Mifta Awel

Mifta Awel Odeeffannoo Woqtaawaa fi Qulqulluu Ummata Biraan ga'uun, Ilaalcha Biyyoolessaa dagaagsuu,akkasumas hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa guddisuuf hojjanna.
(1)

 Koreen Qindeessituu Aanaa Geeraa Barbaachisumma hojiif jechaa Hoggansa Sadarkaa Aanaa Akkaataa Ariitii fil Qulqullinna ...
06/09/2026



Koreen Qindeessituu Aanaa Geeraa Barbaachisumma hojiif jechaa Hoggansa Sadarkaa Aanaa Akkaataa Ariitii fil Qulqullinna raawwii hojii keessatti hojatamaa ture giddu galeessa godhachuun Riifoormiin Hoggansa Aanaa taasisee jira.

Bu'uuruma kanaan

1.Obbo Abdulkariim A/Dagaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraatti itti Gaafatamaa kan ture yeroo ammaa itti Gaafatamaa Waajjira Aanaa Geeraa ta'uun muudamanii jiru.

2.Aadde Na'imaa Nigaatuu itti Gaafatamtuu Waajjira Aanaa Geeraa kan turan yeroo ammaa itti Gaafatamtuu Waajjira 'iinsa Uummata Aanaa Geeraa ta'uun muudamanii jiru.

3.Obbo Awwol jihaad Ahmad itti Gaafatamaa Waajjira Aanaa Geeraa kan turan yeroo ammaa itti Gaafatamaa faayinaansii ta'uun muudamanii jiru.

4.Aadde Saaliyaa Jamaal itti Gaafatamtuu Waajjira 'iinsa Uummata Aanaa Geeraa kan turan yeroo ammaa itti Gaafatamtuu Barnootaa Aanaa Geeraa ta'uun muudamanii jiru.

5.Obbo Abdullaziiz A/Tamaam itti Gaafatamaa Aanaa Geeraa kan turan yeroo ammaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraatti itti Gaafatamaa ta'uun muudamanii jiru.

6.Obbo Mahammad A/Olii itti Gaafatamaa Barnootaa kan turan yeroo ammaa itti Gaafatamaa Hawaasummaa ta'uun muudamanii jiru.

7.Obbo Riyaad Kaliil Goduu itti

Gaafatamaa Aanaa Geeraa kan turan yeroo ammaa itti Gaafatamaa Waajjira Aanaa Geeraa ta'uun muudamanii jiru.

8.Obbo Fiqaaduu Ayyaanaa Itti Gaafatamaa

kan

turan yeroo ammaa itti Gaafatamaa Mana Maree ta'uun muudamanii jiru

9.Obbo Abduramaan Zeenuu itti Gaafatamaa Aanaa Geeraa ta'uun muudamanii jiru.

Bara Hojii gaarii isinif haa ta'u



Gabaasni Kan Kominikeeshinii Aanaa Geeraa.

Seenaa Dargaggeessaa Albaniyaa fi Jaalala Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺBismillahir Rahmaanir Rahiim.Poolisootni afur Rawdaa Er...
04/09/2026

