Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa

Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa Peace must be started from Individuals in his/her mind

17/08/2026
16/08/2026
Nageenya Amansiisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti qaamooleen nageenyaa qooda olaanaa bahataniiru.Seektarri N...
16/08/2026

Nageenya Amansiisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti qaamooleen nageenyaa qooda olaanaa bahataniiru.

Seektarri Nageenyaa Godina Harargee Bahaa, raawwii hojii bara 2018 keessatti Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalaa hojiiwwan bu’a qabeessaa fi fakkeenya ta’an galmeessisaniif beekkamtii fi badhaasa kenne.

Sagantaan beekkamtii fi badhaasa kun bakka Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miski Mohammed , fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa Obbo Habtamu Tesfaye koree Godinaa fi Hoggantoonni seektara nageenya hundi bakka jiranitti hojilee hojjatamaniin Gita adda addaatin madaluun badhaase jira

Akkasumaas hojii nageenyaatin aanoonni fi Bul/Magaalaa Godina keenya hundi hojii boonsa nageenyaa waaraa itti fufiin qabu fidu irratti qooda olaanaa gahe leenca bahanii akka jirani fi kana caala akka hojjatan itti Dhaamun xumurani jiruu

"Olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimma boriif haa bulu jedhamu miti" Komishiinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa+++++++...
15/08/2026

"Olaantummaa seeraa mirkaneessuun dhimma boriif haa bulu jedhamu miti" Komishiinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa
+++++++++

Hagayya 09/2018(BBNO):- Waa’een olaantummaa seeraa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhiisuu waan ta’eef dhimma boriif haa bulu jedhamu miti. Seerri wabii lammiilee hundaa waan ta’eef Oromiyaa keessa nageenya goolaa, ummata saamaafi ajjeesaa ofii jiraachuu yaaluun hinyaadamu jedhan hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaa turtii gaazzexaa Bariisaa waliin taasisaniin.

Gaazexaan Bariisaas hundeeffama mootummaa haaraa Fulbaana dhufu adeemsifamu, waa’ee nageenya Oromiyaafi haala tarkaanfii olaantummaa seeraa ilaalchisee Hogganaa Biiroo Nageenyaafi Bulchiinsaa Oromiyaa Komishinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa waliin turtii taasiseera.

Yakkoota dalagamanirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa
Shaneen qabsoof osoo hintaane saamichaaf bosonatti cichaa jira. Ummata saamaa qabeenya horachuuf carraaquun yeroof yoota’e malee ummata jalaa dhokatee kan milkaa’u miti. Ummanni Shanee isa saame adda baasee beeka.

Yeroo ammaa kana konkolaataa, baajaajiifi mana jireenyaa dabalatee qabeenya Shaneefi seeliisaa to’annaa seeraa jala oolfamaa jira. Qonnaan bulaa harkaa qotiyyoo saamuun iyyoomsaa ofii qabeenya horachuun har’as ta’e bor hinmilkaa’u. Ummatnis namoota dhuunfaafi abbootii qabeenyaa Shaneef rasaasa bitan, mana qorichaafi baankii saamsisan, karaa itti agarsiisan, uffata dhiyeessaniifi dhoksan hadheeffatee saaxilaa jira. Loojistiksiin guyyaa guyyaan qabamus eeruu ummataani.

Ummatni “Na saamtee, na ajjeeftee jiraachuu hindandeessu, ani hiyyoomee ati jiraachuu hindandeessu” jechuun sochii Shanee guyyaa guyyaatti saaxilaa jira. Mootummaanis eeruu ummataan tarkaanfii araarama hinqabne fudhataa jira, fuuldurattis cimsee ittifufa. Shanee karaa nagaan galuu diderratti tarkaanfii fudhatameen abbaan ‘Ilma koo badii dalagaa ture ofitti fuudhee hinawwaalu” jedheera.

Finxaaleyyii Faannoorratti tarkaanfii qindaa’aa fudhachuun olaantummaa seeraa kabachiisuuf qophii gahaan taasifamaa jira. Faannoon duraan faajjii qabsoo jedhamaa ture garee badii ta’uusaa ummanni Amaaraa ifatti mormaafi irratti qabsaa’aa jira.

