Shaggar City Communication Office

Shaggar City Communication Office Sirna kominikeeshinii ammayyaa diriirsuu, ilaalcha biyyoolessaa dagaagsuu fi maqaa gaarii ijaaruu
(1)

Ispoortiin fayyummaa qaamaaf, jaalalaafi tokkummaaf !==Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti sosochiin ispoor...
30/08/2026

Ispoortiin fayyummaa qaamaaf, jaalalaafi tokkummaaf !
==
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti sosochiin ispoortii hundaa gaggeeffameera.

Sagantaa Sosochii ispoortii kana irrattis Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hoggansi kutaa magaalichaa fi qooda fudhattootni garaa garaa argamaniiru.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
==
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
==
Tiktok
https://www.tiktok.com/
==
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
==
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
==
Website: https://shaggarcitycommunication.et

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Wabii Nyaataa Mirkaneessuun Yaadama Gargaaramtummaan Qaanii , Oomishtummaan Qananii Jed...
29/08/2026

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Wabii Nyaataa Mirkaneessuun Yaadama Gargaaramtummaan Qaanii , Oomishtummaan Qananii Jedhu Dhugoomsaa Jira!

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti galmoota gama qonnaan dhugoomsuuf akeekamaa hojjetamu milkeessuuf inisheeetiiviin hojii irra olfamee wabii nyaataa mirkaneessuu, badhaadhina maatii dhugoomsuufi carraa hojii bal'aa uumuu akkasumas qaala'insa gabaa tasgabbeessaa jiru keessaa inisheetiiviin misooma Beeyladaa tokkodha.

Bara 2018 magaalichatti hojichaan oomishaafi oomishtummaan guddatee bu'aa dinagdee qonnaan bulaa guddiseefi fayyadamummaa ummataa mirkaneesse argamsiiseera.

Bara 2019 inisheetiivii msiooma Beeyladaa caalmaatti babal'isuun badhaadhina hunda-galeessa sadarkaa hundatti dhugoomsuuf ijaarsi kilaastara inisheetiivii misooma Beeyladaa Kutaalee Magaalaa garaagaraa keessa eegalchiifamaa jira.

Haaluma Kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceefi Galaaniitti ijaarsi kilaastara Inisheetiivii misooma Beeyladaa har'a eegalchiifameera.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Badhaadhina Hunda-galeessaaf!Bulchiinsi Magaalaa Shaggar magaalaa giddugala dinagdee, d...
29/08/2026

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Badhaadhina Hunda-galeessaaf!

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar magaalaa giddugala dinagdee, daldalaa, invastimantiifi industirii ta'uu cinaatti , magaalaa oomishaa ta'uun bu'aa qaaala'insa gabaa tasgabbeesse, dinagdee qonnaan bulaa guddise, carraaa hojii bal'aa uumeefi fayyadamummaa ummataa mirkaneesse argamsiiseera.

Bu'aa kanaaf immoo sababni galmoota gama qonnaan milkeessuuf qabame tarkaanfii addaan inisheetiivoota qonnaa mara hojii irra olfamuu isaanii kan argamedha. Inisheetiivoota qonnaa hojii irra olfaman keessaa inisheetiiviin misooma Beeyladaa isa tokkodha.

Inisheetiiviin misooma Beeyladaa; Horsiisa Lukkuu, Furdisa Loonii, Horsiisa Loon Aannanii, Qurxummii, Booyyeefi kan biroo kilaastaraan hojii irra olfamuun isaa oomishaafi oomishtummaa guddisuun hawaasni maaddii madaalawaa akka argatu taasisuu cinaatti , bu'aa fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneesseefi carraa hojii dargaggoota hojii maleeyyiif uume argamsiiseera.

Bu'aa-qabeessummaa inisheetiivii misooma Beeyladaa daraan guddisuuf Kutaalee magaalichaa garaagaraa keessatti kilaastara inisheetiivii misooma Beeyladaa bara 2019 babal'isuuf ijaarsi eegalchiifamaa jira.

Haaluma Kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa Gafarsa Gujeefi Kuraa Jiddaatti ijaarsi inisheetiivii Kilaastara misooma Beeyladaa har'a bakka hooggantootni sadarkaa magaalaafi kutaalee magaalaa argamaniitti eegalchiifameera.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Qaala'insa Gabaa Tasgabbeessuun Hawaasa Fayyadamaa Taasisuu Cinaatti Dinagdee Qonnaan B...
29/08/2026

Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Qaala'insa Gabaa Tasgabbeessuun Hawaasa Fayyadamaa Taasisuu Cinaatti Dinagdee Qonnaan Bulaa Humneessaa Jira!