Seenaa Dargaggeessaa Albaniyaa fi Jaalala Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ
Bismillahir Rahmaanir Rahiim.
Poolisootni afur Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ kabajamaa biratti dargaggeessa tokko to’annoo jala oolchan. Isaanis jecha tokkoyyuu osoo hin dubbatiin, battalatti harka isaa duubatti hidhaniin. Dargaggeessichi rifatee, "Ani maaliin hojjadhe? Ani hattuus miti, yakkas hojjadhee hin jiru. Maaliif akkasitti na qabdu?" jechuun deddeebi'ee gaafachaa ture.
Namni tokko fagoorraa ta’ee haala kana hunda hordofaa ture. Gara poolisootaa dhufees, "Ani dargaggeessa kana nan beeka," jedhe. Poolisootniis, "Ati akkamitti beekta?" jechuun gaafatan.
Jaarsichi deebisee, "Ani yeroo hundumaa Rawdaa Ergamaa Rabbii ﷺ fuuldura dhaabbatee ykn taa’ee salawaata buusaafi nagaa dhiheessaa, akkasumas isaa boo’uu arga. Maaliif isa qabdan? Inni hattuudha moo?" jedhee gaafate.
Dargaggeessichi lammii Albaniyaa, kan waggaa 35 ykn 36 ta’e, rifeensa dheeraa gateettii ga’uufi rifeensa fuulaa haphee qabu ture. Poolisootniis, "Lakki, inni hattuu miti. Inni lammii Albaniyaa ti; Madinaas waggaa ja’aaf (6) hayyama jireenyaa seera qabeessa malee jiraachaa jira. Deddeebinee gara Albaniyaatti deebisuuf yaalle, garuu yeroo hunda yeroo qabnu karaa kamiinuu nu jalaa miliqa. Yeroo hundumaa Masjiida Ergamaa Rabbii keessatti isa arganna. Yeroo kana garuu battalatti hidhuu malee filannoo hin qabnetti dhufne," jedhan.
Jaarsichi, "Amma isa maal gootu?" jechuun gaafate. Isaanis, "Seericha ni raawwanna. Gara buufata xiyyaaraatti isa geessinee xiyyaaraan gara Albaniyaatti deebisna," jechuun deebisan.
Dargaggeessichi yeroo kana magaalaa Madiinaa, magaalaa seenaa Ergamaa Rabbii Awwal-Islaam ﷺ guutame sana dhiisee deemuuf jiraachuu isaa hubatee boo’e. Tarii booda, poolisoota kadhate: "Na hubadhaa. Ani hin hatu, hin saamu, nama hin gowwoomsu, eenyus hin miidhu. Ani kan dhufe jaalala Ergamaa Rabbii ﷺ qofaaf. Kaayyoo addunyaa tokkoyyuu hin qabu."
Poolisootniis, "Kun hin ga’u; akka seeraatti gara biyya keetti deebi’uu qabda. Warri biyya alaa hayyama seera qabeessa malee as jiraachuu hin danda'an," jechuun deebisan.
Yeroo isaan Masjiida Nabiyyii (Al-Masjid An-Nabawi) keessaa isa baasan, dargaggeessichi gaaffii dhumaa tokko gaafate, poolisootniis hayyamaniif. Gubbee magariisaa sana ol ilaalee miira guddaan mo’amee ol iyyate:
"Yaa Ergamaa Rabbii ﷺ, walii-galteen keenya akkas turee? Ani daldala kiyya, maatii kiyya, fi abbaa fi haadha kiyya dhiiseera akka ani ollaakee ta’uuf, amma garuu as akka hin turre na godhaa jiru."
Yeroo jechoota kana dubbatu lafatti kufe. Poolisootni jalqaba irratti akka inni jalaa miliquuf jecha akkas fakkeesse yaadan. Garuu yeroo isaa ol kaasanii fuula isaa irratti bishaan naqan, deebii hin kennine. Poolisiin tokko rifatee, "Tarii inni istirookii ykn dhukkuba onneetii qabameera ta’a. Ammuma ambulansiin waamaa," jedhe.
Ambulansiin dhufee gara hospitaalaatti isa geesse. Erga ilaalan boodaba ogeessi fayyaa akkana jedhe: "Inni sa'atii tokkoof daqiiqaa soddoma dura du’eera."
Poolisootni imimmaan dhangalaasaa, akkana jedhan: "Yaa Rabbii kooti! Hojii keenya raawwachaa utuu jirruu, gadi-fageenya jaalala namni kun Ergamaa Rabbii ﷺ qabu gonkuma hin hubanne."
Erga dhiqamee, du’aa’iin irratti godhee, awwaalaaf qophaa’ees, gara Jannatul Baqi’iitti geessamee achitti awwaalame. Dargaggeessichi gara Albaniyaatti deemuuf ture sanatti, gara Jannatul Baqi’iitti imale; fakkeenya jaalala Ergamaa Rabbii ﷺ gadi-fageenya qabu duubatti dhiisee darbe.
Sall'Allahu Alayhi Wa Sallam ﷺ.
゚viralシ

03/09/2026
Appii lammiilee   kuma 65 wal-jaalachiise.😁😁Dur dur namoonni wal-fuudhan gaafa cidha isaanii wal-baru ture. Bara kana ga...
03/09/2026

Appii lammiilee kuma 65 wal-jaalachiise.😁😁

Dur dur namoonni wal-fuudhan gaafa cidha isaanii wal-baru ture. Bara kana garuu battaluma tokko lama cuqaasuun ''double click'' ta'eera dubbiin.

Maaltu beeka nama boru bultii waliin dhaabnu appii bilbila keenyaa irratti baannee jooraa jirra taha. Hin beekamu.

Garuu Appiin Jabanaa dubbii kana beeka.
Jabanaan appii jaalalleen ittii argatamuudha.

