West Hararghe High Court

West Hararghe High Court Kun peejii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaati

๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐Ÿ๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ก๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐š๐ฅ๐ญ๐ž๐ž ๐Š๐š๐ซ๐จ๐จ๐ซ๐š ๐๐š๐ซ๐š 2019 ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.โ€ขโ€ขโ€ข...
28/08/2026

๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐Œ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐จ๐จ ๐Ÿ๐ข ๐–๐š๐ฅ๐ก๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐…๐ฎ๐๐ก๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐š๐ฅ๐ญ๐ž๐ž ๐Š๐š๐ซ๐จ๐จ๐ซ๐š ๐๐š๐ซ๐š 2019 ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐€๐๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š, 21, 2018.

Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa sirna mallattoo fi walharkaa fudhinsa waliigaltee karoora hojii bara 2019, Manneen Murtii Aanaalee Godinichaa waliin gaggeesse.

Sagantaa kanaan, Karoora BIX Bara 2019 kanaan dura irratti mariin taasifamee kan ture yoo taโ€™u, guyyaa harโ€™aa immoo bakka Kabajamoo Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa, Obbo Mahammad Abdurahmaan, argamanitti, Pirezidaantoota Manneen Murtii Aanaalee waliin sirni mallattoo waliigaltee karoora hojii bara 2019 gaggeeffameera.

Kabajamoo Pirezidaantiin, Manneen Murtii Aanaalee tajaajila Abbaa Seerummaa dhaqqabamaa fi qulqullina qabu kennuuf, hojii Godinichatti jalqabame jiru daran cimsuun xiyyeeffannoo addaa kennanii hojjechuu akka qaban kallattii kennaniiru. Akkasumas, manneen murtii bakka hojii mijaataa fi taasisuuf amma irraa eegalee hojjechuu akka qaba jechuun kallatti kennaniru.

Kanumaan, sirni mallattoo waliigaltee fi walharkaa fudhinsa karoora hojii bara 2019 milkaaโ€™inaan xumurameera.

โ˜†โ˜†๐Œ๐Œ๐Ž๐†๐‡๐‹โ˜†โ˜†

15/08/2026
๐Ÿ“ข๐Š๐š๐ซ๐จ๐จ๐ซ๐š๐š ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐š๐ซ๐š 2019 ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐€๐š๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐ฅโ€™๐š๐š๐ง๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐š๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐ ๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š...
07/08/2026

๐Ÿ“ข๐Š๐š๐ซ๐จ๐จ๐ซ๐š๐š ๐‡๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐š๐ซ๐š 2019 ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐€๐š๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐Ÿ๐ข ๐Œ๐š๐ง๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐Ž๐ฅโ€™๐š๐š๐ง๐š๐š ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐š๐ซ๐ข๐ข๐ง ๐ ๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†

Adoolessa 29, 2018 โ€“ Ciroo.

Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaatti Karoorri Hojii Bara 2019 kan Manneen Murtii Aanaalee fi Mana Murtii Olaanaa irratti xiyyeeffate guyyoota lamaaf marii balโ€™aan irratti gaggeeffameera.

Marii kana irratti kan hirmaatan Pireezidaantota Manneen Murtii Aanaalee fi Koree Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa yoo taโ€™an, Karoorri Hojii Bara 2019 Manneen Murtii Godinichaaf qophaaโ€™e gama Dursaa Garee Karooraa Mana Murtii Olaanaatiin hirmaattotaaf balโ€™inaan dhiyaateera. Itti aansuunis, Pireezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee karoora isaanii sadarkaa aanaatti qopheessan tokko tokkoon walduraa duubaan dhiyeessanii irratti ibsa kennaniiru.

Dhiyeessaawwan kana irratti hundaaโ€™uun mariin balโ€™aan guyyoota lamaaf gaggeeffameera. Marii kanaanis karoorota Manneen Murtii Aanaalee walbira qabuun qaawwa fi garaagarummaa hubannoo aanaalee gidduu jiru dhiphisuuf gadi fageenyaan irratti mariโ€™atameera. Akkasumas, muuxannoo waliif qooduun, hubannoo waloo cimsuun fi karoora haala walfakkaataa taโ€™een hojii irra oolchuuf kallattiin hojii ifaan kaaโ€™amuun irratti waliigalameera.

