Abba Gaar-Oromiyaa EIO-Oromia

Abba Gaar-Oromiyaa EIO-Oromia Well Come to Ethiopian Institution of Ombudsman Oromia Branch Office

Hojjettootni Waajjira keenyaa Sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaachuun biqiltuu adda addaa dhaabdan hirmaannaa...
04/08/2026

Hojjettootni Waajjira keenyaa Sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaachuun biqiltuu adda addaa dhaabdan hirmaannaan isin agarsiiftan kan nama boonsudha. Biqiltuun har`a dhaabdan madaala qilleensa naannoo keenyaa eeguu keessatti qooda mataasaa akka qabaatu abdii guddaa qabna.
Galatoomaa!

Dhimmoota Badii Bulchiinsaa Ykn Miidhaa Bulchiinsaa Dhaabbilee Mootummaa, Misooma Mootummaa fi Dhuunfaatiin isin irratti...
28/07/2026

Dhimmoota Badii Bulchiinsaa Ykn Miidhaa Bulchiinsaa Dhaabbilee Mootummaa, Misooma Mootummaa fi Dhuunfaatiin isin irratti raawwatameen wal qabatee Komii keessan dhaabbatichaaf dhiyeessuu ni dandeessu.
Komiin dhaabbatichaaf dhiyaatu:-
-Afaaniin ykn Barreeffamaan ykn karaa biroo kamiinuu dhiyaachuu danda’a.
-Hanga danda’ame Ragaa deeggarsaa waliin dhiyaachuu qaba.
-Akkuma haala isaatti Afaan hojii Naannoo Ykn Fderaalaatiin dhiyaachuu danda’a.
-Komii keessanis Iddoodhuma jirtan taatanii karaa isiniif mijate kamiiniyyuu bilbilaan ykn teelegiraamii dhababatichaatiin dhiyeessuun ni danda'ama.

21/11/2018 ... Waa’ee Miidhaa Bulchiinsaa Kana beektuu Laata?
28/07/2026

21/11/2018 ...
Waa’ee Miidhaa Bulchiinsaa Kana beektuu Laata?

27/07/2026

Dhaabbatichi Kaayyoo dhaabbateef galmaan gahuu bu'uura labsii lakk 1142/2011 fi labsii Fooyya'e lakk.1307/2016 tiinf Aangoo fi gahee hojii armaan gadii kennmeefii jira. isaanis :-
1.Qaamoleen Raawwachiistuu Qajeelfama bulchinsaa Baasan, Murtiilee kennanii fi hojmaata isaanii tumaa Heera mootummaa akkasumas seera biroo waliin kan wal hin faallessine ta’uu isaanii qorachuu, too’achuu fi mirkaneessuu,
2. Komiiwwan miidhaa bulchinsaa waliin wal-qabatee dhiyaatan bu’uura godhachuudhaan ykn Qorannoo kaka’umsa ofiitiin ykn dhimmoota barbaachisoo ta’an irratti Qorannoo Sirnaawaa Gaggeessuu,
3. Miidhaan bulchinsaa dhaqqabuu isaa yoo mirkaneesse Yaada Furmaataa dhiyeessuu fi Raawwachiisuu
4. Komiiwwan miidhaa bulchiinsaa Dhaabbilee dhuunfaa keessatti raawwataman ilaalchisee dhiyaatu simachuu fi qorannoo gaggeessuu,
5. Haala miidhaan Bulchinsaa ittiin hir’achuu ykn Hafuu danda’an Qorachuu fi Yaada furmaataa dhiyeessuu,
6. Bulchinsa Mootummaa Fooyya’e argamsiisuudhaaf seerota turan ykn hojmaata ykn qajeelfamoonni akka fooyya’an, seerotni haaraan akka bahan ykn poolisiin akka qophaahu mootummaa Yaaddachiisuu(beeksisuu),
7. Dhimmoota bulchinsa Gaarii irratti mootummaadhaaf tajaajila gorsaa Kennuu,
8. Hawaasni waa’ee Bulchinsa Gaarii fi Dhimma Bulchinsa Haqaa hubannoo akka qabaatuuf malleen adda addaatti fayyadamuudhaan hubannoo uumuu,
9.Dhimmoota bulchinsa gaarii ilaalchisee walgahii, Konfaransii fi Siyiinpooziyeemii biyyoolessaa irratti hirmaachuu,
10. Raawwii Labsii bilisummaa Odeeffannoo 590/2000 kutaa 3ffaa ilaachisee hordoffii fi too’annaa gaggeessuu,
11. Kaayyoo Dhaabbatichaa galmaan gahuuf kan gargaaran hojiiwwaan biroo hojjechuudha.

Dhaabbanni Abba Gaar uummata Itiyoophiyaa  Aangoo Bakka bu’oota uummataaf kennameen akkaataa  Heera Mootumaa RFDI keewwa...
27/07/2026

Dhaabbanni Abba Gaar uummata Itiyoophiyaa Aangoo Bakka bu’oota uummataaf kennameen akkaataa Heera Mootumaa RFDI keewwata 55/15/ tiin Labsii Lakk.1142/2011 fi Labsii Fooyya'e Lakk.1307/2016 tiin kan hundeeffamee fi itti waammamni isaa Mana maree bakka bu’oota uummataatiif ta’ee dhaabbilee Diimokraasii keessaa isa tokkodha.
-kaayyoon isaas :-
Mirgoonni fi Faayidaaleen namootaaf seeraan kennaman qaamolee raawwachiiftuu fi akkaataa labsii 1142/2011 fooyyessuuf labsii bahe lakk. 1307/2016 keewwata 6 tiin Dhaabbilee dhunfaatiin kabajamuu isaanii mirkaneessuun bulchinsa gaarii mootummaa ol’aantummaa seeraa bu’uura godhatee qulqulina qabu, Si’ataa fi iftoomina qabuu fi nageenyi Induustirii akka jiraatu gochuudha.

08/06/2026
‎ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ፤ እንኳን ለብርሃነ ትንሳኤ በዓል በሰላም አደረሳችሁ።‎በዓሉ የሰላም፣ የፍቅር፣ የበረከት እና የመተሳሰብ እንዲሆን እንመኛለን !!‎መልካም በዓል!
11/04/2026

‎ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች በሙሉ፤ እንኳን ለብርሃነ ትንሳኤ በዓል በሰላም አደረሳችሁ።
‎በዓሉ የሰላም፣ የፍቅር፣ የበረከት እና የመተሳሰብ እንዲሆን እንመኛለን !!
‎መልካም በዓል!

Hordodtoota Amantaa Kiristaanaa hundi baga Ayyaana Fannoo Gooftaa Keennya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos Nagaan Geess...
10/04/2026

Hordodtoota Amantaa Kiristaanaa hundi baga Ayyaana Fannoo Gooftaa Keennya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos Nagaan Geessa!
ለመላው የክርስትና እምነት ተከታዮች እንኳን ለጌታችን ለመድሀኒታችን እየሱስ ክርስቶስ ስቅለት በዓል በሰላም አደረሰን!

19/03/2026

የኢትዮጵያ ህዝብ ዕንባ ጠባቂ ተቋም ለመላው የእስልምና ዕምነት ተከታዮች በዓሉ የሰላም የፍቅር እና የመተሳሰብ እንዲሆንላቸሁ ይመኛል!

24/02/2026

Address

Addis Ababa Bole Road Around Dembel City
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abba Gaar-Oromiyaa EIO-Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share