Dr. Jibril Kemer Offical دكتور جبريل قمر

Dr. Jibril Kemer Offical   دكتور جبريل قمر karaa Tiktokiin nu hordofuu dandeessu
https://vm.tiktok.com/ZMkXUBAVS/
karaa Telegramiin nu hordofuu dandeessu
https://t.me/drjibrilkemerofficial

22/08/2026
📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA 7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.Fin...
21/08/2026

📢 IBSA GUMII ULAMAA'OTA OROMIYAA-MANA MARII OL'AANAA DHIMMOOTA ISLAAMUMMAA NAANNOO OROMIYAA

7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.
Finfinnee|Majlisa Oromiyaa

Yakka Lubbuu Namaa ajjeesuu, Waraabuu fi Kallattiin (Live) karaa Social media TikTok Irratti Tamsaasuu Ilaalchisee namoota Yakka kana raawwatan Gumiin Ulamootaa Majlisa Oromiyaa balaaleffatee jira.

Jalqaba Faaruun kan Rabbii Aalamaatiif haa ta'u. Naganyi fi rahmatni Ergamaa Rabbii Nabii Muhammad (S.A.W), Maatii isaanii fi akkasumas sahaabota isaanii hunda irratti haa ta'u jedhaa.

​Rabbiin (SW) Qur'aana Kabajamaa keessatti akkaas jedha:
​“..Nama lubbuu namaa ajjeese (haqaan malee) ykn dachii irratti balleessaa malee nama ajjeese, akka nama uummata mara ajjeeseeti...” [Al-Maa'idah: 32]

​Ammas ni jedha:
​“Lubbuu Rabbii haraama godhe haqaan malee hin ajjeesinaa .” [Al-Israa: 33]

​Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan:
​“Addunyan baduun Rabbiin biratti lubbuu muslimaa ajjeessuu caalaa salphaa dha.” (Tirmizii fi Nasaa'ii)

​Gumii Ulamaa'ota Oromiyaa gaddaa fi balaaleffatee jira. Guddaa Viidiyoo garaa laafessummaa malee lubbuu namaa ajjeesuu, waraabuu fi kallattiin (Live) TikTok irratti tamsaasamuun daangaa biyyoo alaa bakka addaa addaatti Sawud Arabiyaa irratti raawwatamee miidiyaa hawaasaa irratti ololaa jiru hordofee balaaleffatee jira.

​Qaamolee dhimmichii ilaallatu waan kana qorachuun taatechaa fi yakkamtoota adda baasuun dirqama isaanii ba'achuun Seeraatti akka dhiyeessan beeksisaa, Gumiin Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa ejjennoo Shari'aa ibsuu fi balaa kana irraa ummata akeekkachiisuun dirqama amantaa ta'uu beeksisee jira.

​Ijoo Ibsa Ijjannoo armaan gadii beeksisee jira.

​1️⃣ Lubbuu Haqaan Malee Ajjeesuun Haraama:

Amantaa Islaamaa biratti lubbuu namaa haqaan malee galaafachuun yakka Guddaa dha. Muslimas ta'e kan muslima hin taane (kan nagaa qabu) dhiigni isaanii eegamaadha. Sababa fedhii, gosa, siyaasa ykn haaloo ba'uutiin dhiiga dhangalaasuun gonkumaa hin eeyyamamne I see jira.

​2️⃣ Yakka Waraabuu fi Live Tamsaasaa Yakki Saalfachiisaan akkasii Balleessaa Hin Salphisu:

Yakki ajjeesanii Viidiyoo waraabuu fi kallattiin (Live) uummataaf tamsaasaniin ajjeechaa irratti yakka kabaja namaa sarbuu, sodaachisuu fi shororkaa uumuu dabalatee Yakka mul'isuun, ittiin dhaadachuun ykn kakachiisuun haraama akka ta'ees beeksisee jira.

