18/04/2024
Daandii Nagaatu Injifannoo Iticha!
= = =
Injifannoo amma harkaa qabnu itichuun rakkoo biyya kanaa hundeerraa furree galma badhaadhina biyya kanaa milkeessuun kan danda'amu daandii nagaa hordofuunidha.
Biyya keenyatti nagaa waaraa fiduuf humni nageenyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa qindaa'aa humnoota farra nageenya biyya keenyaa ta'an irratti fudhachaa jira. Kanaanis murnoonni farra nageenyaa baay'een booji'amaa kan jiran yoo ta'u kaan isaanii ammoo karaa nagaa waamicha mootummaa kabajanii galaa jiru.
Haaluma kanaan Aanaalee Godina Shawaa Lixaafi Godina Wallagga Bahaatti miseensonni ABO Shanee baay'een isaanii daandii nagaa filachuun harka yoo laatan kaan isaanis booji'amaaniiru.