Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa OJCVB

12/08/2026

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kabaja guyyaa dargaggoota addunyaa sababeeffachuun sagantaa fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessu ifoomse. OBN akka itti aanutti dhiyeesserra.

Dargaggoonni abdii egeree biyyaafi humna misoomaa har’aa waanta'aniif, carraa hojii amansiisaafi ittifufiinsa qabu akka ...
12/08/2026

Dargaggoonni abdii egeree biyyaafi humna misoomaa har’aa waanta'aniif, carraa hojii amansiisaafi ittifufiinsa qabu akka uummatan taasisuun murteessaadha- obbo Waasihuun Golgaa.

Hagayya 06, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa dhaabbata miti-mootummaa "MasterCard Foundation" fi "AGRA" waliin ta'uun sirna Sagantaa YEFFA (Youth Entrepreneurship for the Future of Food and Agriculture) Itoophiyaa naannoo Oromiyaatti hojiirra oolu jalqabsiisuu gaggeessaa jira.

Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, dargaggoonni abdii egeree biyyaafi humna misoomaa har’aa waanta'aniif, carraa hojii amansiisaafi ittifufiinsa qabu akka uummatan taasisuun murteessaa ta'uu himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas dandeettii hojii uummachuu dargaggootaa guddisuufi ogummaaf dandeettii teeknikaa isaanii cimsuuf, akkasumas carraa faayinaansiifi walitti hidhamiinsa gabaa babal'isuuf hirmaannaa dhimmatootaafi qooda fudhattootaa cimsuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan piroojektii "YEFFA" dargaggoota hojii barbaaduu irraa gara hojii uumuutti ceesisuu, dargaggoota keenyaaf carraa hojii haaraa uumuu, aadaa hojii dagaagsuu, sirna qonnaa ammayyeessuu keessatti qooda ol'aanaa qabaachuu himaniiru.

Dargaggoonni sagantichaan hammatamanis sagantaan kun waa’ee yaada, hawwiifi jireenya egeree isaanii akka ijaarratan taasisuuf tumsa guddaa waan qabuuf qixaan itti fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Daarektarri AGRA Itoophiyaa Dr. Yiheenew Zawudee, dhaabbatni isaanii Itoophiyaa keessatti dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa waliin ta'uun qonnaan bultoota deeggaruu, oomishtummaa guddisuu, sirna qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuu, qonna jijjiirama qilleensaa dandamatu babal'isuufi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Daarektarri MasterCard Foundation Itoophiyaa aadde Meftehee Taaddasaa, dhaabbatichi dubartoonniifi dargaggoonni carraa hojii itti fufiinsa qabu akka argatan taasisuun egeree isaanii ijaaruufi akka ofdanda'an taasisuuf tumsa adda addaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaan kun deeggarsa maallaqaa "MasterCard Foundation" fi tumsa dhaabbata AGRA'tiin deeggaramuun, qindoomina dhaabbilee SOS Sahel Itoophiyaafi LERSHA tiin hojiirra kan oolu ta'uun ibsameera.

Sagantaan kun Naannoo Oromiyaatti Godinaalee Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti kan hojiirra oolu yoota'u, dargaggoota kuma 60 fayyadamaa kan taasisu ta'uun ibsameera.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

10/08/2026
10/08/2026
Mootummaan giddugalawwan hojii ammayyeessuun bakka hojii mijataafi hawwataa taasisuun ittiquufinsa maamilaa mirkaneessuu...
10/08/2026

Mootummaan giddugalawwan hojii ammayyeessuun bakka hojii mijataafi hawwataa taasisuun ittiquufinsa maamilaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- obbo Waasihuun Golgaa.

Hagayya 04, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa sanada waliigaltee ijaarsa giddugala hojii torbaa Kontiraaktaroota ijaarsaa waliin waliif mallatteessee jira.

Kaayyoo waliigaltichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, mootummaan giddugalawwan hojii ammayyeessuun bakka hojii mijataafi hawwataa taasisuun ittiquufinsa maamilaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigaltichis deeggarsa maallaqaa Ejensii Tumsa Misoomaa Xaaliyaaniifi Ministeera Hojiifi Ogummaa irraa argameen giddugalawwan hojii 7 ijaarsisuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.

