Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04

Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 political

Itiyoophiyaan mari'achaa jirti!Har'i guyyaa seena qabeessa Idaan dhalootaa itti kaffalamuudha!
15/07/2026

Itiyoophiyaan mari'achaa jirti!

Har'i guyyaa seena qabeessa Idaan dhalootaa itti kaffalamuudha!

Hirmaannaa Uummanni Itiyoophiyaa Filannoof agarsiise Ijaarsa Sirna Dimookiraasiitiif Imaanaa guddaa dhaMuummicha Ministe...
07/07/2026

Hirmaannaa Uummanni Itiyoophiyaa Filannoof agarsiise Ijaarsa Sirna Dimookiraasiitiif Imaanaa guddaa dha

Muummicha Ministeera Doktor Abiyyi Ahimadi

“Imaanaa Uummanni filannoon nutti kenne amanamummaafi ittigaafatamummaan ba'achuuf qophiidha.’’ Ministira Muummee  Abiyy...
07/07/2026

“Imaanaa Uummanni filannoon nutti kenne amanamummaafi ittigaafatamummaan ba'achuuf qophiidha.’’

Ministira Muummee Abiyyi Ahimad(PhD)

Nyaachisurra darbee! Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti  hojiiwwan nyaachisuu bira darbee haqa hawaasummaa kan aangessinufi ...
05/07/2026

Nyaachisurra darbee!

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti hojiiwwan nyaachisuu bira darbee haqa hawaasummaa kan aangessinufi jiraattota keenyaaf jaalalaa fi kabaja kan ittiin kennineef keessaa tokko kan ta'e, sagantaa keenya nyaataa Tasfaa Birhaaniin har'a wiirtuu 30ffaa ijaarree hojii eegalchiisnee jirra.

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti damee 4ffaa kan ta'e Wiirtuun Nyaataa 'Tasfaa Birhaan' 30ffaan kun, naannawa Qirqoos, babal'ifannaa Sheeraataniifi Kaasaanchiis irraa namoota mana seera qabeessa hin qabaanne, hirkattummaa fi mana tokko keesa lama ta'anii jiraataa kan turan, harka qalleeyyii galii dhaabbataa kan hin qabne, maanguddoota Arraabsatti mana ijaarree galchineefi jiraattota keenya rakkoo hawaasummaa garaagaraatiif saaxilaman kan ittin jiraatan waan ta'eef wiirtuu kanaan nyaata eegalchiisuun rakkoo isaanii yeroof kan salphisuu fi haala waaraa ta'een carraa hojii dhaabbataa akka argatan hojii kan itti eegalleedha.

Wiirtuleen nyaataa Tasfaa Birhaan magaalaa keenya keessatti ijaarre nama irratti xiyyeeffachuu keenya gochaan kan itti ibsinu, rakkoolee yeroo kan itti furru yemmuu ta'an; bifa waaraa ta'een immoo halkanii fi guyyaa hojjechuun biyya keenya badhaadhomsuuf, galma keenya milkeessuuf ni hojjenna.

Magaalaa keenya keessatti itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuun dabalaa kan dhufe yemmuu ta'u, har'as waan qabdan irraa qooduun nu waliin hojjettan akkasumas wiirtuu kana keessatti itti fufiinsaan nyaachisuuf waadaa kan galtan tola ooltota keenya maqaa jiraattota keenya faayyadamtotaa, maqaa bulchiinsa magaalaa keenyaa fi maqaa kootiin isin galateeffadha.

Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

Lagni Qabbanaa'aa namaan kan bade, namaan misoome – Kaantiibaa Adaanech AbeebeePiroojektiin Qarqara Laga Qabbanaa'aa Mag...
29/06/2026

Lagni Qabbanaa'aa namaan kan bade, namaan misoome – Kaantiibaa Adaanech Abeebee

Piroojektiin Qarqara Laga Qabbanaa'aa Magaalaa Finfinneef simboo dabalataa ta’eera jedhan Kaantiibaan Adaanech Abeebeen.

Lagni kun namaan kan bade, namaan misoome jedhan.

