24/09/2025
🏃➡️Jechoota xumuraa ergamaan keenya Nabi Muhammad (ﷺ) gorsa isaanii kan xumuraa keessatti dubbatan...
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa: Wal-argaan kiyyaa fi keeessan addunyaa kana osoo hin taane, howdii koo irratti.
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa! Ani hiyyummaa osoo hin taane durummaa isin irratti sodaa dha, akkuma ummanni isiniin duraa duniyaa kana keessatti wal-dorgome wal-dorgomtanii, akkuma isaan balleessite isinis balleessuu (halaakuu) sodaa dha.
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa: Hadaraa salaata, salaata, salaata, salaataa jabeessaa.
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa: Dubartoota keessatti RABBIIN sodaa dhaa. Dubatootaa keeyrii akka yaaddaniif isiniitti dhaamadha.
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa: Gabricha tokko RABBIIN duniyaa kana keessa turuu fi waan Rabbiin bira jiru filachiisee, gabrichi sunis waan Rabbii isaa bira jiru filateera.
RABBIIN isin haa jaalatu, Rabbiin isin haa tiiksu, Rabbiin isinii haa tumsu, Rabbiin gadi isin haa dhaabu, Rabbiin isin haa jabeessu.😭
⚡️𝗬𝗮𝗮 ilmaan Namaa: Nama ummata kiyyarraa na hordofe hundatti salaamata naa qara'aa.
❤️Yaa Ergamaa RABBII ! Dhaamsi isin waggaa 1400 dura dhaamaa turtan hunduu nu bira gahee jira, nutis karaa keessan badhaafamnee isin hordofaa jirra, nageenyi fi rahmanni RABBII iddoo isin jirtanitti isinirra haa jiraatu.
Follow me