Ummanni Amaaraa Oromiyaa keessa jiraatus murnicharratti olaantummaa seeraa kabachiisuuf sochii taasifamu hunda aarsaa kaffaluun mootummaa cina hiriireera. Hundaa ol, dargaggoonni duraan hidhattoonni ABO Shanee turaniifi daandii nagaatti deebi’an Shanee dhabamsiisuuf qaama nageenyaa cina hiriiruun tarkaanfii laalessaan fudhatameera.

Rakkoo nageenyaa darbee darbee mul’atuufi dhimmoota sanaan walqabatan

Komishinarri Jeneraalaa Araarsaan akka jedhanitti, humnoonni ergama badiifi biyya diiguu qabatanii socho’an nilaamsha’an malee guutummaatti waan hininjifatamneef nageenyi biyyaa karaa tokkoonis ta’e karaa biraan akka boora’u sababa ta’eera. ABUTfi Finxaaleyyiin Faannoo galmisaaniifi kaayyoonsaanii kiiloo 4 waan ta’eef sabootaafi sablammoota kamuurratti shororkeessummaa raawwachuun humnaan galma yaadan milkeessuudha. Shaneenis yoo danda’e humnaan aangoo dhuunfachuu yookaan ammoo Oromiyaa foxxoqsee bulchuu kaayyeffatee yaadama dulloomaafi boodatti hafaan wixxirfachaa jira.

Adeemsa kana keessatti ammayyuu bosona keessa dhokachuun darbee darbee lammiilee nagaa ajjeesuu, shororkeessuu, qabeenya saamuu, sochii ugguruufi caasaa nageenya humna muraasaan socho’urratti tarkaanfii bakki itti fudhatu jira.

Fakkeenyaaf, Gujiitti abbootii qabeenyaa ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’an kanneen guddina naannawichaafi biyyaaf halkanii guyyaa hojjetaa jiran jalaa buna dabalatee qabeenya barbadeessaniiru.

Godina Shawaa Kaabaa bakkeewwan gammoojjii ta’anitti ummata hojii qonnaarraa gufachiisuun nimul’ata. Godina Arsiifi Wallaggattis akkuma kana. Caasaa nageenyaa keessaas badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa Shaneen maatiirratti raawwatu oolfachuuf dirqamee kan Shanee tumsu hinjiru jechuu miti.

Komander Girma Mammoo Gara laafessa biyyoon itti haa salphattu
09/08/2026

Komander Girma Mammoo Gara laafessa biyyoon itti haa salphattu

Nageenya waara itti fufiinsa Badhaadhinaa biyya keenyaa mirkaneessuf Waajjira Bul/Nageenyaa fi waajjiri milishaa Godina ...
05/08/2026

Nageenya waara itti fufiinsa Badhaadhinaa biyya keenyaa mirkaneessuf
Waajjira Bul/Nageenyaa fi waajjiri milishaa Godina Harargee bahaa Gamaggama hojii bara 2018 fi boqonnaa qophii karoora of danda'uu bara 2019 Guyyaa arraa jalqabe jiraa

Godaansa Al-Idilee Ittisuu keessatti Hunduu qooda ofii bahachuun dirqama lammummaa bahachuudha.=======Godina Harargee Ba...
04/08/2026

Godaansa Al-Idilee Ittisuu keessatti Hunduu qooda ofii bahachuun dirqama lammummaa bahachuudha.
=======
Godina Harargee Bahaatti Konfaransiin Sosochii Ittisa Godaansa Al-idilee,fi sochii Hojii Nageenyaa fi Misoomaa Qooda fidhattoota sadarkaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota Godinichaarraa hirmaatanii waliin Bakka Hoggansi Olaanoon Godinichaa argamanitti taa'amaa jira.

Address

Harar/Hundene
Aweday

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bulchinsaa fi Nageenya Godina Harargee Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share