Waliigalteen ijaarsa giddugala hojii mallattaa'e kunis Godina Jimmaatti kan giddugala hojii Saqqaa, Sarboofi Yabbuu; godina Shawaa Bahaatti ijaarsa giddugala hojii Bulbulaafi Jiddoo, akkasumas Godina Arsii Lixaatti giddugala hojii Dooleefi Malkaa Shaayiitii ta'uus ibsaniiru.

Waliigaltichaanis ijaarsi giddugalawwan kanneenii ji'oottan afur keessatti xumuramuu akka qabu kan waliigalame yoota'u, dhaabbileen ijaarsaa hundi qulqullina, yeroofi baajata qabameen raawwachuun walharkaa fuudhinsa gaggeessuudhaan tajaajila barbaadamuuf akka oolu gochuuf kutannoon hojjechuu akka qaban obbo Waasihuun dhaamaniiru.

Sirna waliigaltee mallatteessuu kanarrattis dhaabbileen ijaarsaa caalbaasii ijaarsaa sirna bittaa elektirooniksii mootummaa irratti dorgomuun injifataniifi ogeeyyiin Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hirmaataniiru.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

"Ogummaa gonfanneen hojii uummachuun hawaasa keenya tajaajiluuf qophiidha"- Eebbifamtoota Kolleejjii BLTO Dadar.Hagayya ...
09/08/2026

"Ogummaa gonfanneen hojii uummachuun hawaasa keenya tajaajiluuf qophiidha"- Eebbifamtoota Kolleejjii BLTO Dadar.

Hagayya 03, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Barnoota Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Dadar leenjifamtoota ogummaalee adda addaatiin leenjisaa ture 300 ol eebbisiise.

Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Ittigaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Harargee Bahaa aadde Aziizaa Daawud, ogummaafi kalaqni teekinooloojii imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himuun, mootummaan Naannoo Oromiyaas dhaloota ogummaan gahoomsuuf xiyyeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godina Haragee Bahaa obbo Ahimaddiin Suufiyaan, ogummaan meeshaa guddaa rakkoo hojii dhabdummaa furuu danda'u ta'uu himuun, eebbifamtoonni ogummaa horataniin hojiitti galuun ofiifi ummata isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dadarii fi walitti qabaan boordii kolleejjichaa obbo Saaladdiin Yuusuf, Kolleejjiin BLTO Dadar lammiileef leenjii ogummaa gochaan deeggarame dhiyeessuun hawaasa ogumnaa qabu uumuuf hojjechaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Diiniin Kolleejjii BLTO Dadar obbo Siisay Kabbadaa, kolleejjichi leenjifamtoota ogummaalee addaa addaatiin leenjisaa ture 300 ol eebbaaf dhiyeessuu himaniiru.

Xumura sirnichaattis kanneen qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasaafi beekamtiin kennamee kan jiru yoota'u, ebbifamtoonnis ogummaa argataniin carraa hojii uummatanii hawaasa tajaajiluuf qophii ta'uu dubbatu.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Kolleejjiin Poolii Teeknika Haramaayaa leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 480 eebbisiise.Hagayya 02, 20...
08/08/2026

Kolleejjiin Poolii Teeknika Haramaayaa leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 480 eebbisiise.

Hagayya 02, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kolleejjiin Poolii Teeknika Haramaayaa leenjifamtoota ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture 480 eebbisiisee jira.

Haasawaa anaadhufuu kan taasisan Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Haramaayaa obbo Hayilee Nugusee, kolleejjichi bara hundeeffama isaarraa kaasee fedhii industirii irratti hundaa'uun leenjii gahumsa qabu lammiileef kennaa jiraachuu himuun, bara kana irraa kaasee immoo hulaa misoomaa naannichaa irratti hundaa'uudhaan leenjifamtoota hedduu simatee leenjisaa jiraachuu eeraniiru.