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar magaalaa giddugala dinagdee, daldalaa, invastimantiifi industirii ta'uu cinaatti , magaalaa oomishaa ta'uun bu'aa qaaala'insa gabaa tasgabbeesse, dinagdee qonnaan bulaa guddise, carraaa hojii bal'aa uumeefi fayyadamummaa ummataa mirkaneesse argamsiiseera.

Bu'aa kanaaf immoo sababni galmoota gama qonnaan milkeessuuf qabame tarkaanfii addaan inisheetiivoota qonnaa mara hojii irra olfamuu isaanii kan argamedha. Inisheetiivoota qonnaa hojii irra olfaman keessaa inisheetiiviin misooma Beeyladaa isa tokkodha.

Inisheetiiviin misooma Beeyladaa; Horsiisa Lukkuu, Furdisa Loonii, Horsiisa Loon Aannanii, Qurxummii, Booyyeefi kan biroo kilaastaraan hojii irra olfamuun isaa oomishaafi oomishtummaa guddisuun hawaasni maaddii madaalawaa akka argatu taasisuu cinaatti , bu'aa fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneesseefi carraa hojii dargaggoota hojii maleeyyiif uume argamsiiseera.

Bu'aa-qabeessummaa inisheetiivii misooma Beeyladaa daraan guddisuuf Kutaalee magaalichaa garaagaraa keessatti kilaastara inisheetiivii misooma Beeyladaa bara 2019 babal'isuuf ijaarsi eegalchiifamaa jira.

Haaluma Kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa Mana Abbichuu, Sulultaafi Galaan Guddatti ijaarsi inisheetiivii Kilaastara misooma Beeyladaa har'a bakka hooggantootni sadarkaa magaalaafi kutaalee magaalaa argamaniitti eegalchiifameera.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

"Kenni tajaajila lammummaa furmaata rakkoo ta'uurra darbee Aadaafi duudhaa ganamaa iddootti deebiseera"_Obbo Takkaa Warq...
29/08/2026

"Kenni tajaajila lammummaa furmaata rakkoo ta'uurra darbee Aadaafi duudhaa ganamaa iddootti deebiseera"_Obbo Takkaa Warqinaa
==
Mootummaan naannoo Oromiyaa ergamoota gurguddoo; uummata diinagdeen aanga’ee uumuu, dhaloota saayinsiifi te
kinoloojiin dorgomaa ta’e horachuufi sirna cimaa ijaaruuf qabate milkeessuun jiruufi jireenya uummata Oromoo gara gulantaa oolanaatti ceesisuuf imaammata, tarsiimoofi sagantaalee addaa addaa bocuun hojjechaa jira.

Sagantaa, imaammataafi tarkaanfiiwwan addaa hojiirraa oolfaman kanneen keessaas humnootni waloo isaan ijoodha. Kenni tajaajila lammummaas humnoota waloo kanneen keessaa tarkaanfii isa tokko yoo ta'u, kunis calaqqee gaarummaa akkasumas eenyummaa Oromoofi misooma waloo bu'uuressaa jirudha.

Hojiirra oolmaan tarkaanfii kanaanis misooma waloofi bu'uuraalee tajaajila hawaasaa dagaagsuun cinatti duudhaa wal-gargaarsaafi waliin jireenyaa ganamaa iddootti deebisuu keessatti qooda guddaa bahachaa jira.

Magaalaa Shaggarittis sagantaa kenna tajaajila lammummaatiin hojiiwwan garagaraa humna namaafi qabeenya qindeessuun erga hojiitti galamee rakkoowwan gama tajaajila bu'uuraalee hawaasaan turan furamuun fayyadamummaan Uummataa dhugoomsaa jira.

Bara baajetaa 2018 darbetti hojii sagantaa kenna tajaajila lammummaatiin ijaarsa Piroojeektiiwwan, manneen harka-qalleeyyii,arjooma dhiigaa dabalatee akaakuuwwan hojii garagaraa waliigala birrii biliyoona 28.4 tti tilmaamamu kan raawwatame yoo ta'u, bara baajetaa 2019 kanattis tarreeffamoota hojii adda bahan 104 birrii biliyoona 29 'n milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Ittigaafatamaa Waajjira Maallaqaa Magaalaa Shaggar Obbo Takkaa Warqinaa akka ibsanitti, hojii kenna tajaajila lammummaa waqtii gannaa hojjetamaa jiruun milkaa'inootni rakkoowwan gama hawaasummaafi dinagdeen jiraniif furmaata ta'an argamaa jiru.

Sagantaa kanaan harka-qalleeyyiif mana ijaaruun, kan beela'eef maaddii qooduu, arjooma dhiigaa taasisuun du'aatii sababa hanqina dhiigaan mudachuu danda'u hambisuu akkasumas dhaabbiifi kunuunsa biqiltuu dabalatee hojiiwwan saganticha keessatti karoorfaman raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Kunis rakkoowwan furmaata rakkoo ta'uurra darbee Aadaafi duudhaa ganamaa iddootti deebisaa kan jiruufi dhaloota jaalala biyyaafi quuqama lammummaa qaban uumaa jiras jedhan.