Kan uumaan nu badhaase Qabbanaa'aa, namni balleesse, namni kennaan uumamaa kun baduun isa gaabbisise ammoo Qabannaan irra deebiin akka dhalatu taasiseera jedhan.

Lagni Qabbanaa'aa barootaaf sirbaa fi yaadannoon qofaan maqaan isaa waamamaa ture har’a irra deebiin dhalateera.

Qabbanaa'aan eenyummaan uumama isaa badee, bakka kuusaa balfaa ta’ee, foolii badaan guutamee ture.

Lageen bakka kuusaa balfaa fi madda dhibeewwanii ta’anii turan dhamaatii fi dafqaan yaalamuun, jiraattoota magaalichaaf madda abdii fi gammachuu ta’aa jiru.

Piroojektiin yeroo gabaabaa keessatti haala addaan hojjetame kun Piroojektoota biroo waliin ta’uun simboo magaalichaa ta’aniiru.

Galmoonni filannoo karoorfanne milkaa'anii wal galateeffachuun kan nu gahe Waaqayyo kan galataa haa tahu! Qaaliiwwan abb...
26/06/2026

Galmoonni filannoo karoorfanne milkaa'anii wal galateeffachuun kan nu gahe Waaqayyo kan galataa haa tahu!

Qaaliiwwan abbootii qabeenyaa magaalaa keenyaa paartiin keenya Badhaadhinni biyya keenya ijaaruufi poolisii fi istiraateejii lammii Itoophiyaa hunda fayyadamoo taasisu bocee hojjechaa jiraachuu hubattanii ejjannoo ifaa qabattanii tumsa keessan yeroo hundaafi adda duree taatanii bifa hundaanuu si'aa'inaan hirmaachuun deeggarsa nuuf taasistan hundaaf irra deebiin Galatoomaa!

Filannoon Itoophiyaa sagalee olaanaa argachuu paartii tokkooti ol guddaa kan ta'e gochaa biyya cimsuuti. Kanaaf uummanni keenya ijaarsa sirna dimookiraasiif cimina mul'ise misooma biyyaa eegalame itti fufsiisuuf fedhii qabuufi imalli nageenya itti fufaa taasisuu akka milkaa'uuf paartii keenyaaf irra deebiin itti gaafatamummaa guddaa amaanaa kennee jira. Itti gaafatmummaa nuuf kennameen dhugaan,ciminaan fi haqummaan tajaajiluun uummata keenya ni gammachiisna.

Paartiin keenya tumsa cimaa sektara dhuunfaatiin badhaadhinni keenya ni milkaa'a jedhee amana. Kanaafis sektarri dhuunfaa ijaarsa biyaatiif tattaaffii taasistaniin yeroo hundaa deeggarsi keenya isinirraa adda hin ba'u waan ta'eef tumsaan hojjechuu keenya cimsinee itti fufna.

Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!

*Gaarummaan; olka’iinsa biyyaaf! Dubbii qofaan osoo hin gochaa qabatamaadhaan jaalala lammiilee fi biyya keenyaaf qabnu ...
23/06/2026

*Gaarummaan; olka’iinsa biyyaaf!

Dubbii qofaan osoo hin gochaa qabatamaadhaan jaalala lammiilee fi biyya keenyaaf qabnu kan itti agarsiifnu , yeroon isaa amma! Tajaajilli lammummaa nama biraaf jiraachuu qofa osoo hin taane, ofii fi hawaasa keenya ijaaruudha. Tajaajilli lamummaa qaama biraa irraa gaaffii osoo hin eegne kaka’umsa mataa keenyaan biyyaa fi lammiilee keenyaaf kan itti dirmanuudha. Beekumsi, humni, maallaqni, yeroo waan qabnu hundaan humna taane yaa sochoonu. Ganna kana:
🌱 Biqiltuu haa dhaabnu
🩸 Dhiiga haa arjoomnu
📚 Obboloota keenya haa barsiisnu
🏠 Mana maangaddootaa haa haaromsinu

Ifoomuu bu'aa Xumuraa Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa hordofee ergaa galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa!Kabajamtoota I...
21/06/2026