Xiyyeeffannoon isaa lammiilee Itoophiyaa biyya alaatti argaman jaalallee akka walii ta'an waliin quunnamsiisuu, wal barsiisuu, takka takkaa immoo wal-fuusisuuyyuudha.

Namoonni karaa appii kanaatiin wal-baranii wal-fuudhan jiru.

Jabanaan ofiisaayyuu cidhaaf waamamee beeka. ‘’Appilikeeshinii keessan wajjin akka nuuf argamtan kabajaan isin affeerra!’’ jedhamee affeeramee beeka.

Appiichi maaliif lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa qofa wal-quunnamsiisa?

Bara kana appiiwwan jaalalaa (Dating apps) waan laayyoo hojjataa hin jiranu. Daldala doolaara biiliyoonaan lakkaa'amuun socho’aa jiru.

Miidiyaan hawaasaa yeroo guddachaa dhufu yaada dhufe fakkaata appiin jaalalaa kunis. Namoota jaalalaaf wal-barbaadan qofa quunnamsiisuuf akka filannootti dhiyaate.

Gama kanaan akka addunyaatti appiiwwan ‘Tinder fi Bumble’ jedhaman warra duraan turan keessaayi.

Appiiwwan lamaan kunneenis maamiloota miiliyoonaa 100’n lakkaa’aman qabu. Lakkoofis maamiltoota dhiiraafi dubaraas hanaga ta'e kan wal-gituudha.

Appiin inni ‘Bumble’ jedhamu dubartootaaf dursa kennuutiin adda taha. Danbii appii kanaan dubartootatu dursee jaalala isaanii ibsachuu qaba.

Jabanaan ‘Tinder’ fa’i irraa maaliin adda taha?

Appii Jabanaa jedhamu kana kanneen tolchan keessaa tokko kan tahe Henook Waldamikaa’el, ‘’Tinder fi Bumble hawaasa tokko irratti osoo hin xiyyeeffatiin nama addunyaa maraaf tolachaman,’’ jedha.

Appiiwwan kunneen hordofuun hojjetaman garuu bifa addaa qabaachaa dhufan.

Fakkeenyaaf namoota amantii Musliimaa ykn Kiristaanaa hordofan qofaaf kan qophaa’an suuta suuta hojjetamaa dhufaniiru. Jabanaan immoo lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa bu’uura godhachuun kan tolfame dha.

Appii Jabanaa kana eenyutu tolche?

Appii Jabanaa kana hiriyyoota lammiilee Eeritiraa fi Itoophiyaatu afur biyya alaa jirataniitu tolche. Namoota appii Jabanaa kanaaf gumaachan keessa tokko Henook.

Henook Ertiraatti dhalatee, Ameerikaatti kan guddate yoo tahu Niiw Yoork jiraata. Yunivarsiitii Ohaayootti saayinsii kompitaraa barate.

Henook Jabanaan akkamiin akka jalqabamee yoo himu, ‘’biyya alaa kanatti dubartii Itoophiyaa wal-baruudhaaf, cidha ykn eebba wayiirratti waamamuu qabda. Kanaan alatti eessatti argattaan? Jireenyi silaa fiigichadha,’’ jedha.
Waan Henook jedhe dhuguma, Awurooppaa keessattis akkasuma festivaallii Ispoortii waggaa fa’i gaafa jiraatudha dubartoota Itoophiyaa arguun kan danda’amu.

Appiin Jabanaa kun akkamiin tolchame?

Waltajjiiwwan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan itti wal argan baayyee murtaa'aadha. Kalaqamuu appii kanaatiifis kun madda hin ture. Taatee biraatu madda ta'eef.

Bara 2019 keessaa lammiilee Itoophiyaa wal beekan tokko Twitter fi Instagram walii barreessu fi walitti qoosu eegalan.
Isaaniis akkasi jechuun qoosuu eegalan, ‘’Eenyuufi eenyuun jaalalaaf walii tahu, osoo wal-arganii gaariidha,’’ jechaa osoo haasa’anii warri kaan jalatti yaada keennuu eegaan.
‘’Appiin lammiileen Itoophiyaa fi Ertiraa irratti wal argan osoo jiraatee gaarii ture,’’ yaadni jedhu ka'e.
Henookii fi hiriyyooti isaa sadeen dubbii kana akka laayyootti hin ilaalle. Dubbii kana itti cimsan, qorachuu jalqaban.
kana keessatti.
Namoonni tokko tokko yeroo gabaabaa kana keessatti iddoo guddaa irra yeroo gahan arguun amanuuf akka isa dhibu dubbata.

