Kominikeeshiniimootummaa Aanaaliiban

Kominikeeshiniimootummaa Aanaaliiban Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshiniimootummaa Aanaaliiban, Government Official, bulchinsa Aanaa liibaan cuqqaalaa, Adulala.

Caamsaa 05/2014 " Tarsiimoo magariisummaa biyyi keenya qabattee galmaan gahuuf gahee keenya haa baanu".Godina shawaa bah...
13/05/2022

Caamsaa 05/2014
" Tarsiimoo magariisummaa biyyi keenya qabattee galmaan gahuuf gahee keenya haa baanu".
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaa ganda Addeellee Mi'eechaatti misooma ashaaraa magariisaa dhugoomsuuf hojjattootni mootummaa, hoggansi, waldaalee fi qaamoleen garagaraa bolla biqiltuu qopheessaa jiraachuu waajjirri qonnaa fi qabeenya uumama aanichaa beeksise. Aanichatti bara kana buufata kunuunsa biqiltuu mootummaa, nama dhuunfaa, waldaalee fi miti mootummaa keessatti biqiltoonni gosa garaa garaa miliyoona 24 kan nyaata horiif oolan , nyaata namaa ,ijaarsaa fi kunuunsa naannootiif oolan kan qophaa'aan ta'uu I/G w/ra Qonnaa fi qabeenya uumama Aanaa Liiban Cuqqaalaa Dr.Gammachuu Baatii himanii yeroo ammaa dhaabbiif kan gahanii fi ashaaraa misooma magariisaa biyyi keenya qabatte galmaan gahuuf kan gargaaruu waan ta'eef bifa si'aa' ina qabuun qaamoleen gara garaa boolla biqiltoonni itti dhaabbatan guyyaa har'aa qopheessaa oolanii jiraachuu fi hojiin kun gandoota hunda keessatti ciminaan akka hojjatamuu qabu dhaamanii jiru.

Caamsaa 02/2014 Godina  shawaa  bahaa    aanaa liiban cuqqaalaatti   qonna gannaa bara 2014 /2015 f  xaa'oon   qonnaan b...
10/05/2022

Caamsaa 02/2014
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaatti qonna gannaa bara 2014 /2015 f xaa'oon qonnaan bultootaaf maaybaasii gandootaa irratti galaa jiraachuu fi gurgurtaan eegaluu Waajjirri BWHG beeksise.

Eebla 26/2014 Godina  shawaa  bahaa    aanaa liiban cuqqaalaatti     maariin haala yeroo nageenyaa  hojjattoota mootumma...
04/05/2022

Eebla 26/2014
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaatti maariin haala yeroo nageenyaa hojjattoota mootummaa waliin gaggeeffame.
Marii kana irratti nageeenyi waan hundaa caalaa barbaachisaa ta'uu himamee rakkoolee akka biyyaatti nageenyaan walqabatanii uumamaa jiran dhiibbaawwan hawaasummaa , diinagdee fi siyaasaa fidaa waan jiruuf rakkooleen kunneen akka furamuuf fi nageenyi waaraan akka argamuuf qaamolee nageenyaa qofa osoo hin taane gaheen hojjattoota mootummaa olaanaa ta'uu dubbatamee jira.

Eebla 24/2014 Godina shawaa bahaa  aanaa liiban cuqqaalaatti   ayyaanni Iid-Alfaxir waggaa 1443  karaa nagaatiin kabajam...
02/05/2022

Eebla 24/2014
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaatti ayyaanni Iid-Alfaxir waggaa 1443 karaa nagaatiin kabajame.

Eebla 22/2014 Godina shawaa bahaa  aanaa liiban cuqqaalaatti   gamaggamni  raawwii hojiilee   waajjira Barnootaa kurmaan...
30/04/2022

Eebla 22/2014
Godina shawaa bahaa aanaa liiban cuqqaalaatti gamaggamni raawwii hojiilee waajjira Barnootaa kurmaana 3ffaa bara 2014 iddoo hoggansi aanaa, suparvaayizarootni manneen barnoota fi daarekteeronnii jiranitti gaggeeffamaa jira.
gamaggama kana irratti raawwiin hojii waajjira barnoota kan ji'a sagalii fi Gabaasni kurmaana 3ffaa kan ilaallamu yoo ta'uu, hojiilee barnootaa gama barnoota ga'eessotaan, qabxii barattootaa fooyyeessuu, haftee barattoota xiqqeessuu, ijaarsa manneen barnoota bu'uura boruu fi rakkoolen bulchiinsa gaariitiin hojjataman kan itti ilaallamuu dha. Kana malees hanqinootnii fi ciminootni turanis kan itti ilaalamanii dha.