Guyyaa har'aas leenjifamtoota 480 ogummaalee saddeetiin leenjisaa ture xumursiisuun eebbaaf dhiyeessuu ibsuun, leenjifamtoonni eebbifaman kunneen hojii uummachuun hawaasa isaanii tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Sirnicha irratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Maayaa obbo Taaddalaa Nugusee, ogummaan ce'umsa guddina diinagdee biyyaaf murteessaa ta'uu himuun, leenjifamtoonni turtii leenjii isaanii keessatti ogummaa gonfataniin hojii uummachuun galiin of cimsuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Mootummaan hawaasa dorgomaafi oomishaawaa ta'e horachuuf misooma ogummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan in...
08/08/2026

Mootummaan hawaasa dorgomaafi oomishaawaa ta'e horachuuf misooma ogummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan injiner Eebbaa Garbaa.

Hagayya 02, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjota Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Magaalaa Shaggar leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa turan 1,579 eebbisiisan.

Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, mootummaan hawaasa dorgomaafi oomishaawaa ta'e horachuuf misooma ogummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni guyyaa har'aa bu'aa bahii hedduu keessa darbuun eebbaaf gahuu isaaniif baga gammaddan jechuun, eebbifamtoonni kunneen warra rakkoof jilbeeffatan osoo hintaanee kanneen rakkoo gara carraatti geeddaruun abbaa furmaataa ta'uu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaanis milkaa'ina isaanii mirkaneessuuf paakeejiiwwan deeggarsaa tarsiimoon kaa'aman kan taasisuuf ta'uu ibsuun, abbootiin qabeenyaafi industiriiwwan naannichaa lammiilee ogummaan gahoomsuu keessatti qooda isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Sirnicharratti kan argaman sadarkaa ittaanaa pirezidaantii MNO'tti Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa magaalaan Shaggar magaalaa diinagdee gaaffii uummataaa deebisuuf hundaa'e ta'uu ibsuun, magaalichatti carraawwan diinagdee babal'isuun fayyadamummaa lammiilee roga hundaan mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haasawaa anaa dhufuu kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalaa Shaggar obbo Fiqaaduu Tulluu, magaalichatti humna namaa beekumsaafi ogummaa gonfate horachuun guddina diinagdee biyyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Leenjifamtoota guyyaa har'aa eebbifaman keessaas dargaggoota 715 ta'aniif industiriiwwan adda addaa keessatti carraan hojii uumameefii jiraachuu himuun, kanneen hafanis hojii uummatanii akka milkaa'an taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Diiniin Kolleejjii Poolii Teeknika Sabbataafi walitti qabaan Kilaastara Kolleejjota magaalaa Shaggar obbo Solomoon Xurunee, dhaabbileen leenjii magaalichaa ogummaa dagaagsuun lammiilee gahumsa ogummaa qaban gabaa hojiif dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu himuun, guyyaa har'aas dhaabbileen leenjii shan leenjifamtoota ogummaalee adda addaatiin leenjisaa turan 1,579 eebbaaf dhiyeessuu himaniiru.

Xumura sirnichaattis leenjifamtoota ogummaalee garaagaraa keessaa qabxii olaanaa galmeessuun xumuraniif badhaasaafi beekamtiin kennamee jira.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Dargaggoonni gahumsa ogummaa horachuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uummatanii humna jijjiirama hawaas-dinagdee akka t...
07/08/2026

Dargaggoonni gahumsa ogummaa horachuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uummatanii humna jijjiirama hawaas-dinagdee akka ta'an gochuuf qoodafudhattoota waliin hojjetamaa jira- obbo Waasihuun Golgaa.

Hagayya 01, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Dhaabbata miti-mootummaa Youth Network for Sustainable Development (YNSD) tti Sagantaa Community Service as a Pathway to Work (CSPW) tiin hojiilee waggoottan sadan darban qindoominaan hojjetaman irratti marii'achaa jira.