‘’Ani nama sooftweeriiti. Xiyyeeffannon koo guddaas achirratti. Yeroo baayyee koodiitu natti mul’ata malee nama miti. Yeroo tokko intalli wayii ‘Zamzam jedhamtu, heerumuufi abbaa warraa koo karaa Jabanaan argadhe,’ jennaan baayyeen dinqame,’’ jedha.
‘’Ijoolleen isaanii gara fuulduraatti maatiin keenya Jabanaa irratti wal-baran jedhu jedheen hojiin koo na dhibe,’’ jedha.

Henook seenaa namoota appii isaa kanaan wal-baranii iddoo gahan fuula appichaa irratti qoodeera.

Namoota appii kanarratti wal arganii wal fuudhan keessaa tokko cidhasaa kan raawwate Hagayya darbe DC keessatti ture. Cidhi inni biraan immoo (Tennessee) keessatti ture.

‘’Jireenya dhuunfaa isaanii ifatti baasuu gatii hin barbaanneef malee kan wal-fuudhan baayyeedha, kara keessaan ergaa gabaabaa nuuf dhaamu,’’ jedha.
‘’Cidhayyuu waamamnee turre. Ani yeroos imalarra gatiin tureef argamuu hin dandeenye.’’

Henook garuu mee, appii ofii uumeen jaalalleesaa argateeraa? Moo ammas barbaacharra jira.

Gaaffii BBC irraa dhiyaateef Henook kolfaa, Afaan Ingiliizii loqoda Niiw Yoork qabuun, ‘’Sorry I am taken!’’ jedhe ‘Anoo qaba,’ akka jechuuti jedhe deebii yoo kennu.

BBC tu Gabaase.
゚viralシ

31/08/2026

Bara namni afaan wal wallaaletti bineensoonni nama waliin jiraachuu jalqaban.

Nama bineensota gosa adda addaa firoomfatee wal wajjiin jiraatu.

Godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti mana tokko keessa namaa fi bineensota adda addaatu waliigalee walii jiraata.
Part 3

 ( Eela ) Soogiddaa Bakka Uumamaa Ajaa'ibaa!Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa naannoo magaalaa Meeggaatti kan argamu haro...
31/08/2026

( Eela ) Soogiddaa Bakka Uumamaa Ajaa'ibaa!

Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa naannoo magaalaa Meeggaatti kan argamu haroo soogidda (Eela Soogiddaa) jedhamuun kan beekamu jireenya aadaa fi dinagdee hawaasa naannichaa keessatti gahee guddaa kan qabuu fi bakka uumama addaati.

Eela Soogiddaa (haroo soogidda) Dho'iinsa Voolkaanoo waggoota kumaatamaan dura uumameen haroo Soogidda gurraacha boolla gadi fagooti. Boolli Kun gara meetira 100 gadi fageenya kan qabu yoo ta'u, haga Haroo kanaa kan geessu daandii cirrachaa mijataa hin taane qaba.

Jaarraa hedduuf maatii fi dargaggoonni Booreenaa harka qullaa fi qaama qullaa fayyadamuun, mala aadaa meeshaa ammayyaa tokko malee fayyadamuun haroo kana jalaa soogidda baasu turan. Haroon kun soogiddaafi soodiyeem kaarbooneetii baay’ee waan of keessaa qabuuf, haroo kana keessa seenuun gogaa fi ija garmalee kan nama gubu waan ta’eef hojjettoonni gurraa fi afaan isaanii huccuudhaan haguuggachuun hojjetu.
Haroo kana irraa oomishaalee soogidda gosa sadii ta'antu oomishaman.

1. Soogidda Gurraacha: Irra caalaa nyaata beeyladaatti kan ooludha.

2. Soogidda Adii- Soogidda qulqulluu nyaata oolu.
4. Alkaalaayinii (Soodaa): Qorichoota aadaa garaa garaatii fi fayyaa beeyladaatiif kan ooludha.
Soogiddi oomishamu kun horii horsiisee bultoota Booranaa (Saawwan, gaala, fi re’ee) waan ijoo fi qorsooma guddaaf kan oolu yoo ta'u , gara kutaalee Itiyoophiyaa adda addaa fi gara biyya ollaa Keeniyaatti kan ergamu yoo ta’u, ummata naannoo sanaaf madda galii guddaa ta’ee tajaajila.

