05/02/2026
Buufata fayyaa Burqaa, Aanaa Odaa Bultum
[Ammjjii 28/2018 ]
# # # # # # # # # # # # # #
Kabaja Ji'a Fayyummaa Haadhoolee
Waajjirri fayyaa Aanaa Odaa Bultum guyyaa har'aa kabaja guyyaa haadholee sadarkaa B/Fayyaa Burqaatti dhaadannoo ''Kalaqaa fi madda faayinaansii itti fufiinsa qabu fayyummaa haadholeef'' jedhuun kabajamee oolee jira.
Sagantaa kana irratti argamuun barbaachisummaa kabaja ji'a haadholee irratti haasawa kan taasisan Ogeessi Garee Fayyaa Haadholee waajjiraa Obbo Mahammad Jamaal yoo ta'an Daarektarri PHCU Burqaa Obbo Yidnaaqachaw Shimallis fi Ogeettii deesistuu buufatichaa Sr Munaa Ahmad haadholee saganticha irratti hirmaataniif waa'ee tajaajila fayyaa haadholeef sadarkaa hawaasaa irraa hanga Buufata Fayyaatti kennamu irratti hubannoo haala bareedaadhaan kennanii jiru.
✅ Kaayyoon isaas foyya’iinsa tajaajila fayyaa haadholeef daa’iimmaniitiif; qooda qabeeyyiin seektara adda addaa fi qaamooleen hawaasaa, Abbootiin Gadaa fi Haadha siinqee, Abbootiin amantaa, hooggantoonni, miidiyaalee, hoggantoonnii Dhaabbilee misoomaa fi bakka bu’ootni uummataa karaa guutuu ta’een ga'ee isaanii ba’uun sochii isaan taasiisan du'a haadholii xiqqeessuuf murteessaa ta’uu hubatanii waadaa isaanii haaromsuun gahee isaanii akka bahaan gochuu fi hojiiwwan ijoo du'aaf dhibama haadholii xiqqeessuuf hojjatamuu qaban irrati hubannaa walfakkaataa kennuun sababa ittisuun danda'muun haadholiin akka hin duuneef qindoominaan hojjachuun galma kaawwame bira ga’uuf akka ta’e obbo Mahammad Jamaal eeranii jiru.
✍ Sagantaalee Fayyaa karaa waajjiira fayyaatiin gadi bu’aniis hojiirra oolchuun kan ibsame yemmuu ta’u baatii fayyuummaa haadhoolee sababeeffachuunis hawaasa Dhaabbilee misoomaa keessatti tajaajila kennaa jiran fayyadamaa taasiisuun barbaachisaa akka ta’e dubbatamee jira.
Waaj/Fayyaa Aanaa Odaa Bultum irraa