Ifoomuu bu'aa Xumuraa Filannoo waliigalaa Marsaa 7ffaa hordofee ergaa galateeffannaa Paartii Badhaadhinaa!
Kabajamtoota Itoophiyaanota, Kabajamtoota miseensota hawaasa siyaasaafi qooda fudhattoota filannoo;Har’a Itoophiyaanonni dimokiraasii qabatamaan kan itti agarsiisan, seenaa cululuqaa kan itti galmeessanii fi Afrikaan waa'ee ofii ofumaa murteessuu akka dandeessu hawaasa idil-addunyaatti ifaan kan itti mul'istee fi boqonnaa haaraan kan itti saaqame ta'uun ifoomera! Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa seena qabeessa kanaan, ummanni keenya Paartii Badhaadhinaa guddummaa Itoophiyaa dhugoomsuf kaleessa wal'aanaa egeree boru bu'uura cimaa irra dhaabuf hojjachaa jiruuf itti gaafatamummaa fi amanaa guddaa irra deebiin itti kenneera. Paartiin Badhaadhinaas amaanaa ummataa guddaa kana kan ofitti fudhate milkaahina isaatin osoo of hin dagatin, hanqinaalee jiran sirreessaa, ummata isaa qulqullummaan tajaajiluu fi waadaa isaa gocha qabatamaadhan dhugoomsuf hojjeta. Kabaja guddaa kanaa fi waliigaltee dimokiraasii ummanni Itoophiyaa nutti kenne qajeelummaa fi kabaja ol'aanadhaan fudhanna.
Ergaan galateeffannaa kun, lammiilee sagalee nuuf kennan qofaaf osoo hin taane; keessumaa, lammiilee filannoo barbaadan filachuun mirga isaaniitti fayyadaman, akkasumas kaardii filannoo isaaniitiin sagalee nuuf kennuu irraa of qusatan yoo ta’anillee adeemsichi seera qabeessaa fi nagaa akka ta’uuf gahee isaanii kanneen bahatan hunda hammata. Sababni isaas hirmaannaan lammiilee hundaa dimokiraasiin biyya keenyaa injifataa dhugaa akka ta'u taasiseera.
Adeemsa filannoo kana keessatti dhugaan bu’uuraa ifatti adda baafamuu qabu tokko ni jira፦ Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa argatee mootummaa ijaaruuf mirga argachuun isaa, mul’ata badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa mirkaneessuun imala milkaa’aa taasifachaa jiruuf akka carraa guddaatti kan fudhatamu yoo ta'u; filannoon kun guutumatti nagaa, bilisa, haqa qabeessaa fi amansiisaa ta’uun xummuramuun isaa injifannoo tarsiimoo biyya keenya jaallatamtuu Itoophiyaa fi ummata ishee hundaaf mirkaneessudha!
Filannoon kun akkuma filannoowwan darbanii dorgommii siyaasaa idilee ta'e ykn taatee yeroo qofaa hin turre. Filannoon kun shiraa siyaasaa keessoo fi alaa kan kukkute, birmadumma Itoophiyaa qabatamaan kan mirkaneessee, bilchina dhaabbilee dimokiraasii keenyaa karaa bu'a qabeessa ta'een kan mirkaneessedha. Taatee seena qabeessa Itiyoophiyaan guutumatti ofumaan, dhiibbaa alaa kamiif iyyuu osoo hin jilbiinfatin raawwatte kun, dimokiraasii man-dhalee fi birmadummaa ardichaa kan mirkaneessee waan ta’eef, kabajaafi fakkeenyummaa Afrikaanota hundaa ta’eera.
Lammiilee miliyoona 54 ol hirmaachun isaanii dammaqina xiin-sammuu siyaasaa ummata keenyaa kan agarsiisu yoo ta’u, sagalee fi fedhii birmadummaa ummataa kabajuun dirqama mootummaa fi qooda fudhattoota siyaasaa kamiiyyuu akka ta’e qabatamaan mirkanaa’ee jira. Filannoo kanaan, diinonni Itiyoophiyaa biyya jeequuf gidiraa fi shirri siyaasaa xaxan bilchina ummata keenyaan guutumatti akka fashalaa'u ta'eera.