Bu'aawwan kanneen ittifufsiisuufis hirmaannaafi qindoominni qaamolee hawaasaa cimee itti fufu akka qabus Obbo Takkaa Warqinaa dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

''Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Badhaadhina Maatii Mirkaneessuun Fayyadamummaa Ummataafi Qonnaan Bulaa Mirkaneessaa J...
29/08/2026

''Inisheetiiviin Misooma Beeyladaa Badhaadhina Maatii Mirkaneessuun Fayyadamummaa Ummataafi Qonnaan Bulaa Mirkaneessaa Jira'' Obbo Girmaa Hayiluu

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti ijaarsi inisheetiivii Kilaastara Beeyladaa bara 2019 bifa ho'aa ta'een bakka hooggantootni magaalaa, Kutaa Magaalichaafi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniitti har'a eegaleera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti gamoota gama qonnaan qabaman; Wabii nyaataa mirkaneessuu, Al-ergii guddisuu, oomisha biyya alaa gara biyyaa galan bakka buusuufi carraa hojii bal'aa uumuuf xiyyeeffannoon hojii hojjetameen bu'aa fayyadamummaa ummataafi qonnaan bulaa mirkaneesse argamsiiseera.

Bu'aan argaman kanaaf immoo inisheetiivoonni mootummaa jijjiiramaan bocamuun gadi bu'an isa tokko yoo ta'u; milkaa'ina argamee magaalli Shaggar bakka gurgurtaa qofa osoo hin taane bakka oomishaa ta'uun bu'aa qaala'insa gabaa tasgabbeesse, dinagdee qonnaan bulaa guddiseefi badhaadhina maatii mirkaneesse argamsiiseera.

Inisheetiivoota bu'aa-qabeessa ta'uun hawaasaafi qonnaan bulaa akkasumas dargaggoota carraan hojii uumameef fayyadamaa taasisan keessa inisheetiiviin misooma Beeyladaa tokko yoo ta'u ;kutaa magaalichaa adda adaa keessa ijaarsi Kilaastara Beeyladaa bara 2019 eegalaa jira.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti ijaarsi inisheetiivii Kilaastara Beeyladaa bara 2019 bifa ho'aa ta'een bakka sadarkaa itti Aanaa kantiibaafi qindeessaan kilaastara qonnaafi misoomaa magaalichaa obbo Girmaa Hayiluu, Itti gaafatamaa siyaasaa paartii badhaadhinaa damee magaalaa Shaggar obbo Gammachiis Tamasgeen argamaniitti eegaleera.

Sadarkaa itti Aanaa kantiibaafi qindeessaan kilaastara qonnaafi misoomaa Magaalaa Shaggar obbo Girmaa Hayiluu,galmoota gama qonnaan akka magaalichatti qabaman milkeessuuf hojiin hojjetame bu'aa dinagdee magaalaa humneessaniifi badhaadhina maatii dhugoomsan argamuu himanii, bu'aa argameef inisheetiivoonni mootummaan bocamuun hojii irra olman hundee ta'uus dubbataniiru.

Inisheetiiviin misooma Beeyladaa magaalichatti bu'a qabeessa ta'uun hawaasni filannoo nyaataa garaagaraa gatii madaalawaan akka argatan taasisuu kan himan obbo Girmaan ijaarsa kilaastara misooma Beeyladaa babal'isuun fayyadamummaa ummataa caalmaatti mirkaneessuufis xiyyeeffannoon akka hojjetamaa jiru hubachiisaniiru.

Bulchaan Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaaffoo Obbo Caalaa Adaree hojii gama qonnaan kutaa magaalichatti hojjetameen hawaasa fayyadamaa taasisuufi qonnaan bulaa ginagdee isaa guddisuun akka danda'ame himanii, inisheetiivii misooma beeyladaa bu'aa-qabeessa taasisuuf kilaastara isaa babal'isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

Magaalaa Qulqulluufi Hawwattuu Taasisuun Ibsituu Ammayyummaafi Qaroominaati!Magaalli Shaggar yaadama ammayyummaafi qaroo...
29/08/2026

Magaalaa Qulqulluufi Hawwattuu Taasisuun Ibsituu Ammayyummaafi Qaroominaati!

Magaalli Shaggar yaadama ammayyummaafi qaroominaa addunyaa irra geesseen ijaaruun magaalicha qulqulluu, hawwatuufi miidhagduu akkasumas jireenyaaf mijattuu taasisuuf hojiilee hojjetamaniin bu'aaleen hedduu argamaniiru.