Sagantaa marii kana kan gaggeessan Pireezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa, Kabajamoo Obbo Mahammad Abduramaan, yaadota hirmaattotarraa kaโ€™aniif ibsa balโ€™aa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti, Manneen Murtii sadarkaan jiran hundi kallattii marii irratti ibsameen karoora isaanii xumuranii, yeroo dhihoo keessatti sirna waliigaltee karoora hojii waliif mallatteessuu fi wal harkaa fuudhiinsaa akka gaggeessan kallattii hojii kennaniiru.

Dhuma irratti, sagantaa biqiltuu dhaabuu gama Kabajamoo Pireezidaantii Mana Murtii Olaanaatiin qophaaโ€™een, mooraa Mana Murtii Olaanaa keessatti Pireezidaantonni Manneen Murtii Aanaalee fi Koreen Bulchiinsaa Mana Murtii Olaanaa waliin biqiltuu dhaabuun waltajjiin milkaaโ€™inaan goolabame jira.

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข 8๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐š๐›๐›๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š 2018 ๐ ๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.๐€๐๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š, 2018 โ€“ ๐Œ๐Œ๐Ž๐†๐‡๐‹.Yaa'ii ...
31/07/2026

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข 8๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐š๐›๐›๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š 2018 ๐ ๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.

๐€๐๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š, 2018 โ€“ ๐Œ๐Œ๐Ž๐†๐‡๐‹.

Yaa'ii 8ffaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa Bara 2018 Magaalaa Cirootti sagantaa garaagaraatin gaggeeffamaa turee milkaa'inaan xummurame. Sagantaa kan irratti, Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Aanaa fi Mana Murtii Olaanaa irraa madaalli kallattii qulqullinaa, si'oominaa fi naamusaa irratti gaggeeffameen qabxii olaanaa galmeessisanif badhaasaa fi beekkamtiin kennameera.

Bu'uuruma kanaan:
Abbootii Seeraa Mana Murtii Olaanaa keessaa:
๐Ÿฅ‡ ๐’๐š๐. 1๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š Asnaqaa Mokoniin
๐Ÿฅˆ ๐’๐š๐. 2๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š Ahmad Mahammad
๐Ÿฅ‰ ๐’๐š๐. 3๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š. ๐€๐›๐๐ข๐ข๐ฌ๐š๐š ๐๐ข๐ซ๐ซ๐ฎ๐ฎ
Abbootii Seeraa Manneen Murtii Aanaalee keessaa
๐Ÿฅ‡ ๐’๐š๐. 1๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š. ๐™๐š๐›๐›๐š๐ง๐š๐š ๐Œ๐จ๐ค๐จ๐ง๐ข๐ข๐ง
๐Ÿฅˆ ๐’๐š๐. 2๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐š๐š๐ญ๐ข๐ฒ๐š๐ฌ ๐€๐๐ฆ๐š๐š๐ฌ๐ฎ
๐Ÿฅ‰ ๐’๐š๐. 3๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š: ๐€/๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ฎ๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐‡๐š๐š๐ฌ๐ก๐ข๐ฆ

โ˜†โ˜†โ˜†๐Œ๐Œ๐Ž๐†๐‡๐‹โ˜†โ˜†โ˜†

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข ๐€๐›๐›๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š 2018 ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐š๐ง ๐ฑ๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐š๐ฆ๐ž.โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†~๐‘จ๐’…๐’๐’๐’๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ 23, 2018' ๐‘ด...
30/07/2026

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข ๐€๐›๐›๐จ๐จ๐ญ๐ข๐ข ๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐ฆ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐†๐จ๐๐ข๐ง๐š ๐‡๐š๐ซ๐š๐ซ๐ ๐ž๐ž ๐‹๐ข๐ฑ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š 2018 ๐ฆ๐ข๐ฅ๐ค๐š๐š'๐ข๐ง๐š๐š๐ง ๐ฑ๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ซ๐š๐ฆ๐ž.
โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†~

๐‘จ๐’…๐’๐’๐’๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ 23, 2018' ๐‘ด๐‘ด๐‘ถ๐‘ฎ๐‘ฏ๐‘ณ.

Yaa'ii 8ffaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Harargee Lixaa Bara 2018 milkaa'inaan gaggeeffamee xumurame. Saganticha irratti hoggantoota mootummaa, qaamolee haqaa fi keessummoonni kabajaa hirmaataniiru. Kab.Pirezidanti MMOGH Lixaa Kab.Obbo Mahammad Abduramaan Eerga Bga nagaan dhuftani erga dabarsanin booda, It/Aanaa Bulchaa Godinaa Kab. Obbo Tashoomaa Kabbadaa haasaya baniinsa sagantichaa taasiisaniru.

