29/09/2025
Waamicha Nagaa!
-
Kabajamoo Oogganaa ABO_WBO Obbo Milliyoon Dirribaa (Aka Jaal marroo). Yeroo kamuu caalaa yeroon kun yeroo itti Lammiinkoo Oromoon nagaa barbaadudha. Lolli qawwee nagaa booressa; lammii doofummaatti hambisa. Sababakeefi sababa walitti bu'insa dura bu'aa Paartii Bilxiginnaa Abiy Ahmed Alin lammiin keenya Oromoo wallaggaa godina 4n waggaa 7n darbaniif dukkanaaf gadda keessummeessee hinbeekne keessummeesseera. Dhalataan iddoo guddaaf eegamu barnootarraa addaan citeera; qotee bulaan dur qotee dilbii dhaabu har'a kadhataa ta'ee qe'eerraa buqqaafamee daandiirratti galeera; namni wal awwaallachuu dadhabeera; dararaan jechaan hin ibsamne marti raawwatameera. ...
Kanaafuu, lola gama qawwee kana akka sinbaafneefi yoomuu gara injifannootti hinceene atis beekta; humnakees beekta; humna isa siin mormuus beekta. Kanaafuu, daandii Nagaa filachuun qabsoo kana baadiyyaarraa magaalaatti deebisaa. Qabsoo qawweerraa gara qabsoo siyaasaatti cehaa. Handhuura biyyattiitti walitti qabamaati yaadaan walfalaxaa; dmookiraasii dagaagsaa; yoo wareegamtanillee uummata keessaniif dubbataa magaalaa Finfinnee keessaatti wareegamaa malee akka bosonuu laga keessa wal ariyaa irbaata allaattii wal hintaasisiinaa.
Obbo miliyoon, Qabsoon haalaaf baraa wajjiin adeema. Qabsoon ati itti jirtu daandii qabsoo injifannoo akka hintaane waggaa 7 guutuun barruukoon sitti hime. Qe'ee abbaakeetti deebi'iiti obboleessakee Shimelis Abdisa faana hojjedhu. Wal hintuffatiinaa. Oromiyaan isin mitiiti Afriikaa guutuu iyyuu nigeessi. Nagaa dhabdanii nagaa nudhowwitan malee waan dhabne hinqabnu. Daandii nagaa filadhu. Daldalli Warqee Gambeellaaf Wallaggaa sitti haahafu. Sabakee siif wayya.
Qabsoo kanatti atis ta'e maatiinkee aarsaa jajjabduu kaffalaniiru. Sun haalamuu hindanda'u. Qabsoo keessaatti waa hunda akka barbaadanitti hinargatan. Kaan bulfatanii tarsiimoon irratti hojjetaa dhaloota dhaalchisan.
Dhaabbanniko ati daandii nagaa falatte jennaan qaama dhimmisaa ilaallatu kan akka Adane