Eebla 20/2014 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti Leenjiin qophii qonna gannaa  ogeessota waajjira  qonnaa, ho...
28/04/2022

Eebla 20/2014
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti Leenjiin qophii qonna gannaa ogeessota waajjira qonnaa, hojjattoota misoomaa fi qooda fudhattoota waliin guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xummurame.
Leenjii kun kan barbaachiseef karoora oomisha qonnaa bara 2014_2015 qabame galma barbaachisu akka gahuuf, hubannoon walfakkaataan ogeessota biraatti akka mul'atuu , qonnaan bulaan kilaasteraan ijaaramuun akka hojjatuu fi teeknoolojii qonnaa guutuu qonnaan bultootni fayyadamuun oomishni akka dabaluuf jedhamee kan kenname ta'uu I/G waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa Dr. Gammachuu Baatii himanii,oomisha midhaan gosa garaagaraa rooba gannaatiin oomishamuuf yeroo ammaa kana qophiin taasifamaa jiraachuu fi deegarsaa fi hordoffiin qaamolee qooda fudhattoota waliin qonnaan bultootaaf akka taasifamuuf haaldureewwan garagaraa mijataa jirachuu himanii jiru.

Eebla 19/2014 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti Leenjiin qophii qonna gannaa  ogeessota waajjira  qonnaa, ho...
27/04/2022

Eebla 19/2014
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti Leenjiin qophii qonna gannaa ogeessota waajjira qonnaa, hojjattoota misoomaa fi qooda fudhattoota waliin kennamuu eegale.

Ebla 15/2014 Baga   jala bultii     ayyaana   Faasikaatiin  isin gahe!!!  ayyaanichi kan gammachuu fi kan milkii isiniif...
23/04/2022

Ebla 15/2014
Baga jala bultii ayyaana Faasikaatiin isin gahe!!!
ayyaanichi kan gammachuu fi kan milkii isiniif haa ta'u, ayyaana kana yeroo kabajitan tattamsa'ina dhukkuba covid 19 ittisuun,nageenya keessan eeggachuun duudhaa tokkummaa fi obbolummaa aadaa fi safuu biyyi keenya baroota dheeraaf ittiin beekkamtu cimsuun qaamolee yaadaa fi ilaalcha finxaalessummaa leellisuun biyya diiguuf wixxifatan irree tokkummaatiin dura dhaabbachuun falaasama keessoo keenyaa kan ta'e yaada Ida'amuutiin Itoophiyummaa ijaaruun biyya badhaate arguun fedhii fi hawwii hunda keenyaa ta'e cimsuun ayyaanicha karaa nagaafi milkiitiin akka kabajattan isiniif hawwa jechuun Bulchaa bulchiinsa Aanaa Liiban cuqqaalaa obbo Amsaaluu Tolasaa ergaa baga geessanii dabarsanii jiru.

Eebla  08/2014 Godina shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti gamaggamni  raawwii hojii  paartii fi  mootummaa kurmaana 3...
16/04/2022

Eebla 08/2014
Godina shawaa Bahaa Aanaa Liiban cuqqaalaatti gamaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2014 hoggansaa seektaraalee aanaa, bulchitoota gandootaa fi caasaalee sadarka gandoota waliin guyyoota 2f gaggeeffamaa ture xummurame.
waltajjii kana irratti Gabaasni hojii mootummaa fi paartii kurmaaana 3ffaa kan ilaallamaa ture yoo ta'uu, hirmaatonni ejjannoo walfakkaataa qabaachuun fayyadamummaa hawaasaaf dursa kennuu akkaa qaban Obbo Amsaaluu Tolosaa Bulchaa bulchiinsa aanichaa ibsanii, ciminoota raawwii hojiilee keessatti mul'atan itti fufsiisuun hanqinoota mul'atan galtee godhachuudhaan fooyyessuun barbaachisaa akka ta'e himanii, gamaggamni taasifamaa tures haala qabatamaa gandootaa fi seektarootaaf irratti hundaa'uun mari'atamaa kan turee fi dhimmoota hojiilee misoomaa fi nageenyaa aanicha irratti hojjatataman irratti kallattii gara fuula duraa kaa'anii jiru.
Obbo Darsuu Kafanii I/G waajjira paartii badhaadhina aanichaa akka jedhanitti gamaaggamni kun kan barbaachiseef hanqinootni mul'atan akka irra deebiin kurmaana itti aanutti hin mul'annee fi akkaataan hoggansa fi qaamoleen hoji raawwachiiftuu keenya itti of ilaaluun karoora kurmaana dhufuutti jijjiirama gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan akka fidaniif jedhamee kan barbaachise ta'uu himanii, wantoota akka rakkootti ilaalame kan akka kenna tajaajila hawaasa, rakkoon gabaasa sobaa,rakkoogaraagarummaa( qulqullummaa) keessoo keenyaa , rakkoo nageenyaa fi rakkoon qisaasa'ama qabeenyaa wantoota akka rakkootti gamaaggama kana irratti ilaalaman ta'uu dubbatanii jiru.

