Agaro City Mayor Office

Agaro City Mayor Office Aggaro New Chapter

13/08/2026
10/08/2026

Guddina Dameewwanii Biyya Keenyaa Keessatti Bu'aa Yaadama Ida'amuu

10/08/2026

Karoorri Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hin cinne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin dhugooma! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Milkaa'inni waggoota jijjiiramaa Karoora Xiiqii keessatti galmaa'e xumura imalaa miti; bu'uura ce'umsa mootummaafi dinagdee sadarkaa itti aanuutti nu ceesisuudha. Bara hojii 2019 irraa eegalee, Mootummaan Naannoo Oromiyaa "Karoora Of-danda'uu" hojiirra oolchuun murannoodhaan hojjachaa kan jiru yoota'u, Oromiyaa bajataan, nyaataan, nageenyaan, bu'uuraalee misoomaatiin, humna namaafi hoggansaatiin ofdandeessee dhaabbattu ijaaruuf karoorri sirrii bahee hojiirra oolaa jira. Kaayyoon mootummaa naannichaa injifannoo argame eeguu qofa osoo hinta'iin, gullantaa ol'aanaatti ceesisuun guddina ittifufiinsa qabu mirkaneessuudha.

Ce'uumsi kun guddina dinagdee qofarratti kan xiyyeeffate miti. Dhaloota dorgomaa horachuu, ummata dinagdeen aangessuu, mootummaa ammayyaafi bu'a qabeessa ijaaruu, akkasumas dhaabbilee mootummaa dandeettii raawwachiisummaa olaanaa qaban uumuu irratti hundaa'a.

Bu'uuruma kanaan, jijjiiramni qabatamaan lakkoofsa raawwii hojii qofaan hin madaalamu; hanqinoota caasaa hiikuudhaan, hoggansa ga'umsa qabu ijaaruudhaan, akkasumas sirna mootummaa ummata tajaajiluu dhugaan diriirsuudhaan kan madaalamuudha. Kanaafis, raawwiin hojii hundi qabeenya qabnu, carraa qabnuufi humnoota misoomaa keenya waliin walsimsiifamee kan madaalamuudha. Kunis humna mootummaa, humna ummataafi humna badhaadhina maatii walitti qindeessuun, ce'umsa dinagdeefi mootummaa ariifachiisuun, mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjataa jira.

Walumaagalatti, milkaa'inni Karoora Of-danda'uu hirmaannaa ummataa addaan hincitne, cimina hoggansa sadarkaan jiruufi dhaabbilee mootummaa bu'a qabeessa ta'aniin kan dhumoodha. Bu'aan isaas kan madaalamu, Oromiyaa of dandassee, dorgomtuufi badhaate ijaaruun ta'a.

10/08/2026
10/08/2026
 Leenjiin Dhaweessummaafi dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa cimsu kenname.=====Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti leenj...
09/08/2026


Leenjiin Dhaweessummaafi dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa cimsu kenname.
=====
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti leenjiin dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa cimsuu qindoomina Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo,Waajjira Mallaqaa fi Kolleejji Poolii Tekniikaatiin kenname.

Leenjiin gaggeessummaa karaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammadamiin kan kenname yemmuu ta’u;
Falaasamoota hoggansaa fi gaggeessummaa gurguddoon amala hoggansaa fi amaloota gaggeessummaa irratti xiyyeeffachuun mala ogummaa bu'aa qabeessummaasaa irratti kan madaalamuu ta'uu Obbo Naziif himaniiru.

leenjii dhaweessummaa/entrepreneur irratti Leenjisaa gahumsa ogummaa Obbo Darajjee dhugaasaa kan kenname yemmuu ta’u namni haala barame keessa turuu osoo hin taane wanta hojjetu kalaqaan dabaaluun,waan dalagan hundaaf sababa qubsaa qopheeffachuu, gaaffii seera qabeessa kaasuu akkasumas nama dhiibbaa dhufu dandamatu mala jireenyaa isa sirrii kan qabate ta'uu barruleen adda addaa kan ibsan ta’u himaniiru.