Bu’aan seena qabeessa ta'e kunii fi injifannoo Itiyoophiyaa mirkaneessuun qabsoo qooda fudhattoota hundaatin ala kan anda’amuu miti. Waan kana ta'eef, Paartiin Badhaadhinaa milkaahina filannichaatif qaamolee tumsan hundaaf galataa fi kabajaa dhiyeessuu barbaada.Keessumattuu adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti, ummanni Itiyoophiyaa birmadummaa biyya keenyaa bu’uura cimaa irra dhaabuf aantummaa fi kutannoo hin raafamne agarsiisee jira.
Keessattuu, guyyaa filannoo, halkan keessaa sa’aatii 10 irraa eegalee, mul’ataan qajeelfamee, qorra fi dadhabbii jaalala biyyaatin mo’atee, hanga guyyaa itti aanu halkan keessaa sa'aatii 10'tti sa’aatii 24 guutuu obsaa fi naamusa ol'aanadhaan, mirga heera mootummaatiin kennameef hojiirra oolchuuf hiriira dhaabbate. Kutannoon seenaa qabeessa ta'ee fi bilchinni siyaasaa ummanni keenya agarsiise Paartii Badhaadhina qofaaf osoo hin taane, biyyoota dimokiraasiin guddachaa jiran hundaafi ardii Afrikaaf fakkeenya gaarii kan ta'uudha. Akka kanaan Paartiin keenya ummata hubataa fi qaroome kanaaf, kabaja fi galata ol'aanaa qabu gara laafummaa guddaan dhiyeessu barbaada.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa filannoo kana waliigalatti, walabummaa guutuudhaan, gahumsa ogummaa olaanaadhaan, obsaa fi qajeeltoo seeraan hoogganamuudhaan walabummaa Jaarmiyaaleen biyya keenyaa addunyaa irratti waan mirkaneesseef galataa fi dinqisiifannaa guddaatu ta'aafi.
Paartileen morkattootaa 42 fi kaadhimamtoota kuma kudhanii ol filannoo irratti dorgomaa ta'anii hirmaachuu isaaniitiin uummanni filannoowwan dhiyaataniif bal'inaan madaalee akka filatu taasisee jira. Kana waan ta'eef dambalii sobaa keessaa fi alaa qindaa'ee adeemaa ture damdamachuun waldorgommii yaadaa nagaa qabeessaa fi olaantummaa seeraatiif kutannoon agarsiistan dagaagina aadaa dimokiraasii biyya keenyaaf bu'uura guddaa kaa'ee jira. Walabummaa Uummataa Kabajuu fi qabsaa'ota Siyaasaa dirree yaadaa waan taataniif kabajaa fi galata guddaatu isiniif mala.
Dhaabbilee nageenyaa federaalaafi naannolee ummatni sodaa tokko malee bilisummaan bahee sagalee isaa akka kennuuf halkanii guyyaa hojjechuudhaan,aarsaa kaaffaluudhaan biyya keenya humna badii irraa xiiqiin tiksuun itti gaafatamummaa olaanaa bahataniiru. Isin eegduu biyyaafi gootota gaafa xiiqii waan taataniif kabaja guddaafi kabajatu isiniif mala.
Dhaabbileen Miidiyaa ogummaa keessan kabajjanii amanamummaa olaanaadhaan ummatni mirgasaatti akka fayyadamu,filannoo duraa hanga filannoo boodaatti miirri filannoo bilisaafi madaalawaa ta'e akka uumamu gochuun biyya keessaniif shoora olaanaa waan taphattaniif galata guddaatu isiniif mala.
Dhaabbileen Siivilii biyya keessaa filannoo duraa eegalee guutummaa biyyatti keessa socho'uun lammileef barnoota dimokiraasiifi filattootaa kennuun,dammaqiinsi dimokiraasii ummataa akka guddattuufi mirgasaa akka hubatu gochuurratti qooda bakka hinbu'amne taphataniiru.Guyyaa filannoottis,taajjabdoota kumaatamaan lakkaa'aman buufata filannoo hundarratti bobbaasuun adeemsi filannichaa naga-qabeessa,seera-qabeessaafi haqa-qabeessa akka ta'u dandeettii keessan mandhaleefi bilisummaa dhaabbatummaa keessanii qabatamaan waan agarsiiftaniif kabaja guddaafi galatatu isiniif mala.
