29/01/2025
Galmi keenya fayyadamummaa Hawaasaa; Daandiin isaatis haqummaa hawaasaa (Social Justice) irratti kan hundaa’eedha!
Magaalli wiirtuu qaroomina ammayyaati. Magaalli giddugala murteessoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaati. Wiirtuu barnoota, saayinsii, teeknoolojii, daldala, gabaa, aartii, ogbarruuf birooti. Siimboon caasaa olaanaa (superstructure) biyya tokkoo kan guutamu afaan, aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, ilaalchafi falaasama ummata magaalaa dhuunfateeni. Aadaan ykn eenyummaan tokko dagaagee sirna ykn bakka bu’aa eenyummaa addabaabayii (mainstream culture) kan ta’u, olaantummaa magaala (sirna barnootaa fi dinagdee) keessatti mirkaneessuuni.
Magaalaan bakka lammiileen akka dandeettii fi fedhii isaaniitti tajaajila fi faayidaa isaanii itti argataniidha. Haaluma Kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, tibbana investimentii irratti simannaa abbootii qabeenyaa kan eegalu tahuu beeksisee ture.
Haata’u malee beeksisa Bulchiinsi Magaalaa keenya ifoomse kana sababeeffachuun qaamoliin hojiin isaanii Yeroo mara burjaajjii uumuu ta’e tokko tokko fi kanneen osoo dhimmicha osoo hin hubatin hafarsan Ajandaa Misoomaa gara Ajanadaa siyaasaaf wayita oolchan argaa jirra. Kuni gonkumaa waan fudhatama hin qabne ta’uu ibsuun barbaada. Magaalaan Shaggar akkuma Magaaloota biyya keenya kan biroo adeemsa seeraa hordofuun hojii misoomaa fi Invastimantii gaggeessiti. As irratti fedhii guddaan Shaggar jirus keessattuu fayyadamummaa Ummata keenya waliin wal qabatee wanti hubannu jira.
Kuni Kanaan ta’ee osoo jiruu akka waan Magaalaan Shaggar waamicha lammiilee keenya biyya alaa jiran qofaaf taasifameefi kanneen biyya keessa jiran moggaatti dhiibamanii fakkeessuun hololli hafarfamaa jiru tasuma fudhatama hin qabu. Lammiileen keenya keessattuu Diyaaspooraan naannoo keenya maallaqa biyyoota alaatti dalagatee walitti qabate biyya isaatti akka invasti taasisuuf haala mijeessuun ammo dirqama keenya. Kana jechuun garuu jiraattoota dagachuunii miti. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar jiraataa hundaafuu akka dandeettii fi fedhii isaatti seeraa fi qajeelfama biyya keenya eegee tajaajila barbaachisaa nilaata!
Kanarraa kan hafe lammiileen keenya biyya alaa jirtanis ta’ee jiraataana Magaalichaa holola burjaajessitoota tokko tokoof akka hin dogoggorre jechaa, akkuma tibbana ibsame bulchiinsi Magaalaa Shaggar Hojiin invastimantii jiraattoota biyya alaa qofaaf kan mijate osoo hin taane jiraataa biyya keessaafis akkaataa fedhii fi dandeettii isaatiin qajeelfamoota jiranirratti hundoofnee haalli mijataan uumamaa kan jiru ta’uu isin beeksisna.