Yamalogi Walal Woreda Administration Office

Yamalogi Walal Woreda Administration Office Waajjirri Bulchinsaa Aanaa Yamalogii Walal kan argamu Godina Qellem Wallaggaa Yamalogii Walalitti

Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Paartii Fi Mootummaa Godina Qellem Wallaggaa Kurmaana 1ffaa geggeeffamaa jira.Dambi ...
21/10/2023

Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Paartii Fi Mootummaa Godina Qellem Wallaggaa Kurmaana 1ffaa geggeeffamaa jira.

Dambi Dolloo, Onkoloolessa 10,2016(WKGQW)- Waltajjiin gamaaggama raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Godina Qellem Wallaggaa kurmaana 1ffaan Magaalaa Dambi Dollootti geggeeffamaa jira.

Kayyoon ijoo gamaaggama hojii kanaa karoora xiiqii bara kana qabame milkeessuuf hojii kurmaana 1ffaa keessa hojjetamaa ture hanqinaa fi cimina ture adda baasuun harcaatii mudateef kallattii yeroo itti aanuu kaa'uudha jedhan Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa.

Karoora xiiqii waliigalaa milkeessuuf hojiiwwan hojjetamaa ture, karoora kenname raawwachuuf pooteenshaala Godinichi qabu fayyadamuu irratti haala ture, qindoomina, kurmaanichatti ciminaa fi hanqina waliigalaa hojiiwwan Mootummaa fi paartii irratti argame giddu galeeffachuun gamaggamichi itti fufas jedhaniiru.

Karoora xiiqii milkeessuuf humna xiiqiin hojjechuun badhaadhina milkeessuu qabna jedhan Waajjira paartii badhaadhinaa Damee Godina Qellem Wallaggaatti Itti Gaafatamaan siyaasaa Obbo Kennesaa Shifarraa.

Qaammee 3/2015Hojiiwwan Misoomaa fi Nageenyaa Keenya Hojjechaa Aadaa Wal gargaarsaa Abbootii Keenya irraa dhaalleen Wal ...
08/09/2023

Qaammee 3/2015

Hojiiwwan Misoomaa fi Nageenyaa Keenya Hojjechaa Aadaa Wal gargaarsaa Abbootii Keenya irraa dhaalleen Wal bira dhaabachuun barbachisaa dha jedhan Sekteraaleen qindoominaan Harka Qalleeyyiif deggersa taasisan.

Aanaa Yemaalogii Walalitti Sekteraaleen qindoominaan Harka Qalleeyyiif taasisan.

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaalogii Walalitti Waajjirri Barnootaa, Waajjirri Buusaa Gonofaa , Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii, Waajjirri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa, Waajjirri Bulchiinsaa, Waajjirri Dargaggoo fi Ispoortii qindoominaan
Harka Qalleeyyiif Dabtara Zarzaana 250 Qalama baakkoo 10 fi Uffata namoota 300'f tilmaama qarshii 465000 tti tilmaamamu kennanii jiru.

Mootummaan jijjiiramaa kutannoo fi xiiqii dhaan hojiiwwan fayyadamummaa Hawaasaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu erga jalqabee jijjiramootni hedduun buโ€™aa waliin lakkaaโ€™amuu dandaโ€™eera.

GAMAGGAMA RAAWWII HOJII  ๐๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐ž๐ž 3/2015Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaalogii Walalitti gamaggamni Raawwii hojii mootu...
08/09/2023

GAMAGGAMA RAAWWII HOJII

๐๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐ž๐ž 3/2015

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaalogii Walalitti gamaggamni Raawwii hojii mootummaa fi Paartii Kurmaana 1ffaa ji'a lamaa bara 2016 geggeeffamuu Eegalee jira

Gamaggama kanaan raawwiin hojii Kurmaanaa 1ffaa bara 2016 keessa Hojii hojjetame ilaalamuun ciminaa fi hanqina mulโ€™atee adda bahan irratti akkamiin maqsuun akka dandaโ€™amu irratti mariโ€™achuun kallattiin hojii fuula duraa irratti ni Kennama.

Gamaggama kanaan injifannoowwan ji'oota kana keessa galmaaโ€™an dhandhamachaa gufuuwwan raawwii hojii keessatti nu quunnaman maqsuuf of qopheessuun galmoota karoora bara 2016 fi karoora xiiqii Mootummaa jijjiiramaatiin bara kana qabamee jiru milkeessuun fayyadamummaa Hawaasaatiif hojjechuun murteessaadha jedhameera.

