24/08/2026
Burqaa Dhintuutti Manni Marii Carraa Hojii Uumuu Sadarkaa Aanaatti Gaggeeffamee
_18_2018
Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Manni marii carraa hojii uumuu Aanichaa raawwii hojii ji'a tokkoo gamaaggamuun kallattii karoora of danda'uu bara 2019 irratti mari'atee.
Itti Gaafatamaan Waajjira Daldala,Carraa Hojii fi Investimantii Aanichaa obbo Abraahim Durii gabaasa raawwii hojii carraa hojii uumuu mana marichaatiif dhiyeessaniiru.
Marii kana irratti argamuun Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Burqaa Dhintuu Kabajamoo Obbo Haashim Bushraan argamuun kan gaggeessan yommuu tahuu ,Mariichii hoggansa aanaa dabalatee Miseensonni Mana maree carraa hojii uumuu irratti argamuun hanqinaaf cimina jiru gad_fageenyaan ilaaluun,kallatti gara fulduraa Mana marii carraa hojii uumuuf dhiyaatee irratti marii bal'aan taasifamee jira.
Akkasumas jedhaan Bulchaan Bulchinsaa Aanaa Burqaa Dhintuu Obbo Haashim Bushraan haasawaa taasisaniin,dhimma carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamuu akka qabu ibsuun , gamaggamaa kanaan ciminootaafi hanqinaalee hojii keessatti mul'atan adda baasuun ciminoota jiran jabeessuun hanqinoota mul'atan maqsuun galma caalmaatiif hojjechuun akka barbaachisuu dubbataniiru.
https://www.facebook.com/100011694488239/posts/2825944831138639/