Eebla 05/2014Daa'imman keenya waggaa 5 gadii talaalchifachuun dhibee sababa pooliyoon qaama laamshessuu fi du’aatiif sab...
13/04/2022

Eebla 05/2014
Daa'imman keenya waggaa 5 gadii talaalchifachuun dhibee sababa pooliyoon qaama laamshessuu fi du’aatiif sababa ta'u waliin haa ittisnu!
Godina shawaa Baha Aanaa liiban cuqqaalaa gandoota hundaatti duulli talaallii Pooliyoo Eebla 7-10/2014tti daa’imman 18,752 umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’an hundaaf manaa manatti ni kennama waan ta'eef,hawaasni Aanaa keenyaa yeroo karoorfame keessatti daa’imman keessan akka talaalchifattan Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Liiban Cuqqqaalaatti Qindeessaa Garee Fayyaa Maatii Obbo Abbabbiyyaa Abdoo beeeksisanii jiruu.

Eebla 01/2014  Godina shawaa Baha Aanaa liiban cuqqaalaa magaalaa Adulaalatti Kabajni Ayyaana Torbee Nageenya Tiraafikaa...
09/04/2022

Eebla 01/2014
Godina shawaa Baha Aanaa liiban cuqqaalaa magaalaa Adulaalatti Kabajni Ayyaana Torbee Nageenya Tiraafikaa bifa ho'aa ta'een dhaadannoo " Qaammee hanga Qaammee ni jiraanna" jedhuun Kabajame.
Ayyaanicha irratti kutaaleen hawaasaa gara garaa kan irratti hirmaatan yoo ta'uu,balaa tiraafikaa lubbuu namaa fi miidhaa qabeenyaa irraa geessuu dhaan yeroo ammaa yaaddoo ta'aa jiru hirrisuuf,sosochii hubannoo uumuu dhaan fi hawaasaa dadammaqsuuf jedhamee guyyaan ayyaana tiraafiikaa kan kabajamu ta'uu I/Gaafatamtuun Waajjira A/T/ Geejjibaa Aanaa Liiban cuqqaalaa Adde Kuulanii Takilee himanii, guyyaaa har'aa dhaadannoo"dogoongoraa kootiin lubbuun kamiyyuu darbuu hin qabu ,balaa nageenyaa tiraafikaa waliin haa ittiisnu " jedhuun ayyaanichi kara ho'aa ta'en kabajamuu dubbatanii jiru.
Dabalataanis ayyaannichi yeroo kabajamu Sosochii nageenya Tiraafika ,Lafoo Deemuunii fi Sirna gara garaan kan kabajame yoo ta'uu balaan tiraafikaa sabaabiwwaan bitaa isaanii qabatanii deemuu dhabuu, ariitii hirrisuu dhiisuun ,Hayyama gahumsa konkolaachisummaa qabaachuu dhabuun kan uumamu ta'uu fi balaaf nama saaxilan jechuuu dhaan haasaa taasisanii jiru. Kana males barattoota manneen barnoota irraa filachuun deggartoota nageenya tiraafiikaa 15 leenjisanii eebisuun qophii kana irratti uffannaa seera tiraafiikaaf tajaajilu uffisuun hojiicha akka deggaraan taasisanii jiru.

Bitootessa 30/2014  Godina shawaa Baha Aanaa liiban cuqqaalaa magaalaa Adulaalatti jala bultii ayyaana nageenya tiraafik...
08/04/2022

Bitootessa 30/2014
Godina shawaa Baha Aanaa liiban cuqqaalaa magaalaa Adulaalatti jala bultii ayyaana nageenya tiraafika guyyaa boru kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu waajjirii A/T/Geejjiba beeksise.

Address

Bulchinsa Aanaa Liibaan Cuqqaalaa
Adulala

Telephone

+251951000770

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshiniimootummaa Aanaaliiban posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Kominikeeshiniimootummaa Aanaaliiban:

Share