๐‡๐š๐ ๐š๐ฒ๐ฒ๐š 29/2015Godina Qellem Wallaggaa Aaanaa Yemaalogii Walalitti Waltajjiin Fooyyaโ€™iinsa Sirna haqaa Geggeeffame๐‡๐š๐ฐ๐š๐š๐ฌ...
04/09/2023

๐‡๐š๐ ๐š๐ฒ๐ฒ๐š 29/2015

Godina Qellem Wallaggaa Aaanaa Yemaalogii Walalitti Waltajjiin Fooyyaโ€™iinsa Sirna haqaa Geggeeffame

๐‡๐š๐ฐ๐š๐š๐ฌ๐š ๐ƒ๐ข๐ข๐ง๐š๐ ๐๐ž๐ž ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š ๐๐š๐›๐ฎ ๐”๐ฎ๐ฆ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐’๐ข๐ซ๐ง๐š ๐‡๐š๐ช๐š๐š ๐‚๐ข๐ฆ๐š๐š ๐ˆ๐ฃ๐š๐š๐ซ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐š๐ซ๐›๐š๐š๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐š๐š๐๐ก๐š.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Yemaalogii Walal Obbo ๐Š๐š๐š๐ฌ๐š๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐‡๐š๐š๐ฒ๐ข๐ฅ๐ฎ๐ฎ Waltajjicha irratti argamuun Barbaachisummaa sagantichaa akka ibsanitti qaamoleen sirna haqaa kaayyoo galma dhaabbataniif galmaan gahuuf hojii fi aangoo mataa isaanii yoo qabaatanis, galmi waloo isaanii Aanichaa keessatti olaantummaan seeraa mirkanaaโ€™ee nagaa fi nageenyi amansiisaa fi itti fufiinsa qabu lafa qabatee haqni guutuu taโ€™e Hawaasa keenya biratti akka mirkanaaโ€™u gochuun murteessaadha jedhaniiru.

Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Yemaalogii Walal ๐€๐›๐›๐š๐š ๐’๐ž๐ž๐ซ๐š๐š ๐†๐š๐š๐ซ๐จ๐ฆ๐š๐š ๐“๐š๐ฌ๐Ÿ๐š๐š Haqummaan bakka hin jirretti diinagdee cimaa ijaaruun waan hin dandaโ€™amneef Akka Aanaa fi Magaalaa keenyaatti hawaasa diingdee cimaa qabu uumuuf sirna haqaa cimaa ijaaruu qabna jechuun, haala haqni ittiin sirna taโ€™ee hawaasa hunda bira gahuu qabu irratti qaamni hundi qindoominaan hojjechuu qaba jedhaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Yemaalogii ๐–๐š๐ฅ๐š๐ฅ ๐€๐›๐›๐š๐š ๐€๐ฅ๐š๐ง๐ ๐š๐š ๐ƒ๐š๐ฆ๐ข๐ฌ๐ž๐ž ๐๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ฎ๐ฎ ๐—๐ข๐ข๐ง๐ฑ๐š๐ฅ๐š ๐‘๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ข Hojii ๐ช๐š๐š๐ฆ๐จ๐ฅ๐ž๐ž ๐ก๐š๐ช๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐š 2015 Sekteraalee Haqaa Aan๐ขchaa dhiyeessaniin Dhaloota safuu fi naamusa gaarii qabaatee biyyaa fi hawaasa isa haqaan tajaajilu uumuun nagaaf nageenyi biyyattii iddootti deebiโ€™uun hawaasni keenya haqa guutuu akka argataniif qooda fudhattootni kun gahee olaanaa qabu jedhaniiru.

31/08/2023


Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Naannoo Oromiyaatti Barachuu Barbaaddan Hundaaf.
-----------------
Barattootni Naannoo Oromiyaafi Barattootni Bul. Magaalaa Finfinnee Manneen Barnootaa Afaan Oromootiin Barsiisan Hundi irratti hirmaachuu(dorgomuu) danda'an beeksisa galmee Barattootaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaafi Manneen Barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa bara 2016 galanii barachuu danda'an filachuuf baheedha.

Barattoonnii Bara 2015tti kutaa 8ffaatii gara kutaa 9ffaatti darban kan Naannoo Oromiyaafi Bul.Magaalaa Fininnee Afaan Oromoon baratan ulaagaa galmeefi guyyaa galmee armaan gaditti akkaataa taa'een kan galmooftan ta'a

Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Waldaan Misooma Oromiyaa waliin qindoomuun Manneen Barnootaa Bultii Addaa (MBBA) Amboo, Beddellee, Bishooftuu, Dodolaa, Haramayaa, Najjoo, Negelleefi Yaabelloo) irratti barattoota kutaa 8ffaa bara 2015 qormaata naannoo fudhatanii gara kutaa 9ffaatti darban kan Naannoo Oromiyaafi Manneen Barnootaa Afaan Oromoo Magaalaa Finfinnee keessaa kanneen ulaagaa armaan gadii guutan waldorgomsiisee filachuun barsiisuu barbaada.
Haaluma Kanaan Barattoonni Ulaagaa Galnee Armaan Gadii Taa'een;

Galmee:
Qormaata naannoo kutaa 8ffaatiin qabxiin giddugaleessaa (Average) dhiiraaf 83%fi isaa ol, Shamarraniif 80%fi isaa ol kan qaban;
Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 85%fi isaa ol, Shamarraniif 75%fi isaa ol;
Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan Ingilizii fi Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 75%fi isaa ol, akkasumas Shamarraniif 70% fi isaa ol kanneen qaban.