Gamtaan Afrikaafi IGAD "Rakkoowwan Afrikaatiif furmaata Afrikaa" mootoo jedhu qabatamaan mirkaneessuudhaan dhaabbileen sadarkaa Afrikaafi naannawaa ta'an itti gaafatamummaasaanii seena qabeessa gahumsaan bahachuu akka dandaa'an irra deebiin mirkaneessaniiru.
Ijaarsi sirna diimokriaasii Itoophiyaa agarsiistuu kabajaafi fakkeenyummaa ta'uusaa mirkaneessuun, haqummaafi amanamummaa filannichaa waltajjii addunyarratti waan olkaaftaniif, obbolummaa Paan-Afirikaanizimii dhugaa agarsiiftaniif, tumsa naannawaafi kutannoo seena-qabeessaa agarsiiftaniif Paartiin keenya Badhaadhinni kabajaafi ulfina olaanaa dhiyeessa. Miseensota hawaasa idil-addunyaa,dhabbilee naannawaa,biyyoota michuu Itoophiyaa hunda haala dhugaa Itoophiyaa qabatamaan hubachuudhaan, adeemsa waliigalaa filannichaa xiyyeeffannoo addaan kan hordoftaniifi adeemsi isaa naga-qabeessa,bilisafi diimokiraatawaa ta'ee goolabamuu mirkaneessuudhaan duubdeebii eyyentaafi bu'a qabeessa ta'e kennitaniif Paartiin Badhaadhinaa galata guddaa dhiyeessa.
Dhuga baatiin keessan madaalawaafi dhugaa ta'e amanamummaa dhaabbilee biyya keenyaa kan guddisu qofa osoo hintaane, Ijaarsa sirna diimokraasiifi badhaadhina Hunda galeessa Itoophiyaan eegalte kan mirkaneessuu tumsa seena qabeessaafi tarsiima'aa waan ta'eef kabaja guddaadhaan fudhanna. Paartiin Badhaadhinaa Waadaa siyaasaafi hawaasummaa haaraa kana bu'ureffachuun abbaan aangoo uummata ta'uu qabatamaan nii mirkaneessa.
Waggoottan itti aanan,fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf hojiwwan bu'aa danuu argamsiisan cimaniifi babal'atanii kan itti fufan yoo ta'an,keessattuu gaaffile uummataa hirmaannaa hundaa barbaadaniifi dhimmoota murteessoo hirmaannaa qooda fudhattoota hundaa barbaadan irratti ummataa keenyaafi qooda fudhattoota waliin ta'uun hojjennee deebii akka argatan kan goonu ta'a.
Gama Kanaan,nageenyi akka waara'uufi olaantummaan seeraa bu'uura amansiisaarratti ijaaruuf,carraa hojii itti fufiinsa qabu uumuufi fayyadamummaa lammilee mirkaneessuun hirmaannaa biyyoleesaa guddisuuf,Tajaajila Iddoo Tokkoo(MESOB) eegalaman babal'isuun,danqaawwan biirokiraasii hiikuun,kenna tajaajilaa tekinoojiin ammayyeessuun,hannaafi hojimaata badaa to'achuun itti quufinsa ummataa sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf kutannoodhaan kan hojjennu ta'a.
Dabalataanis, Adeemsa Maree biyyaalessaa xumuramaa jiru galma qabame akka milkeessuuf deggaruudhaan, dhaabbileen dimokiraasii caalmaatti bilisaafi jabaa akka ta'aniif cimsuu, Paartilee siyaasaa waliin faayidaa biyyaalessaa karaa giddugaleeffateen gamtaan hojjedhuuf hojiiwwan eegalaman kan itti guddisnu ta'a.
Walumaagala,Paartiin Badhaadhinaa waadaa gale osoo hin sharafin raawwachuudhaan, filannoon daandii ittiin aangoo to'atan osoo hintaane imaanaa amanamummaadhaan uummata ittiin tajaajilan ta'uu qabatamaan nii mirkaneessa.
Kanaanis,Badhaadhinaa hunda-galeeleessa Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessuuf imala keenya yeroo kamiyyuu caalaa quuqamaan,tokkummaafi kutannoodhaan cimsinee kan itti fufnu ta'uu kabajamaa ummata keenyaaf irra deebiin waadaa keenya nii haaressina.
Paartii Badhaadhinaa
Waxabajjii 14,2018.
Finfinnee