​3️⃣ Viidiyoo Ajjeechaa fi Reeffa Maxxansuu dhorkamaa(Haraama) ta'uu:

Ulamaa'otni, Sheekoliin fi Ustaazotni Muslimoota mara akka akeekkachiisan viidiyoo ajjeechaa, qalchiisa ykn reeffa salphisu agarsiisu maxxansuu ykn dabarsanii erguun haraama ta'uu akka beeksisan Abbootii Amantii Islaamaa hundaaf ergaan darbee jira.

Viidiyoo mee akkasii maxxansuu irra qaamoota Nageenyaa hunda akka ga'amuu fi Kaayyoon saaxiluu yoo ta'eeyyuu, itti fufiinsaan tamsaasanii maatii miidhaan irra ga'e gaddisiisa fi sodaa biraa keessa galchuu irraa akka of qusatanu beeksisee jira.

Kan godhamuu qabu viidiyoo akkasii tamsaasuu dhiisuu fi qaama dhimmi ilaallatutti gabaasun barbaachisaa dha.

​4️⃣ Reeffa Salphisuu fi Kabaja Namaa Sarbuu:

Shari'aan Islaamaa kabaja nama lubbuun jirus ta'e kan du'e ni eega. Reeffa miidhuu fi salphisuun Shariaa irratti yakka Guddaa akka ta'ee beeksisee jira.

​5️⃣ Taatecha Sababeeffachuun FITNAA ykn Qormaata Uumuu Dhiisuu:

Yakka dhuunfaa sababeeffachuun saboota, gosa ykn naannoolee fi biyya fi biyya walitti buusuun, ykn yakka nama dhuunfaa uummata maratti fe'uun dhorkamaa ( haraama) ibsanii Jiruu.

​“Lubbuun kamiyyuu cubbuu lubbuu biraa hin baattu.” [Al-An'aam: 164]

​6️⃣ Oduu fi Viidiyoowwan Dhugaawummaa Isaanii Mirkaneessuu:

Miidiyaa hawaasaa irratti oduu fi viidiyoowwan madaallii malee gadi lakkifaman odoo hin mirkaneeffatin irratti hundaa'anii murteessuun ykn yakkitiin xureessuunis dhorgaadha.

​“Yaa warra amantan! Yoo namni faasiiqni oduudhaan isaan bira dhufe, qoradhaa sakatta'a. .” [Al-Hujuraat: 6]

​7️⃣ Itti Gaafatamummaa Qaamolee Seeraa:

Qaamoleen dhimmi ilaallatu yakka kana hatattamaan qorachuun yakkamtoota seeraatti akka dhiyeessan, akkasumas miidiyaa hawaasaa irratti jibbiinsa fi jeequmsa babal'isu uummata eeguu akka hojjetan beeksisanii jiruu.

​8️⃣ Ergaa Hawaasa Muslimaatiif:

Islaamummaan amantaa rahmaataa fi haqaati malee kan jeequmsaa fi haaloo ba'uu miti.
Kanaafuu Imaamota, du'aatota, Sheekoliin fi Ustaazota akkasumas Abbootii Amantaa fi dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa irratti kan jiran keessattuu dargaggoota irratti barnoota dhiiga namaa eeguu fi hammeenya suukanneessaa irraa fageessuu akka kennaan dhaamanii jira.

​Rabbiin dhiiga muslimootaa fi namoota nagaa hundaa haa eegu.

Biyya keenya irraa fitnaa fi sarbama mirgaa namaa haa eegnuu.
​Gumii Ulamaa'ota Majlisa Oromiyaa
7 Rabbii'ul Awwal 1448 H.

Hubanaa majlisa Adaamaa goodhee hoggantoota masjidootaatif irratti hirmaachuun hubanno waqfii Kenneefi jira
16/08/2026

Hubanaa majlisa Adaamaa goodhee hoggantoota masjidootaatif irratti hirmaachuun hubanno waqfii Kenneefi jira

Muhadara Konsili dargagota magala adaama
16/08/2026

Muhadara Konsili dargagota magala adaama

هكذا يلقن الطلاب في الخلاوي
14/08/2026

هكذا يلقن الطلاب في الخلاوي

جامعة الإمام الشافعي
14/08/2026

جامعة الإمام الشافعي

Address

Adama
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Jibril Kemer Offical دكتور جبريل قمر posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share