Aliy Mohammed Husene

Aliy Mohammed Husene Never Give up.You Never Know How Close You Are, Never Give Up On Your DREAMS!!

https://www.facebook.com/waajjiradaldalaadawwee
19/08/2026

https://www.facebook.com/waajjiradaldalaadawwee

Adeemsaa fi Haala Kenniinsa Eeyyamsa Daldalaa Hangam Beektu??

Hoj-maatni Eeyyamaa fi Uwwisa Daldalaa Gama Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaatiin kan hoogganamu yoo ta’u, adeemsichi qabxiilee ijoo armaan gadiitti qoodama:-

1. Galmee Maqaa Daldalaa(Trade Name Registration)

Daldalaan kamiyyuu daldala jalqabuu isaa dura maqaa addaa daldala isaaf ta’u baasuu (filachuu) qaba.
➺Sakatta'iinsa:-Maqaan filatame duraan nama biraatiin Galmaa'uu dhabuu isaa Sirni onlaayiniitiin ni mirkanaa'a.
➺Mirkaneessaa:- Maqichi fudhatamummaa yoo argate ykn Maqaan yoo mirkanaa'e Waraqaa Ragaa Galmee Maqaa Daldalaa ni kennama.
2. Galmee Daldalaa(Business Registration)
Kunis sadarkaa daldalaan akka qaama daldalaatti seeraan beekamtii itti argatudha.
➺Sanadoota(Documents):-
Waraqaa Eenyummaa haaromfame, waliigaltee kiraa (ykn ragaa abbummaa) fi suuraan barbaachisaadha.
➺Lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN):-
Daldalaan Lakkoofsa TIN Waajjira Galiiwwanii irraa baasuu qaba.

3. Ragaa Gahumsaa (Competency Certificate)

Gosti daldalaa jalqaba fayyaa, nageenya ykn eegumsa naannoo irratti dhiibbaa yoo qabaate
(fkn hoteela, mana qorichaa, geejjibaa),Waajjirri damee dhimmi ilaallatu dhufee bakka sana ni daawwata.
➺Ulaagaalee kan guute yoo ta'e ragaan gahumsaa ni kennamaaf.

4. Kenniinsa Eeyyama Daldalaa (Business Licensing)

Ulaagaalee armaan olii erga guutee booda eeyyamni daldalaa ni kennama.
➤Eeyyamni kun Ragaalee armaan gadii of keessaa qaba:-
➺Damee daldalaa (fkn, daldala shiraaraa).
➺hojii addaa irratti bobba'e (fkn, daldala huccuu).
➺Teessoo daldalli itti gaggeeffamuu qabu.

5. Inspeekshinii fi Hordoffii Daldalaa (Inspection and Regulation)

Waajjirri Daldala Eeyyama erga kenneen booda daldalli sun seeraan akka gaggeeffamu ni taasisa:
➺ To’annoo Gatii:- Oomishaaleen sababa malee gatii akka hin qaalofnee fi oomishni akka hin dhokfamne hordofuu.
➺ Daldala Seeraan Alaa:- Namoota Eeyyama malee daldalan ykn kanneen nagahee malee socho’an adda baasuu.
➺ To’annoo Qulqullinaa:- Meeshaaleen gurguramaa jiran yeroon isaanii akka hin dabarre ykn qulqullina gadi aanaa akka hin qabne mirkaneessuu.

6. Haaromsa Eeyyama Waggaa (Annual Renewal)

Hayyamni daldalaa waggaa waggaan haaromfamuu qaba.kunis:-
➺ Kileraansii Gibiraa:-
daldalaan gibira waggaa sanaa kaffaluu isaaf ragaa waajjira Galiiwwanii irraa dhiyeessu qaba.
➺ Daangaa Yeroo:-
Yeroon haaromsaa Adoolessa 1 hanga Guraandhala 30 gidduutti yoo hin haaromfamne adabbii ni qabaata.

➤Cuunfaa

Qooda Fudhattootaa:-

1) Mirkaneessa Maqaa Daldalaa (Qaj/Daldalaa fi Misooma Gabaa)

2) Lakkoofsa TIN Kennuu (Waajjira Galii)

3) Mirkaneessa Gahumsaa (Akkaataa gosa hojii daldalaan (Fayyaa, Qonna...)

4) Kenniinsa Eeyyama Daldalaa (Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaatiin) ni hojjetama.

Walumaagalatti Adeemsa Kana beekuun seeraan gara Sirna daldalaatti makamaa!!

➤Akkaataa sammuudhaan cimaa ta’uu dandeenyu================================• Yeroo kophaa hin sodaatin.• Waan darbe irra...
17/08/2026

➤Akkaataa sammuudhaan cimaa ta’uu dandeenyu
================================
• Yeroo kophaa hin sodaatin.
• Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
• Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
• Bu'aa hatattamaa hin eegin!
• Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin!
• Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
• Itti gaafatamummaa irraa hin saalfatin.
• Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in!
• Milkaa'ina namoota birootti hin aarin!
• Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin!
• Yeroo ofiitti gaddaan hin gubin!
• Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna hin qisaasessin!

dubbifnerraa...

17/08/2026
03/08/2026
Jijjiirramni moggaa dhaabbachuun  hin milkaa'u; hirmaannaa gaafata jedhan."MMI~ Dr. Abiyyi AhimadNamoonni gaaffii dhugaa...
31/07/2026

Jijjiirramni moggaa dhaabbachuun hin milkaa'u; hirmaannaa gaafata jedhan."
MMI~ Dr. Abiyyi Ahimad

Namoonni gaaffii dhugaa qaban itti dhiyeenyaan ilaaluutu irra jira.
Kottaa, ilaalaa, gaafadhaa, waliin hojjedhaa; jijjiirramni moggaa dhaabbachuu qofaan hin milkaa'u, hirmaannaa gaafata.

Lagicha qaxxaamuuf waliin daakuu malee bishaanicha qofaa callistee yoo qeeqxe bu'aa hin qabu, hin fayyaduus. Kanaafuu kottaa, waliin haa daaknu; adeemsa daakuu keessatti qorumsi hedduun ni jira, waanti sirrii ta'es adeemsa sana keessatti argama.

12/07/2026

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aliy Mohammed Husene posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category