“Guyyoota 90 dhufan keessatti hojiiwwan fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan irratti xiyyeef...
16/06/2026

“Guyyoota 90 dhufan keessatti hojiiwwan fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan irratti xiyyeeffatamanii hojjetamu - Kantiibaa Adaanach Abeebee
**********************************

“Har'a karoora hojii mootummaa fi Paartii kan guyyoota 90 bulchiinsa magaalaa keenyaa irratti hoggantoota magaalaa keenyaa hundaa waliin mari'achuun gara hojiitti galchinee jirra.

Filannoo booda, hatattamaan fuula keenya gara hojiitti deebisuun milkaa'inoota ariifachiisaa galmeessuu, waan walitti fufiinsa qabuu fi haaraa hojiirra oolchuuf, gaaffilee hawaasni keenya kaasuuf deebii kennuuf, cimina olaanaa fi boqonnaa malee raawwachuu karoora dandeessisu qabannee xiyyeeffannoo addaatiin kan raawwannu ta'a.

Waxabajjii 9 hanga qaammee 5 guyyoota 90 keessatti galmoota gurguddoo raawwannu: rakkoolee bulchiinsa gaarii yeroo duula filannootti adda bahan furuu, hojii tajaajila fooyyessuu cimsuun tajaajila dijiitaalawaa wiirtuu tokkoo Masob babal'isuu, qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuu, sirna daldalaa too'achuu, carraa hojii uumuu fi fayyadamtummaa dargaggootaa fi dubartootaa irratti hojjechuu, misooma Ashaaraa Magariisaa, qonna magaalaa fi maaddii gutuu, hojiiwwan ijaarsa nageenyaa, sassaabbii galii, kadhaa fi gargaaramummaa hir'isuu, sagantaa tajaajila tola ooltummaa hirmaannaa hawaasaa qindaa'een hojiirra oolchuu, sochii Itoophiyaan haa oomishtuu ilaalcha haaraan gaggeessuu, pirojektoota hin xumuramin xumuruu, hojiiwwan misooma koriidarii fi qarqara laggeenii eegalaman qulqullinaa fi dangaa yeroo fi baajata qabameefiin xumuruu, hojiiwwan miidiyaa fi qunnamtii uummataa cimsuu… kkf haala bu'a qabeessa ta'een raawwachuuf qophoofneerra.

Xumura bara baajata 2018 fi qophii karoora bara baajata 2019 irratti xiyyeeffannoodhaan hojjechuun, barri baajata haaraan caalaatti uummata keenya kan itti tajaajillu, imala keenya Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuu kan itti mirkaneessinu akka ta'uuf, qophii karooraa eegalee hanga raawwii hojiitti hordoffii fi deeggarsa jabaan kan raawwannu ta'a.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad(PhD) Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu handaara H...
15/06/2026

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad(PhD) Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu handaara Hora Harsadeetti eegalchiisan.

Bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 8 dhaabuuf karoorfameera.Hanga bara kanaattis karoora biqiltuuwwan biiliyoona 65 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Ministeerri Muummee Abiy Ahimad(PhD) Lammiileen Itoophiyaa hunduu sagantaa kana keessatti hirmaachuun dhaloota dhufuuf Ashaaraa akka kaa'an waamicha dhiheessaniiru.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 04 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share