Bule Hora University Teaching Hospital

Bule Hora University Teaching Hospital Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bule Hora University Teaching Hospital, Government Organization, Bule Hora, Bule Hora.

Bule Hora University Teaching Hospital provides outpatient, inpatient, emergency, surgical, maternal and pediatric services while serving as a clinical training center for health professionals.

የ2018 ዓ.ም የክረምት በጎ አድራጎት ሥራ በስኬት ተጠናቀቀ‎🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል፣ ጳጉሜ 4/2018 ዓ.ም‎‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆ...
09/09/2026

የ2018 ዓ.ም የክረምት በጎ አድራጎት ሥራ በስኬት ተጠናቀቀ
‎🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል፣ ጳጉሜ 4/2018 ዓ.ም
‎
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል በ2018 ዓ.ም ለሁለት ወራት ሲያካሂድ የቆየውን የክረምት በጎ አድራጎት/Summer Volunteer Service የተለያዩ ሥራዎችን በማከናወን በዛሬው ዕለት በተካሄደ ልዩ ሥነ-ሥርዓት አጠናቋል።
‎
‎የበጎ አድራጎት ሥራው በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና ኢንስቲትዩት አስተባባሪነት፣ በዩኒቨርሲቲው ዋና ግቢና በማስተማሪያ ሆስፒታሉ ሲከናወን ቆይቷል።
‎በማጠቃለያ ሥነ-ሥርዓቱ ላይ የዩኒቨርሲቲው ከፍተኛ አመራሮች፣ የማስተማሪያ ሆስፒታሉ ሠራተኞችና የቡሌ ሆራ ከተማ አስተዳደር ኃላፊዎች በመገኘት በሁለቱ ወራት የተከናወኑ የበጎ አድራጎት ሥራዎችን በመገምገም የምስጋና መልዕክት አስተላልፈዋል።
‎
‎የማስተማሪያ ሆስፒታሉ ቺፍ ኤክስኪዩቲቭ ዳይሬክተር፣ በም/ፕሬዝዳንት ማዕረግ ይመር ሆጤሳ በመገኘት፣ በመልዕክታቸው በክረምቱ በጎ አድራጎት ሥራ የጤና ነክና ሌሎች አገልግሎቶች ለ120,000 ሰዎች ለማድረስ ታቅዶ ከዕቅዱ በላይ ማድረስ መቻሉን ገልጸዋል። በገንዘብ ሲተመንም ከ50 ሚሊዮን ብር በላይ የሚገመት ሥራ መከናወኑን ገልጸዋል።
‎
‎ከተከናወኑት ዋና ዋና ሥራዎች መካከል 400 ዩኒት ደም መሰብሰብ፣ ለ500 ሕሙማን ነፃ የዓይን ሞራ ግርዶሽ ቀዶ ሕክምና ማድረግ እና በማስተማሪያ ሆስፒታሉ ተበላሽተው የቆዩ 54 የተለያዩ የሕክምና መሣሪያዎችን በመጠገን ወደ ሥራ ማስገባት ተችሏል።
‎
‎በተጨማሪም በቡሌ ሆራ ከተማ፣ በማስተማሪያ ሆስፒታሉና በዩኒቨርሲቲው ዋና ግቢ የተለያዩ የጽዳት ዘመቻዎች ተካሂደዋል። ሕዝብ በብዛት ወደሚገኝባቸው እንደ ገበያ፣ ማረሚያ ቤትና ሌሎች ቦታዎች በመሄድም የጤና ግንዛቤ ማስጨበጫና ነፃ የጤና ምርመራ አገልግሎቶች ተሰጥተዋል።
‎
‎የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የአስተዳደርና ልማት ም/ፕሬዝዳንት ዕጩ ዶ/ር ታሪኩ ገመዴ፣ በክረምቱ ከማስተማሪያ ሆስፒታሉና ከከተማ አስተዳደሩ ጋር በቅንጅት የተከናወነው ሥራ አበረታች ውጤት እንዳስገኘ ገልጸው፣ ለሥራው ጉልበታቸውን፣ ሙያቸውንና ገንዘባቸውን በፈቃደኝነት ላበረከቱ ሁሉ ምስጋና አቅርበዋል።
‎
‎የዩኒቨርሲቲው የአካዳሚክ፣ ምርምር፣ ቴክኖሎጂ ሽግግርና ማህበረሰብ አገልግሎት ም/ፕሬዝዳንት ዶ/ር ገበየሁ አሻግሬ በበኩላቸው፣ የክረምቱ በጎ አድራጎት ሥራ የ2018 ዓ.ም አፈጻጸምን ለመገምገም እንደ አጋጣሚ መሆኑን ገልጸው፣ የጤና ጉዳይ በቦታና በጊዜ የማይወሰን በመሆኑ በ2019 ዓ.ም ከመጀመሪያው ጀምሮ ሥራውን አጠናክሮ መቀጠል እንደሚገባ አሳስበዋል።
‎
‎በተጨማሪም ማስተማሪያ ሆስፒታሉ በክረምቱ ከሠራተኞችና ከሌሎች አካላት 600,000 (ስድስት መቶ ሺህ) ብር በመሰብሰብ፣ በሆስፒታሉ ሥራ ላይ ጉዳት ለደረሰባት አንዲት የጤና ባለሙያ እና ለሦስት ለረጅም ጊዜ በታማኝነት ያገለገሉ በጡረታ ለተገለሉ የሆስፒታሉ ሠራተኞች እያንዳንዳቸው 50,000 ብር የድጋፍ ማበርከት መቻሉ ተገልጿል። በተጨማሪም በየደረጃው ላሉ አቅመ ደካሞች የገንዘብ ድጋፍ ተደርጓል።
‎በ2018 ዓ.ም የክረምት በጎ አድራጎት ሥራ ላይ በመሳተፍ ጉልበታችሁን፣ ሙያችሁንና ሀብታችሁን ለማህበረሰቡ ላበረከታችሁ ሁሉ ከፍተኛ ምስጋና እናቀርባለን!
‎
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል

Tajaajilli Tola-Ooltummaa Gannaa Bara 2018 Milkaa’inaan Xumurame‎🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii...
09/09/2026

Tajaajilli Tola-Ooltummaa Gannaa Bara 2018 Milkaa’inaan Xumurame
‎🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Qaammee 4/2018
‎
‎Hospitaalli Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, bara 2018 keessatti Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa/Summer Volunteer Service ji’oota lamaaf gaggeessaa ture, hojiiwwan gara garaa raawwachuun guyyaa har’aa sagantaa addaa ta’een xumureera.
‎
‎Tajaajilli kun qindoomina Inistiituyiitii Fayyaa Yuunivarsiitii Bulee Horaatiin, Yuunivarsiitichaa mooraa guddaa fi Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessatti gaggeeffamaa ture.
‎Sagantaa xumuraa irratti hoggantoonni olaanoo Yuunivarsiitichaa fi hoggantoonni Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaa argamuun hojiiwwan ji’oota lamaan keessatti raawwataman ilaalchisee ergaa galateeffannaa dabarsaniiru.
‎
‎Daayirektarri Inistiitiyuutii Fayyaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Yimer Hoxxeessaa ergaa isaanii keessatti Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa kanaan namoota 120,000 fayyadamoo taasisuuf karoorfamee, karoora ol darbee namoota hedduu bira ga’uu danda’amuu ibsaniiru. Akkasumas, hojiiwwan raawwataman maallaqaan yoo herregamu qarshii miliyoona 50 ol ta’uu ibsaniiru.
‎
‎Hojiiwwan ijoo raawwataman keessaa dhiigaa yuunitii 400 walitti qabuu, namoota 500f yaala moora ijaa baqaqsanii baasuu bilisaa kennuu, akkasumas Hospitaalicha keessatti meeshaalee yaalaa adda addaa 54 suphuun gara hojiiitti deebisuu danda’amuun ibsameera.
‎
‎Dabalataan, Magaalaa Bulee Horaa, Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa fi mooraa guddaa Yuunivarsiitichaa keessatti duulli qulqullinaa gara garaa gaggeeffameera. Akkasumas, bakka hawaasni baay’inaan argamu, kanneen akka gabaa, mana amala sirreessaa fi bakka biroo deemuun hubannoo fayyaa fi tajaajila qorannoo fayyaa bilisaa kennuun danda’ameera.
‎
‎Itti Aanaan Pirezidaantii Dhimma Bulchiinsaa fi Misoomaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Kaadhimamaa Doktaraa Taarikuu Gammadee, hojii Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa keessatti Hospitaalicha, Yuunivarsiitii fi Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaa waliin qindoominaan hojjetameen bu’aa gaarii argamuu ibsanii, namoota humna, ogummaa fi qabeenya isaanii fedhii isaaniin hojii kanaaf gumaachan galateeffataniiru.
‎
‎Itti Aanaa Pirezidaantii Dhimmoota Akkaadaamii, Qorannoo, Ce'umsaa Teeknoloojii fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan ta'an Dr. Gabayoo Ashaagiree Tajaajilli Tola-Ooltummaa Gannaa hojiiwwan bara 2018 keessatti raawwataman gamaaggamuuf carraa ta’uu ibsanii, dhimma fayyaa bakkaafi yeroo qofaan daangeffamuu waan hin qabneef, bara hojii 2019 keessattis hojiiwwan kunneen cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
‎
‎Gama biraatiin, Hospitaalli Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, yeroo Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa kana keessatti hojjettootaa fi qaamolee biroo irraa qarshii 600,000 (kuma dhibba jaha) walitti qabuun, Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa keessa osoo hojjachaa jirtuu miidhaa kan irra gahe ogeettii fayyaa takkaa fi Hospitaalichatti waggoota hedduuf aantummaa fi kutannoon hojjachaa kan turane, yeroo ammaa soorama bahanee kan jiran hojjettoota Hospitaalichaa namoota sadiif ayyaana jijjiirraa waggaa 2019 sababeessuun bakka hoggantoonni Yuunivarsiitichaa fi hojjattoonni argamanitti tokkoon tokkoo isaaniif qarshii 50,000 (kuma shantama) kan kennaanneefi namoota deeggarsi barbaachisuuf kanneen biroo akkaatuma sadarkaa isaaniitiin deeggarsi maallaaqaa taasifameera.
‎
‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa

09/09/2026
09/09/2026
በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል ነፃ የጤና ምርመራ አገልግሎት ተሰጠ‎‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል‎ነሐሴ 22/2018 ዓ.ም.‎‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል...
28/08/2026

በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል ነፃ የጤና ምርመራ አገልግሎት ተሰጠ
‎
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል
‎ነሐሴ 22/2018 ዓ.ም.
‎
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል የ2018 ዓ.ም. የክረምት በጎ ፈቃደኝነት አገልግሎት (Summer Volunteer Service) በማስመልከት ከሚሰጣቸው የተለያዩ የጤና አገልግሎቶች መካከል ነፃ የተለያዩ የጤና ምርመራ አገልግሎቶችን በሆስፒታሉ ሰጥቷል።
‎
‎በዚህም የደም ግፊት፣ የስኳር በሽታ፣ HIV/AIDS፣ የሳንባ ነቀርሳ (TB)፣ የጉበት በሽታ እና የአባላዘር በሽታ (በጾታዊ ግንኙነት የሚተላለፉ በሽታዎች) ምርመራ፣ እንዲሁም የሰውነት ክብደትና ቁመት ልኬት እና ሌሎች ተያያዥ የጤና ምርመራዎች በነፃ ተሰጥተዋል።
‎
‎ይህ ነፃ የጤና ምርመራ አገልግሎት የ2018 ዓ.ም. የክረምት በጎ ፈቃደኝነት አገልግሎት (Summer Volunteer Service) አካል ሲሆን፣ እስከ ነሐሴ 30/2018 ዓ.ም. ድረስ በነፃ እንደሚሰጥ ተገልጿል።
‎
‎ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታል

Tajaajilli Qorannoo Fayyaa Bilisaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Kenname‎‎Hospitaala Barsiisumma...
28/08/2026