Kaayyoo marichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, mootummaan humna dargaggootaa guddaa qabu ogummaa hidhachiisuun carraa hojii itti fufiinsa qabu uummachuun guddina diinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii akka bahatan taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waltajjiin marii kunis sagantaa CSPW'tiin waggoottan sadan darban dargaggoonni gahumsa ogummaa horachuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uummatanii humna jijjiirama hawaas-dinagdee akka ta'an gochuuf dhimmoota qindoominaan hojjetamaa turan irratyi marii'achuun kallattii hojii garafuulduraa kaa'uurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbata YNSD'tti Daarekteerri Sagantaa CSPW obbo Addisuu Taaddegee, dhaabbatichi dandeettii gargaggootaa cimsuu, neetworkii dhaabbilee dargaggootaa walitti fiduufi dargaggoonni misooma waaraa Itoophiyaa keessatti gahee hoggansaa akka qabaatan taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbatichi sagantaa CSPW'tiin waggoottan shan keessatti dargaggoota kuma 500f carraa hirmaannaa tajaajila hawaasaafi gosoota hojii adda addaa irratti bobba'uun hojii akka uummatan taasisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waltajjicharrattis dargaggoota naannichaa dandeettii, ogummaafi carraa hojii ittifufiinsa qabu akka uummatan taasisuun hirmaannaa isaanii misooma hawaas-dinagdee keessatti cimsuun walqabatee hojiileen waggoottan sadan darban hojjetaman dhiyaatanii irratti marii'atamee kan jiru yoota'u, galma qabame milkeessuuf hojiileen harca'anii hafan yeroo hafe keessatti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qaban obbo Waasihuun dhaamaniiru.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Damee gogaafi bu'aalee gogaa irratti leenjii ogummaa gahumsa qabu kennuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uumuurratti qin...
06/08/2026

Damee gogaafi bu'aalee gogaa irratti leenjii ogummaa gahumsa qabu kennuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uumuurratti qindoominaan hojjechuuf haalota dandeessisan irratti marii'atame.

Adoolessa 30, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Biyya Xaaliyaaniitti mootummaa Naannoo Marche waliin damee gogaafi bu'aalee gogaa irratti leenjii ogummaa gahumsa qabu kennuun carraa hojii ittifufiinsa qabu uumuurratti qindoominaan hojjechuuf haalota dandeessiaan irratti marii'atee jira.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injiner Eebbaa Garbaa, mariin kun damee gogaafi bu'aalee gogaa irratti leenjiin gahumsaaf qulqullina qabu lammiileef akka kennamu taasisuu, dandeettii raawwachiisummaa Kolleejjota Leenjii Teeknikaafi Ogummaa cimsuu, humna oomishaa biyya keenyaa guddisuu, akkasumas damee gogaafi oomisha kophee madda carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuu taasisuuf tarkaanfii guddaa ta'uu ibsaniiru.

Waltajjiin marii kunis misooma dinagdee hundagaleessaa mirkaneessuu, misooma industirii itti fufiinsa qabu uumuu, hanqina maallaqa ka'umsa hojii intarpiraayizoota keenya quunnamu furuufi tumsa idil-addunyaa cimsuu keessatti tumsa ol'aanaa qabaachuus injiner Eebbaan himaniiru.

Bakka bu'aan Mootummaa Naannoo Marche obbo Naataaliinoo Barbizzi, mootummaan naannichaa damee gogaafi oomisha kophee keessatti leenjii ogummaa cimsuu, dandeettii humna namaa guddisuufi carraa hojii itti fufiinsa qabu tumsa dhaabbilee miti-mootummaa CVM (Community of Volunteers for the World) fi dhaabbata UNIDO tiin Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waliin hojjechuuf karoorfatee jiraachuu ibsaniiru.

Ittaanaan Hogganaa Dhaabbata CVM - Itoophiyaa obbo Hayiluu Taaddasaa, dhaabbatichi kanaan dura magaalaa Finfinene keessatti dhaabbilee leenjii teeknikaafi ogummaa, sektara carraa hojii uumuu, akkasumas industiriiwwaniifi intarpiraayizoota hojiilee gogaafi bu'aalee gogaa irratti bobba'anii jiran gama gahumsa ogummaa isaanii guddisuu, qulqullina oomishaa dabaluufi hanqina maallaqaa qaban furuu irratti deeggarsa taasisaa turuu himaniiru.

Hojiilee magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaniin milkaa'inoota galmaa'an naannoo Oromiyaatti babal'isuuf mariin kun murteessaa ta'uus himaniiru.

Waltajjicha irrattis damee gogaafi bu'aalee gogaa irratti ogummaa dagaagsuu, qulqullina oomishaa dabaluu, dhiyeessii faayinaansii intarpiraayizootaa guddisuufi carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuuf dhimmoota qindoominaan hojjechuun danda'amu dhiyaatee bal'inaan irratti marii'atamee jira.

Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa:

Shortcuts

Share