Mirgaa Ajjeesuu

Mirgaa Ajjeesuu Englishman

14/05/2024
Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Fulbaanni 15, guyyaa seena qabeessa guyyaa ga...
15/09/2023

Humnaan Nyaataniif Humna Hin Tahu

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Fulbaanni 15, guyyaa seena qabeessa guyyaa gaafa hoogganni ABO gara biyyaatti deebi’e, guyyaa ummanni Oromoo biyyaan ala irraa akkasumas biyya keessaa Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba fi Giddu-galaa walitti dhufuun handhuura Oromiyaa Finfinneetti hoogana isaa itti simate guyyaa addaa ture.

Guyyaan kun Oromoof guyyaa addaa ABOn qabsoo karaa nagahaa ummata isaa keessatti akka hin gaggeesineef murna afaan qawween aangoo siyaasaa dhuunfateen danqamee, chaartaraa dhiibamee erga bahee toora ganna 30f dhihaatu booda, marsaa lammaffaaf karaa nagaan ummata isaa keessatti qabsoo gaggeessuuf hiree argametti dhimma bahee hoogganni dhaabaa biyyatti galee dha. Guyyaa seena qabeessa ummata Oromoo bal’aa, miseensotaa fi deggertoota ABO, mararfattoota qabsoo bilisummaa Oromoo fi saboota cunqurfamoon simannaan hoo’aan hoggana dhaabaaf taasifamee dha. Kunis Fulbaana 15, 2018 ture.

Jaarmiyaalee siyaasaa Impaayira Itophiyaa keessatti dhalatan keessaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n jaarmiyaa akeekaa fi kaayyoo ummata isaa galmaan gahuuf baddaa fi gammoojjii biyyaa fi biyyoota ollaa keessatti wareegama ulfaataa qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa turee fi jiru jaarmiyaa kallacha Qabsoo Biilisumma Oromoo ti. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ABOn asxaa/faajjii qabsoo Oromummaan keessaan ifuu fi hanga’uu dha. Oromummaa guutuun ABO keessaan bakkalcha tahee ifee mul’ata; kanaafis ABO tahuun ilmaan Oromoo kanneen miseensota ABO tahanii fi hin tahinis maqaa ABOummaatiin diinaan hiraarfamanii wareegama qaamaa qalbii hanga lubbuutti baasaa har’a gahan.

Ilaalcha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) qabaachuun firaa fi diina birattis Oromummaa fi sabboonummaa qabaachuu dha; Oromoo tahanii akkuma Oromummaa ofiin boonuun, kabajamuun, jaalatamuu fi leellifamuun jiru cufa, faallaa isaa ammoo diina biratti Oromummaan ni sodaatama; Mooraa Impaayiratti keessatti maqaa kana yoo arganii fi dhagahan ni baaragu; ittiin dhukkubsatu.

👉Obbo Leencon Akkas Jedhu..‼ "Sochiin siyaasaa Oromoo yaaddessu ka'ee jira. Sadarkaan tokkummaa amma Oromoon irra jiru k...
13/09/2023

👉Obbo Leencon Akkas Jedhu..‼

"Sochiin siyaasaa Oromoo yaaddessu ka'ee jira. Sadarkaan tokkummaa amma Oromoon irra jiru kun immoo, rakkoo itti aggaamame kana ofirraa qolachuuf kan dandeessisuu miti. Sirna dimokraasii ijaarun adda durumaadhan saba guddaa fayyada. Oromoon qabsoo hidhannoo dhaabee sirna kana itti seenee sirreeffachaa deemufii wayya. Barri kun bara keenyarra fooyya'aadha. Wanti hafu baayyedha, garuu qabsoo hidhanoorra qabsoo nagaatiif irra mijataadha. Kan bu'aa buusus qabsoo nagaati.

Amma namootni ni butamu, ni ugguramus. Achimmoo qarshii gaafachuutu jira. Tokko tokkotti qabata. Dargaggeessi eebbifamee hojii dhabes itti hirmaachuu danda'a. Kana barraan ammoo lamuu hojittuu hin deebi'u. Qaamni sadaffaan saamicha qofa hojii godhates uumamuu hin oolu jedheen shakka. Kanatu balleese, sanatu balleesse jechuuf odeeffannoo gahaa hin qabu. Mootummaanis hojjattoonni nageenyaa isaa maal akka hojjatan hordofuu qaba.

Akkuman dura dubbadhe, burjaajjii kana keessaa bahuuf qabsoon hidhannoo hafee karaa nagaatin qabsaahuuf murteessuu wayya. Ani dargaggoo kanan gorsa. Kun akka ta'uuf uummatni gahee guddaa taphachuu qaba"

H Waayyuu

Address

Addis Ababa

Telephone

+251926879563

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mirgaa Ajjeesuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mirgaa Ajjeesuu:

Share