Tajaajilli Qorannoo Fayyaa Bilisaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Kenname
‎
‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Hagayya 22/2018
‎
‎Hospitaalli Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa (Summer Volunteer Service) bara 2018 sababeeffachuun, tajaajiloota fayyaa adda addaa kennamaa jiru keessaa tajaajila qorannoo fayyaa garagaraa bilisaa Hospitaalichatti kenneera.
‎
‎Tajaajila kanaanis qorannoo dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraa, HIV/Eedsii, daranyoo sombaa (TB), dhibee tiruu fi dhibee walqunnamtii saalaa daddarbu, akkasumas ulfaatinaa fi dheerina qaamaa madaaluu fi tajaajiloota qorannoo fayyaa biroo bilisaan kennamaniiru.
‎
‎Tajaajilli qorannoo fayyaa bilisaa kun Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa (Summer Volunteer Service) bara 2018 keessatti kennamaa jiru keessaa tokko yoo ta'u, hanga Hagayya 30/2018tti bilisaan kan kennamu ta'uu ibsameera.
‎
‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa

‎Hagayya 14/2018; Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa‎‎Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa Sababeeffachuun De...
20/08/2026

‎Hagayya 14/2018; Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa
‎
‎Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa Sababeeffachuun Deeggarsi Sirreeffamtoota Seeraa Godina Gujii Lixaatiif Kenname
‎********************************************************************
‎Hospitaalli Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa (Summer Voluntary Service) bara 2018 sababeeffachuun Mana Amala Sirreessaa Godina Gujii Lixaa keessatti sirreeffamtoota seeraaf hubannoo fayyaa fi tajaajila qorannoo fayyaa bilisaa kennaa tureera. Itti fufuunis, sirreeffamtoota seeraaf deeggarsi uffataa fi meeshaalee qulqullinaa taasifameera.
‎
‎Deeggarsa taasifameen uffanni, kopheen, meeshaaleen qulqullinaa dubartootaa (moodesii), daayipperii, waapsii, saamunaa qaamaa fi saamunaa uffataa bilisaan kennamaniiru.
‎
‎Sirreeffamtoota seeraaf deeggarsa kana kan taasise ogeessotaa fi hojjattoota Hospitaalichaa akkasumas qaamolee sagantaa Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa keessatti hirmaatan yoo ta'u, Bakka Bu'aa Hogganaa Mana Amala Sirreessaa Godina Gujii Lixaa, Gargaaraa Inispekter Biloo Koonnoo, bakka Mana Amala Sirreessaa Godina Gujii Lixaa bu'uun galata isaanii dhiyeessaniiru.
‎
‎Isaanis, “Tanaan dura yeroo gara garaa dhufuudhaan hubannoo fi tajaajila qorannoo fayyaa nuuf kennuu keessan cinaatti, qabeenya dhuunfaa keessan irraa deeggarsa kana gumaachuu keessaniif galatoomaa,” jechuun galata isaanii ibsaniiru.
‎
‎Saganticharratti Itti Aanaa Pirezidaantii Dhimmoota Akkaadamii, Qorannoo, Ce'umsaa Teeknoloojii fi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan ta'an Dr. Gabayoo Ashaagiree argamuun ogeessota fayyaa fi hojjattoota fayyaa lammiilee isaanii tajaajiluu fi fayyaa isaanii eeguuf kutannoodhaan hojjetan galateeffataniiru.
‎
‎Daayirektarri Inistiitiyuutii Fayyaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Yimer Hoxxeessaa gama isaaniin, “nama gargaaruuf nama ta'uun qofti gahaadha. Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa (Summer Voluntary Service) kana keessatti arjooma dhiigaa, qulqullina naannoo, tajaajila fayyaa fi deeggarsa meeshaalee irratti qooda fudhataa turtan; hunda keessaniif galatoomaa,” jechuun yaada isaanii kennaniiru.
‎
‎Akkasumas, sirreeffamtoota seeraa bakka bu'uun Itti Gaafatamaan Koree Sirreeffamtoota Seeraa, Aagaa Roobee, “Sirreeffamtoonni seeraa har'a as jiran kun yeroo asii ba'anii lammiilee hojii gaarii hojjetan ta'uu danda'u. Yaala fayyaa nuuf kennuu fi deeggarsa meeshaalee kana nuuf gochuu keessaniif galatoomaa,” jechuun galata isaanii ibsaniiru.
‎
‎Deeggarsi kunis, Tajaajila Tola-Ooltummaa Gannaa keessatti hawaasaaf tajaajila fayyaa fi deeggarsa hawaasummaa dhaqqabamaa ta'e kennuuf taasifamaa jiru keessaa tokko ta'uun ibsameera.
‎
‎Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Address

Bule Hora
Bule Hora

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bule Hora University Teaching Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share