Haroon Soogiddaa kun uumamaa addaa ta'uu isaatiin alattis, mul’ata cimina hawaasa naannoo fi hambaa aadaa isaa waan ta’eef, damee turizimii keessattis iddoo hawwata Tuurizimii guddaadha.



Waggoota kumaatama kan jiraatte,Haada salphaatti hin cinneen kan ijaaramte Itiyoophiyaan ololaan ni dagatamti, bu'aa ish...
30/08/2026

Waggoota kumaatama kan jiraatte,Haada salphaatti hin cinneen kan ijaaramte Itiyoophiyaan ololaan ni dagatamti, bu'aa ishee dabarsitee kenniti jedhanii yaaduun hawwii duwwaa dha - Dooktar Abiy Ahimad

Wol dorgommiin torbaffaan Rebik injifachuun xumurame!Itoophiyaan Sudaan Kibbaa injifatteWol dorgommiin HCG idil-addunyaa...
27/08/2026

Wol dorgommiin torbaffaan Rebik injifachuun xumurame!

Itoophiyaan Sudaan Kibbaa injifatte

Wol dorgommiin HCG idil-addunyaa torbaffaan Dorgomaa Itoophiyaa Rebik fi Dorgomaa Sudaan Kibbaa Isteefan gidduutti taasifamaa ture sagantaa ETFC 2 Muziyeemi Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiru irratti ifatti xumurame.

Tapha teeknikaa, ogummaa, fi hamilee olaanaadhaan guutame kana irratti Dorgomaan Reebik morkataa isaa Isteefan injifachuun injifannoo cimaa biraa biyya isaa Itoophiyaaf galmeesse!

Baga gammadde Rebiiki!

Dorgommiin kan seeddoo fi Joonii garuu nu jalaa turuun isaa hirriba keenyaarraan dhiibbaa gaheera.

Imaama lubbuu  kiristaanota 262 baraaruun Badhaasa Bilisummaa Amantaa Idil Addunyaa injifatan. Imaam Abubakar Abdullaahi...
27/08/2026

Imaama lubbuu kiristaanota 262 baraaruun Badhaasa Bilisummaa Amantaa Idil Addunyaa injifatan.

Imaam Abubakar Abdullaahii lubbuu namoota kiristaana 262 baraaruun kabaja guddaa argatanii jiru.🤔

Haleellaa shororkeessummaa Naayijeeriyaa, kutaa Pilaatiyoo, magaalaa Barkin Laaditti raawwatameen namoonni 80 ol ajjeefamaniiru.

Kiristaanonni yeroo sanatti naannoo shororkeessummaa keessa turan hedduun lubbuu isaanii dhabuudhaaf balaadhaaf saaxilamaniiru.

Imaam Abubakar lubbuu isaanii baraaruuf osoo fiigan namoota 262 haleellaa kana jalaa dhoksuuf balbala masjiida isaanii fi mana isaanii bananiiru.

Warri qawwee qaban kunneen masjiida gahuun ummanni dabarfamee akka kennamu gaafatan.

Imaam Abu Bakr balbala dura dhaabatee "warri keessa jiran hundi Muslimoota" jechuun lubbuu isaanii wareeguuf ejjannoon dhaadachuun haleellaa kana ofirraa qolatan.

Fedhii gaarii fi gootummaa isaaniirraa kan ka’e Kiristiyaanonni 262 ta’an hundi lubbuun hafan.

Gochi Imaam Abu Bakr yeroo sanaa akka mul’ata amantii dhugaatti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argateera.
Hojiin ajaa'ibaa Imaam Abubakar kun galata argachuu qofa osoo hin taane, bara 2019 mootummaa Ameerikaatiin badhaasa bilisummaa amantii idil-addunyaa akka kennamuuf ta'ee jira..

Gochi Ammaa kun amantiin madda garaagarummaa namootaa osoo hin taane, bu'uura jaalalaa fi wal hubachuu akka ta’e agarsiisee jira.

Akkasumas Amantii kamuu keessatti lubbuun namaa gatii guddaa akka qabus addunyaaf ifa godheera.

26/08/2026

Barattuu Dureettii Mohammad Barnoota saayinsii uumamaatiin qabxii 579.6 fidde.

Barattuu Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Adaabbaa qormaata seensa Yuunivarsitii barnoota Saayinsii Uumamaatiin qabxii 579.6 fidde Fm shaashamannee irratti affeeruun Muuxannoo ishee qindeessee jiraa hordofaa.
゚viralシ

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mifta Awel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mifta Awel:

Shortcuts

Share