mana murtii aanaa collee

mana murtii aanaa collee Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from mana murtii aanaa collee, Government Official, Arsi, Ch'ole.

24/06/2026
19/06/2026

Odeeffannoo
-------------------
(Waxabajjii 12,2018 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Caamsaa 27,2018 Godina Shawaa Lixaa,Aanaa Walmaraatti Abbaa Seeraa Aadde Warqee Fakkansaa fi haadha manaa isaa ajjeesuun ofii isaattis dhukaasee kan ture Aqinaw Baqqalaa Hospitaala Phaawuloositti yaalamaa otoo jiruu guyyaa har'aa kana gamoo hospitaalichaa darbii 3ffaa irraa kutaa itti yaalamaa jiruu foddaa irraan of darbachuun akka of ajjeese mirkaneeffachuun danda'ameera.
Ajjeechaa Aadde Warqee Fakkansaan wal qabatee poolisiin qorannoo gaggeessaa kan ture yammuu ta'u, guyyaa har'aa yaaliii isaa xumuree hospitaalaa baafamuuf qophiin taasifamaa yeroo jirutti foddaa irraan of darbatee akka of ajjeese Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaa irraa odeeffannoo argameen mirkaneeffachuun danda'ameera.
--------------------------------
መረጃ
---------
(ሰኔ 12, 2018 የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ፊንፍኔ) -ግንቦት 27, 2018 በምዕራብ ሸዋ ዞን፣ ወልመራ ወረዳ ዳኛ ወ/ሮ ወርቄ ፈከንሳንና ባለቤቱን ገድሎ እራሱ ላይ በመተኮስ ቆስሎ የነበረዉ አቅነው በቀለ ቅዱስ ጳውሎስ ሆስፒታል በሕክምና ላይ እያለ በዛሬው ቀን ከሆስፒታሉ ሕንፃ 3ኛ ፎቅ ከሕክምና ክፍል በመስኮት እራሱን በመወርወር እራሱን መግደሉ ተረጋግጧል።ከወ/ሮ ወርቄ ፈከንሳ ግድያ ጋር በተያያዘ ፖሊስ ምርመራ እያካሄደ የነበረ ሲሆን በዛሬው ቀን ሕክምናውን ጨርሶ ከሆስፒታሉ ለማውጣት ዝግጅት እየተደረገ ባለበት ጊዜ ከመስኮት እራሱን በመወርወር እራሱን እንደ ገደለ ከሆሎታ ከተማ ፖሊስ መምርያ በተገኘ መረጃ ማረጋገጥ ተችሏል።

04/06/2026

Ajjeefamuu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa,Aadde Warqee Fakkansaa, Ilaachisee Ibsa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Irraa Kenname
-------------------------------------------
(Caamsaa 27,2018 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Guyyaa har'aa Godina Shawaa Lixaa, Mana Murtii Aanaa Walmaraatti abbaan dhimmaa falmii abbaa manaa fi haadha manaa mana murtichaa irraa qabu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa kan ta'an Aadde Warqee Fakkansaa akkasumas haadha manaa isaa kan turanii fi falmii qoodinsa qabeenyaa isa waliin gaggeessaa jiran Aadde Almaaz Makonninitti shugguxii dhukaasuun lubbuun isaanii akka darbu kan taasise yammuu ta'u, ofii isaattis irra deddeebiin dhukaasuun yeroo ammaa kana hospitaalatti kan argamu ta'uun mirkanaa'ee jira. Gochaan kun kan raawwatame yeroo manni murtichaa gamoo haaraa eebbisiisee gamiisaan hojii itti eegalaa jirutti yammuu ta'u, yeroo ammaa kana yakka raawwatameen wal qabatee namoonni dabalataa shakkaman to'atamanii qorannoon gaggeeffamuu eegalee jira. Gochaan suukanneessaan Abbaa Seeraa Aadde Warqee Fakkaansaa irratti raawwatame haala kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi hawaasa manneen murtii fi hawaasa magaalichaa laphee kan cabsedha.Dabalataanis haadha warraa isaa waggoota dheeraaf waliin jiraatanii fi wal himatanii addaan bahan dubartii ulfoo akkaataa kanaan lubbuu dabarsuun heddu kan nama gaddisiisudha. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gochaa suukanneessaa abbaa seeraa Aadde Warqee Fakkansaa irra qaqqabeen gadda itti dhagayame ibsaa, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwa.Gochaa yakka raawwatameen wal qaabatee qorannoowwan gaggeeffamuu eegalanii fi gara fuula duraati gaggeeffamanii seeraan ilaalaman adeemsaan kan ifoomsu ta'uus beeksiseera.

BAGA GEESSAN.
26/05/2026

BAGA GEESSAN.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga Ayyaana  yaadannoo du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuusii isin gahe! Ayyaana gaarii!
12/04/2026

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa baga Ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuusii isin gahe! Ayyaana gaarii!

Manni Murtii Aanaa Collee hordoftoota Amantaa Muslimaa hundaan, Baga  hiikkaa Soomanaa /ramadaanaa/  kan bara 2018 tiin ...
20/03/2026

Manni Murtii Aanaa Collee hordoftoota Amantaa Muslimaa hundaan, Baga hiikkaa Soomanaa /ramadaanaa/ kan bara 2018 tiin isin gahe jechaa ayyaanichi kan nagayaa, kan jaalalaa fi kan tokkummaa isiniif haa ta'u.
IID MUBAARAK !!

17/03/2026
17/03/2026

Address

Arsi
Ch'ole

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when mana murtii aanaa collee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share