26/07/2026
๐๐ช๐ช๐ก๐ ๐๐๐๐ง๐๐ฌ๐ ๐๐๐๐๐ช๐ช๐ฃ ๐ฉ๐ค'๐๐๐๐ช๐ช๐ฃ ๐ฃ๐๐ข๐ ๐ฉ๐ช๐ง๐จ๐๐๐จ๐ช๐ช๐ฃ ๐ข๐๐ง๐๐ค๐ค๐ฉ๐ ๐ก๐๐ข๐ข๐๐ก๐๐๐ฃ ๐๐ช๐ก๐๐จ๐ช๐ข๐ข๐๐๐ฃ ๐ฃ๐๐๐ฃ๐ฃ๐'๐ช๐ช๐ ๐ฆ๐๐๐๐ฃ๐ ๐๐ ๐ข๐๐ง๐๐ค๐ค๐ฉ๐ ๐๐ช๐ก๐๐จ๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐๐๐๐ง๐ ๐๐๐ฟ๐๐ ๐๐๐๐ ๐ ๐๐ข๐ฉ๐๐ ๐ฆ๐๐๐๐ฃ ๐ฌ๐๐๐๐๐๐ฃ ๐๐ ๐ ๐๐ข๐๐ฉ๐ฉ๐ ๐๐ก๐๐๐ก๐๐ข๐?
โ===================================
โ๐ซAkkuma beekkamu yeroo adda addaatti qaamooleen nageenyaa sakkatta'insa taasisan namoota sababa adda addaaf imalan fuula haarawa jechuun to'achuun tursiisuu dabalatee hanga faaydaa hin malle gaafachuutti darbee darbee ni mullata, ofii waraqaa eenyummaa osoo hin qabaanne deemuun yakkaan nama ni gaafachiisaa? Eenyumma nama qulqulleessuuf dirqama namni to'atamuu qabaa? Kan jedhuufi kan biroo Akka armaan gadii kanatti waliin haa Ilaalluu ๐
โ๐ซNamoota haaraya gara naannoo kenyaatti dhufan adda baasuun eenyummaa isaanii qulqulleessun nageenya hawaasaa ballaa eeguuf barbaachisadha kanuma bu'uura godhachuun Seerri yakkaa MFDRI biyya keenyaa keewwata 807 jalatti namni kamiiyyuu maqaa isaa yookiin eenyummaa isaa akka himu, hojii yookiin ogummaa, bakka jireenyaa, teessoo yookiin haala dhuunfaa isaa kan ilaallatu dhimmoota kan biroo tarreessuun akka ibsu; sanadoota qabate, meeshaalee imalaa yookiin wantoota shakkisiisaa taโan kamiyyuu akka sakattaasisu yookiin ajaja kana fakkaatu kan biroo kamiyyuu akka raawwatu hojjetaa mootummaa dirqama hojii isaa bahaa jiruun yommuu gaafatamu yookiin ajajamu hayyamamaa kan hintaane yoo taโe; yakkaan akka gaafatamuus ni tuma kana irraa wanti hubannu namoota haaraya dhufan sakkatta'insa taasisuun namoota dhimma nageenyaa naannoo irratti dhibbaa ni uuma jechuun ifatti hin dhakkisiifne yeruma sanatti qulqulleessun gadi dhiifamu akka qabaniidha haa tahuu malee namoonni yeroo qorataman kanatti meeshalee nageenya Ummataa booreessan qabatanii jiran akkasumaas waraqaa eenyummaa sobaa qabatan, gareewwan seeran ala sochoo'an waliin hidhata qabaachuu isaanii, Karoora, qophii, yookaan deeggarsa gocha shororkeessummaaf kan taasisan tahuun isaa yoo jiraate ragaa gahaa irratti hundaahuun bu'uura SDFY keewwata 51 ajajaa mana murtiin alatti to'atamuu akka danda'uu fi bu'uura Heera MFDRI keewwata 19 fi SDFY tiin sa'a 48 keessatti Mana murtiitti akka dhiyaachu qabu seerri ni tuma.
โ๐ฅHeerri MFDRI keewwata 32 jalatti lammileen biyya kamiyyuu bilisaan iddoo barbaadetti akka sochoo'u ni tuma.
โ๐ซ32. Mirga Bilisummaa Naannawuu
โโก1. Lammiiwwan Itiyoophiyaa yookiinsi Lammiin biyya alaa biyyattii keessatti karaa seerummaa qabuun argamu kamiyyuu biyyatti keessaa iddoo filate naannawuu fi iddoo jireenyaas hundeeffachuu akkasumas yeroo barbaadetti keessaa bahuf mirga qaba.
โโก2. Lammiin Itiyoophiyaa kamiyyuu gara biyya isaatti deebi'uuf mirga qaba.
โJechuun kan tume jirudha.
โHeera Mootummaa MFDRI keewwata 17 jalatti
โ๐ซ17. Mirga Bilisummaa
โโก1. Namni kamiyyuu dhiiras ta'e dubartiin, sirna seeraan tumameen alatti bilisummaa isaa/ishee/ hin dhabu/hin dhabdu/.
โโก2. Namni kamiyyuu sirna seeraan tumameen alatti too'atamuu, osoo himatni
โitti hin dhihaatiin yookiin itti hin murtaa'iin hidhamuu hin danda'u.
โ๐ชHaala faallaa seeraa ta'een mirgoota bu'uura lammiilee Heera Mootummaan mirkanaa'ee jiru bifa faalleessuun namoota sababa hojiiniis tahee sababa biroofiis naannoo tokko irraa gara naannoo tokkotti, Godina tokko irraa gara godina tokkotti, Aanaa tokko irraa gara Aanaa birootti sochoo'u eenyumma isaa, teessoo isaa fi wantoota biroo bu'uura godhachuun lammilee qulqulluu sochii yakkaa Kam irrayyuu bilisa tahan shakkii dhama qabeessaan alatti fuula haarawa jechuun qabanii hidhuun, tursiisuu fi mirga lammileen bu'uuran qaban ugguruun faallaa heeraa fi seeraa qofa osoo hin taane seera yakkaa keewwata 423 yakka kara seeraan alaatiin nama qabuu yokaan hidhuun hanga hidhaa cimaa waggaa 10 nama adabsiisu kan danda'uu fi Labsii Yakkoota malaamaltumaatiinis kan nama gaafachisu waan taheef qaamni olaantummaa seeraa kabachiisuuf hoojjetu ofiifiis olaantummaa seeraa kabajuun dirqama tahuu hubatee mirgoota lammileen bu'uuran qaban kabachiisuu irratti haa hoojjetuun dhaamsa keenya.
โ
โ๏ธ Yaada keessaan nuuf qoodaa!
Maddii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar