24/09/2025
"Baabbile, Erer, Cinaaksan, Dirree Dhawaa, Hardiim, Bikkee, Mulluu, Karaa Gooroo Guutuutiin, karaa Doobbaatiin, karaa Anniyya Tirtiraan, Mayyuufii Mino dabalatee lafa Daangaa Oromiyaa karaa bahaatiin Soomaleen Saamameefii weerara waraana naannoo Soomaleetiin weeraramaa jiruudha. Dhimma kanaaniis Hawaasni keenya yaaddoo guddoo Akka qaban dubbachaa jiran.
"Dhimma kana ilaalchisee gama qaama mootummaatti hin iyyannee" jechuun gaafannee, qaamni mootummaa hojii idilee hawaasaatiifuu yaaddoo qabaachuu dubbatanii waajjirri Nageenya Aanaalee fii godinaalee hanga ammatti waan dubbatan akka hin qabne himan Hawaasni naannoo.
Weerara daangaatiif mijjaa tolfachuuf torbaan dabre dura waraanni naannoo Soomalee Ajjeechaa suukanneeasaa Wal fakkaata Bordoddee hanga Moyyaalee tarkaanfii kan fudhatan Waraanni kun sochiin kun eega manni maree Soomalee labsii Daangaa baaseen booda hammaachaa deemu ibsan qaamni itti dhiheenyaan keessa beekan.
Mootummaa naannoo Oromiyaa fii mootummaan federalaa dhimma kana hanga ammatti waan dubbatan qabaachuu baataniis, Sabni Soomalee labsii mootummaan isaanii labsetti gamaduu karaa medialee hawaasaatiin ibsachuufii labsii kana lafa qabsiifachuuf deegarsa hundaan utubuuf qophii godhaa jiraachuu Qulqulleeffannee jirra.
Gama Oromoo fii hawaasa Oromiyaatiin saamichi Daangaa Oromiyaa kan bara tplf haalli mijjaawe sirna kana keessa raawwachuun dallansiisuun sabaa-himaaléen hawaasummaa ragaa baya. Moyyaalee irratti ejjannoon Soomalee hawaasa Oromoo Booranaa Dirree Falmii karaa nagayaatti eega gad baase guyyaa 3ysoodha. Haala Wal fakkaatuun kan saamamaa jiru Daangaan Oromiyaa karaa bahaa, yeroo Soomaleen Bordoddee, Doobbaafii Dirree Dhawaatti ajjeechaa suukanneeasaa raawwatanitti Hawaasni cal'isuun murtee naannoo Oromiyaa eeguuf tahuu mala jennee yaanna.
Maaltu itti Amana?
Bullee laalla
Afran Qalloo and Afran Qallooti
Sep. 24/2025
Oromia