyyoota qabamaan keessatti akka xumuramuuf toβannoo fi hordoffiin barbaachisaa taβe akka raawwatamu koreen dhaabbii beeksiseera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Caancoo obbo Ashannafii Zawuduu akka jedhanitti pirojektoonni fi Inisheetiiviwwaan bara kana Karoorfamaan