Yaa'ichi marii hojii fi sagantaa garagaaraatin gaggeeffamaa oleera. Dhuma irratti, Abbootii Seeraa qabxii olaanaa galmeessaniif, akkasumas namoota dhuunfaa, waajjiraalee fi dhaabbilee hojii Manneen Murtii cimsuuf gumaachanif badhaasaa fi beekkamtiin kennameera.

Gama biraatin, Madaallii raawwii hojii Bara 2018 tin manneen murtii Aanaalee Qabxii Olaanaa galmeessisanif badhaasaa fi beekkamtiin kennameera. Bu'uuruma kanaan,
๐Ÿฅ‡ Sadarkaa 1ffaa: Mana Murtii Aanaa Daaroo Labuu
๐Ÿฅˆ Sadarkaa 2ffaa: Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa
๐Ÿฅ‰ Sadarkaa 3ffaa: Mana Murtii Aanaa Habroo fi Haawwii Guddinaa.

Yaa'iin Abootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa Go/Har/Lixaa 8ffaan jalqabamee jira.
30/07/2026

Yaa'iin Abootii Seeraa Manneen Murtii Ol'aanaa Go/Har/Lixaa 8ffaan jalqabamee jira.

30/07/2026
๐Ž๐จ๐ฅ๐ฆ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐จ๐จ!!๐Ÿ“… Adooleessa 3, 2018 โ€“ Ciroo๐‡๐ข๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐Œ๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ก๐š๐š ๐†๐š๐ง๐๐š๐š ๐ญ๐š'๐ž๐ž ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š...
10/07/2026

๐Ž๐จ๐ฅ๐ฆ๐š๐š ๐ƒ๐ก๐š๐๐๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐จ๐จ!!

๐Ÿ“… Adooleessa 3, 2018 โ€“ Ciroo

๐‡๐ข๐ฆ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐Œ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐Œ๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ก๐š๐š ๐†๐š๐ง๐๐š๐š ๐ญ๐š'๐ž๐ž ๐˜๐š๐ค๐ค๐š ๐€๐ฃ๐ฃ๐ž๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ž ๐€๐๐š๐›๐›๐ข๐ข ๐‡๐ข๐๐ก๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š ๐”๐ฆ๐ซ๐ข๐ข ๐†๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐€๐๐š๐›๐š๐ฆ๐ž.

Godina Harargee Lixaa, Bulchiinsa Magaalaa Ciroo, Araddaa Burqaa Cirootti himatamaan Jaabir Huseen jedhamu, miseensa Milishaa Gandaa ta'ee yeroo hojii irra turetti, wal-dhabdee dhuunfaa sababeeffachuun meeshaa waraanaa hojii isaaf kenname fayyadamuun miidhamaa irratti rasaasa hedduu dhukaasuun battalumatti lubbuun isaa akka darbu taasisuu isaatiin yakka ajjeechaa cimaa raawwate jechuun, Abbaan Alangaa Godina Harargee Lixaa himannaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaatti dhiyeesseera.

Himatamaan himannaa isa irratti dhiyaate waakkatus, ragaan Abbaan Alangaa dhiyeesse yakka itti himatame raawwachuu isaa mirkaneesseera. Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffates, himannaa isa irratti dhiyaate irraa ittisuu waan hin dandeessisneef, Manni Murtii himatamaa irratti murtii balleessummaa kenneera.

Kanumaan, Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Lixaa, ulfaatina yakkichaa, haala itti raawwatame, akkasumas meeshaa waraanaa mootummaan hojii isaaf kenname fayyadamuun yakka raawwachuu isaa bu'uura godhachuun, tumaa Seera Yakkaa ittin himatame Keewwata 539(1)(A) jalatti adabbii Himatamaa fi namoota biroofis barnootaa fi akeekkachiisa ta'a jedhee itti amane,

โžก๏ธ Adabbii Hidhaa Cimaa Umrii Guutuutiin akka adabamu itti murteesseera.

โ€ขโ€ขโ˜… ๐Œ๐Œ๐Ž๐†๐‡๐‹ โ˜…โ€ขโ€ข

Address

Ciro, Oromia
Asebe Tafari

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when West Hararghe High Court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share