04/09/2026
Seenaa Dargaggeessaa Albaniyaa fi Jaalala Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ
Bismillahir Rahmaanir Rahiim.
Poolisootni afur Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ kabajamaa biratti dargaggeessa tokko to’annoo jala oolchan. Isaanis jecha tokkoyyuu osoo hin dubbatiin, battalatti harka isaa duubatti hidhaniin. Dargaggeessichi rifatee, "Ani maaliin hojjadhe? Ani hattuus miti, yakkas hojjadhee hin jiru. Maaliif akkasitti na qabdu?" jechuun deddeebi'ee gaafachaa ture.
Namni tokko fagoorraa ta’ee haala kana hunda hordofaa ture. Gara poolisootaa dhufees, "Ani dargaggeessa kana nan beeka," jedhe. Poolisootniis, "Ati akkamitti beekta?" jechuun gaafatan.
Jaarsichi deebisee, "Ani yeroo hundumaa Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ fuuldura dhaabbatee ykn taa’ee salawaata buusaafi nagaa dhiheessaa, akkasumas isaa boo’uu arga. Maaliif isa qabdan? Inni hattuudha moo?" jedhee gaafate.
Dargaggeessichi lammii Albaniyaa, kan waggaa 35 ykn 36 ta’e, rifeensa dheeraa gateettii ga’uufi rifeensa fuulaa haphee qabu ture. Poolisootniis, "Lakki, inni hattuu miti. Inni lammii Albaniyaa ti; Madinaas waggaa ja’aaf (6) hayyama jireenyaa seera qabeessa malee jiraachaa jira. Deddeebinee gara Albaniyaatti deebisuuf yaalle, garuu yeroo hunda yeroo qabnu karaa kamiinuu nu jalaa miliqa. Yeroo hundumaa Masjiida Ergamaa Rabbii keessatti isa arganna. Yeroo kana garuu battalatti hidhuu malee filannoo hin qabnetti dhufne," jedhan.
Jaarsichi, "Amma isa maal gootu?" jechuun gaafate. Isaanis, "Seericha ni raawwanna. Gara buufata xiyyaaraatti isa geessinee xiyyaaraan gara Albaniyaatti deebisna," jechuun deebisan.
Dargaggeessichi yeroo kana magaalaa Madiinaa, magaalaa seenaa Ergamaa Rabbii Awwal-Islaam ﷺ guutame sana dhiisee deemuuf jiraachuu isaa hubatee boo’e. Tarii booda, poolisoota kadhate: "Na hubadhaa. Ani hin hatu, hin saamu, nama hin gowwoomsu, eenyus hin miidhu. Ani kan dhufe jaalala Ergamaa Rabbii ﷺ qofaaf. Kaayyoo addunyaa tokkoyyuu hin qabu."
Poolisootniis, "Kun hin ga’u; akka seeraatti gara biyya keetti deebi’uu qabda. Warri biyya alaa hayyama seera qabeessa malee as jiraachuu hin danda'an," jechuun deebisan.
Yeroo isaan Masjiida Nabiyyii (Al-Masjid An-Nabawi) keessaa isa baasan, dargaggeessichi gaaffii dhumaa tokko gaafate, poolisootniis hayyamaniif. Gubbee magariisaa sana ol ilaalee miira guddaan mo’amee ol iyyate:
"Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ, walii-galteen keenya akkas turee? Ani daldala kiyya, maatii kiyya, fi abbaa fi haadha kiyya dhiiseera akka ani ollaakee ta’uuf, amma garuu as akka hin turre na godhaa jiru."
Yeroo jechoota kana dubbatu lafatti kufe. Poolisootni jalqaba irratti akka inni jalaa miliquuf jecha akkas fakkeesse yaadan. Garuu yeroo isaa ol kaasanii fuula isaa irratti bishaan naqan, deebii hin kennine. Poolisiin tokko rifatee, "Tarii inni istirookii ykn dhukkuba onneetii qabameera ta’a. Ammuma ambulansiin waamaa," jedhe.
Ambulansiin dhufee gara hospitaalaatti isa geesse. Erga ilaalan boodaba ogeessi fayyaa akkana jedhe: "Inni sa'atii tokkoof daqiiqaa soddoma dura du’eera."
Poolisootni imimmaan dhangalaasaa, akkana jedhan: "Yaa Rabbii kooti! Hojii keenya raawwachaa utuu jirruu, gadi-fageenya jaalala namni kun Ergamaa Rabbii ﷺ qabu gonkuma hin hubanne."
Erga dhiqamee, du’aa’iin irratti godhee, awwaalaaf qophaa’ees, gara Jannatul Baqi’iitti geessamee achitti awwaalame. Dargaggeessichi gara Albaniyaatti deemuuf ture sanatti, gara Jannatul Baqi’iitti imale; fakkeenya jaalala Ergamaa Rabbii ﷺ gadi-fageenya qabu duubatti dhiisee darbe.
Sall'Allahu Alayhi Wa Sallam ﷺ.
゚viralシ