Keessattuu, insheetiivii misooma kolidarii maahaandisa jijjiiramaafi badhaadhinaa muummee ministeera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad kan ta'e , hojii irra oleen magaalli Shaggar magaalaa hawwattuu, miidhagduufi sochii hawaas-dinagdee saffisaan keessatti adeemsifamu taateetti.

Hojii gama Kunuunsaafi eegumsa naannoon hojjetameen duula ashaara magariisaa, Itoophiyaa /Oromiyaafi Shaggar qulqulluu taasisuuf gata , keemikaala yeroon irra darbeefi wantoota naannoo faalan dhabamsiisuuf hojiin bal'aa magaalichattivhojjetaman bu'aa argamsiisuun magaalaa Shaggar Magaalaa jireenyaaf mijattuu taasisaa jiru.

Kutaalee Magaalaa Magaalichaa garaagaraa keessatti duulli qulqullina magaalaa hawaasa, dargaggootaafi dhimmamtoota garaagaraan gaggeeffamaa jira.

Haaluma Kanaan, Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti Duulli qulqullina Magaalaa jaarmiyaalee dargaggoon dhaadannoo ''Naannoo Keenya Qulqulleessuun Fayyaa Dhaloota Haa Eegnu" jedhuun gaggeeffameera.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

"Kenni tajaajila lammummaa tarkaanfii rakkoowwan hawaas-dinagdee furuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jirudha"_Tashoomaa A...
29/08/2026

"Kenni tajaajila lammummaa tarkaanfii rakkoowwan hawaas-dinagdee furuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jirudha"_Tashoomaa Addunyaa (PhD)_sadarkaa Itti Aanaa PMNO tti Kantiibaa Magaalaa Shaggar
==
Kenni tajaajila lammummaa tarkaanfii addaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoowwan hawaas-dinagdee furuufi duudhaa ganamaa iddootti deebisuuf hojiirra oolchedha. Kunis dhaloota quuqama lammummaafi qajeeltoowwan gaarummaa gonfachuun rakkoo hawaasaa furuu keessatti gahee bahatan horachuuf kan dandeessisudha.

Hojiirra oolmaa tarkaanfii kanaas Aadaafi duudhaa ganamaa iddootti deebisuun rakkoowwan gama hawaas-dinagdeen mul'atan akka furaman taasisaa jira.

Kana malees kenni tajaajila lammummaa waliin jireenya hawaasaa bu'uura Aadaa ganamaatiin cimsuun hirmaannaa hawaasni misooma waloo keessatti qabu guddisuun Badhaadhina hunda-galeessa roga maraan akka mirkanaa'u taasisa.

Haaluma kanaan Waajjirri Investimentiifi Industirii Magaalaa Shaggar tumsa abbootii qabeenyaa sagantaa kenna tajaajila lammummaan taasifameen deeggarsa meeshaalee garagaraa taasiseera.

Sagantaa kanaanis meeshaalee Barnootaa, eeleewwan elektirikii, meeshaalee qulqullinaa, teessoowwaniifi "firaashiiwwan" dabalatee waliigala deeggarsi birrii miliyoona 3tti tilmaamamu taasifameera.

Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD);kenni tajaajila lammummaa tarkaanfii rakkoowwan hawaas-dinagdee ittiin furamu ta'uu kan himan, Magaalaan Shaggaris hojiiwwan misoomaa saffisiisuun fayyadamummaa Uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Waggoottan sadan darbanittis hojii sagantaa kanaan hojjetameen bu'aawwan fayyadamummaa Uummataa mirkaneessan galmaa'uu eeraniiru.

Bara baajetaa 2018'tti qofa Magaalichatti hojiiwwan birrii biliyoona 28 tti tilmaamamu kan raawwateefi bara kanas abbootii qabeenyaafi hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira jedhan.

Ittigaafatamaa Waajjira Investimentiifi Industirii Magaalaa Shaggar Hayilemikaa'el Alamuu (PhD); Waajjirichi sagantaa kenna tajaajila lammummaatiin abbootii qabeenyaa hirmaachisuun hojiiwaan garagaraa hojjechaa jiraachuu kan himan, sagantaa kenna tajaajila lammummaa waqtii gannaatiinis manneen harka-qalleeyyii ijaaraa jiraachuu himaniiru.

Hojiin kenna tajaajila lammummaa kana irrattis hirmaannaa abbootii qabeenyaa cimsuun ittifufinsaafi qindoominaan kan hojjetan ta'uus himaniiru.

Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf:

Facebook
https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1
-------
YouTube
https://youtube.com/?si=03UKwSTEZapXBvCp
--------
Tiktok
https://www.tiktok.com/
---------
Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication

Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom
---------
WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
---------
Website: https://shaggarcitycommunication.et

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shaggar City Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Shaggar City Communication Office:

Shortcuts

Share