Dabalataan ittigaafatamaan waajjira mallaqaa Magaalaa Aggaaroo obbo Lammii xuruunaa qajeelfama bajataa irratti leenjii kennaniiru.

Leenjii kana irratti Koreen Qindeessituu Magaalaa, hoggansi magaalaa fi gandaa akkasumas qoodafudhattoonni heddu hirmaataniiru.

09/08/2026

📌 Qabxiilee gugguuddoo: Turti Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahimad Oromiyaa Biroodkaastingi Neetwork (OBN) Wajjiin Taasisan

✅Tohannoo fi Walitti Makamiinsa Seeraan Alaa: Hidhattoonni naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti socho'an mootummaa injifachuu akka hin dandeenye yoo hubatan hidhata seeraan alaa uumaniiru.

✅ Ilaalcha Siyaasaa Moofaa: Gareen TPLF ilaalcha, hoggansa fi yaada siyaasaa moofaa yeroo ammaatiin milkaa'uu hin dandeenye keessatti dhiphatee argama.

✅ Hidhattoota Meeshaa Godhachuu: Gareen kun hidhattoota naannolee biroo keessa jiran akka michuu qixa ta'aniitti utuu hin taane, biyya diiguuf akka meeshaa itti fayyadamaatti fayyadamaa jira.

✅ Diinota Alaa tajaajiluun: Meeshaa diinota alaa seenaa qabanii fi fedhii estrateejikaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu qaban ta'ee tajaajilaa jira.

✅ Gara Olaantummaa Seeraatti Cehuu: Dimookiraasiin dhugaa bilisummaa siyaasaa irraa gara mariitti, mariin immoo gara olaantummaa seeraa waliigalteedhaan qophaa'utti guddachuu qaba.

📌ዋና ዋና ነጥቦች፦ የጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ የኦሮሚያ ብሮድካስቲንግ ኔትዎርክ ቆይታ

✅ ያልተቀደሰ ጥምረት፦ በኦሮሚያ፣ በአማራና በትግራይ ክልሎች የሚንቀሳቀሱ ታጣቂዎች መንግሥትን ማሸነፍ እንደማይችሉ ሲረዱ ያልተቀደሰ ጋብቻ/ጥምረት ፈጥረዋል።

✅ አሮጌ የፖለቲካ አስተሳሰብ፦ የሕወሓት ቡድን ዛሬ ባለው ተጨባጭ ሁኔታ ሊሰካ በማይችል፣ በአሮጌ የፖለቲካ ሀሳብ እና አመራር ውስጥ ተቀርቅሮ ይገኛል።

✅ ታጣቂዎችን መሣሪያ ማድረግ፦ ቡድኑ በሌሎች የሀገሪቱ ክፍሎች ያሉ ታጣቂዎችን እንደ እኩል አጋር ሳይሆን ሀገርን ለማፍረስ እንደ መጠቀሚያ መሣሪያ እያደረጋቸው ነው።

✅ የውጭ ጠላቶች ፍላጎት ማገልገል፦ ኢትዮጵያን የማዳከም እና የመበተን የረጅም ጊዜ ስትራቴጂያዊ ፍላጎት ላላቸው ታሪካዊ የውጭ ጠላቶች መሣሪያ በመሆን እያገለገለ ይገኛል።

✅ ወደ ሕግ የበላይነት መሸጋገር፦ እውነተኛ ዲሞክራሲ ከፖለቲካ ነፃነት ወደ ምክክር፣ ምክክር ደግሞ በጋራ ስምምነት ወደሚቀረጽ የሕግ የበላይነት ማደግ አለበት።

09/08/2026
07/08/2026

Address

Agaro

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agaro City Mayor Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share