19/08/2026
Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Waggaa Bara 2018 Godina Booranaa,Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffame.
----------------------------
(Hagayya 13,2018 MMWO, Caffee Araaraa,Finfinnee)-Yaa'iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Waggaa Bara 2018 Godina Booranaa,Magaalaa Yaaballootti Gaggeeffameera.
Yaa'icha irratti raawwiin hojii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa bara 2018 dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera.
Tajaajilli haqaa Manneen Murtii Aadaatiin kennamaa jiru uummata keenya baasii irraa baraaraa jiraachuu bira darbee haqa duudhaa Oromoo bu'uureffate argamsiisaa jiraachuun gabaasa dhiyaate irraa hubachuun danda'ameera.
Hanqinootaa fi rakkoowwan mul'atan furaa deemuun bu'a qabeesummaa Manneen Murtii Aadaa daran dabaluuf hojjatamaa kan jiru ta'uunis himameera.
Yaa'icha irratti hoggantoonni qaamolee mootummaa sadarkaa Naannoo dhimmi ilaallatu, Pirezidaantonni Manneen Murtii Ol'aanaa fi Gaggeessitoonnii fi ogeessonni Waajjiraalee Aadaa fi Turizimii Godinaalee,Jaarsoleen Manneen Murtii Aadaa, keessummoonni afeerraan taasifameef,Abbootiin Gadaa fi Haadholeen Siinqee hirmaataniiru.
----------------------------------
Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii_MMWO
Odeeffannoo dabalataaf:
Toora Telegraamii👉https://t.me/MMWO2020
Oolmaa Dhaddcahaa👉 https://t.me/oolmaadhaddachaa2016
Toora You tube 👉
Toora Facebook👉https://www.facebook.com/profile.php?id=100064892762726