28/08/2026
Yakkoota Malaammaltummaa 25 nan (Labsii Lakk. 881/2007)
**********************************************
1. Aangootti gar-malee fayyadamuu (Keew. 9) .
2. Matta'aa fudhachuu (Keew. 10) .
3. Faayidaa hin malle fudhachuu (Keew. 11)
4. Malaammaltummaa jaarsolii araaraa fi namoota birootiin raawwatame (Keew. 12) .
5. Hojii mootummaa ykn jaarmiyaa mootummaa haala hin malleen gaggeessuu (Keew. 13) .
6. Qabeenya imaanaa itti kenname sirnaan hogganuu dhabuu (Keew. 14) .
7. Adeemsa hojii keessatti yakka waa fudhachuu fi dhoksuu (Keew. 15) .
8. Aangoo ykn itti gaafatamummaatti seeraan ala fayyadamuu (Keew. 16) .
9. Seeraan ala walitti qabuu ykn walharkaa fuudhuu (Keew. 17) .
10. Dhimma tokko irratti sababii malee harkifannaa hin malle uumuu (Keew. 18) .
11. Waan gatii qabu fudhachuu ykn dhoksuu, Kaffaltii bilisaa ykn sirrii hin taane argachuu (Keew. 19)
12. Hayyama sirri hintaane kennuu ykn raggaasisuu (Keew. 20) .
13. Qabeenyaa fi maallaqa maddi isaa hinbeekamne (Keew. 21) .
14. Iccitii hojii ibsuu (Keew. 22) .
15. Sanadoota mootummaa ykn dhaabbilee mootummaa fakkeessanii qopheessuu, jgara sobaatti ijjiiruu fi itti fayyadamuu (Keew. 23) .
16. Sanadoota mootummaa ykn dhaabbilee mootummaa balleessuu ykn miidhuu (Keew. 24)
17. Matta'aa ykn faayidaa hin malle kennuu (Keew. 25) .
18. Kaffaltii malee ykn kaffaltii gahaa malee waan gatii qabu kamiyyuu kennuu (Keew. 26) .
19. Malaammaltummaa dalaaluu ( Keew. 27)
20. Angoo hinqabneen fayyadamuu (Keew. 28) .
21. Dhageeyitii dhunfaa qabuun daldaluu (Keew. 29)
22. Filannoo irratti Matta'aa kennuu (Keew. 30) .
23. Amaanaa hir'isuu cimaa (Keew. 31) .
24. Gowomsuu cimaa (Keew. 32) .
25. Maallaqa ykn qabeenya malaammaltummaadhaan argame akka seera qabeessaatti dhiyeessuu fi yakkicha gargaaruu fi tumsuu (Keew. 33) .
=======================================
Lammiileen malaammaltoota saaxiluuf dammaqinaan hirmaachuu qabu!
=======================================