Horsiisee Bulaaf-
Qabxii G/Galeessaa Qormaata kutaa 8ffaa Dhi- %80 Dub- %77
Tiraaniskiriiptii kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiiraaf 85%fi isaa ol, Shamarraniif 75%fi isaa ol;
Tiraaniskiriiptii gosa barnootaa Afaan Ingilizii fi Herregni qofaatti shallagamee kan kutaa 7ffaa fi 8ffaa giddugaleessaan dhiira

Malaammaltummaan Gufuu Guddina Biyyaa Waan ta'eef Hojjetaan Mootummaa Malaammaltummaa Lagachuun Hawaasa isaa haqaan taja...
30/08/2023

Malaammaltummaan Gufuu Guddina Biyyaa Waan ta'eef Hojjetaan Mootummaa Malaammaltummaa Lagachuun Hawaasa isaa haqaan tajaajiluu qaba jedhame.

Hagayya 24/2015

Godin Qellem Wallaggaa Aanaa Yemaalogii Walalitti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Yemaalogii Walal Yakkoota Malaammaltummaa irratti Hooggansaa fi Hojjetoota Mootummaa hundaaf Hubannoo kennee jira.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Yemaalogii Walal Obbo Kaasahuun Haayiluu gama isaaniitiin hubannoo ittisaa fi farra malaamaltummaa irratti akkasumas, hojimaata badaa ittisuu irratti qabsaa'uun kenna tajaajilaa abbaa dhimmaa foyyeessuun gahee keenya bahuun barbaachisaa ta'uu erga ibsanii booddee hojjetaan mootummaa tokko Mana hojii mootummaa keessatti bifa wal fakkaataan itti gaafatamummaa itti kenname karaa hojimaata isaa eeggateen tajaajila isa irraa eegamu saffisaa fi kalaqaan deggeruun murteessadha jedhan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Yemaalogii Walal Obbo Damusee Baayyuu akka jedhanitti malaammaltummaa balaaleffachuun dhaloota safuu fi naamusa gaarii qabaatee Biyyaa fi Hawaasa isaa haqaan tajaajiluu Abbaa dhimmaa deddeebisuu dhiisuun imaanaa Uummatni fi Mootumman itti kenne galmaan gahuuf ariitii, qulqullinaan hojjechuun barbaachisaa dha.

Abbaa Alangaa Aanaa Yemaalogii Walal Obbo Abdii Baqqalaa Xumura irratti malaammaltummaan kaansarii misoomaa fi nageenya biyyaa ta'uun qabeenya mootummaa fi ummataa karaa hin malleen miidhaa waan jiruuf qindoomina cimaan saaxilamuu akka qabu kaasuun kana dhugoomsuuf immoo leenjifamtoota irraa kutannoo cimaatu eegama jedhaniiru.

30/08/2023

Ol'aantummaa Seeraa Wal qixxummaa fi Bilisummaa Lammiileetiif!
---------------------
Lammiileen wal qixxummaa fi bilisummaa goonfatanii biyya isaanii keessa nagaa fi gammachuudhaan jiraachuu kan dandaโ€™an olโ€™aantummaan seeraa sadarkaa hundatti mirkanaahuu yoo dandaโ€™e qofadha. Olโ€™aantummaan seeraa nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan gamatti sochiilee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyya tokkoo dhugoomsuu keessatti iddoo guddaa qaba.

Paartiin Badhaadhinaa faayidaa kabajamuun olโ€™aantummaa seeraa biyyaa fi lammiileedhaaf qabu qixaan hubachuudhaan kana dhugoomsuuf xiyyeeffannaa kennee hojjataa kan jiru yemmuu taโ€™u, biyya misoomtee fi badhaadhina goonfatte dhalootaa dhalootatti dabarsuun kan dandaโ€™amu nageenyi fi olโ€™aantummaan seeraa kabajamuu yoo dandaโ€™edha jedhee amana. Kanaafis qabeenya hawaasummaa keenya fayyadamuu fi duudhaalee qabnu gabbisuudhaan dhimmoota nageenyaa fi kabajamuu olโ€™aantummaa seeraatiif qormaata taโ€™an dhabamsiisaa adeemuun barbaachisaadha.

Biyya olโ€™aantummaan seeraa hin kabajamne keessatti nageenyaa fi misoomaa mirkaneessuu akkasumas wal qixxummaa fi bilisummaa lammiilee dhugoomsuun hin dandaโ€™amu. Kanaafuu lammiin biyyattii hunduu nageenyi fi kabajamuun olโ€™aantummaa seeraa buโ€™uura jireenyaa taโ€™uu hubachuudhaan qaamolee nageenya biyyaa booressuuf dhamaโ€™an saaxiluu fi dura dhaabbachuun gamatti olโ€™aantummaan seeraa sadarkaa hundatti mirkanaahee biyya gara badhaadhinaatti akka tarkaanfattuuf gahee itti fufiinsa qabu bahachuun murteessaadha.

Gareen โ€œBRICSโ€ Miseensummaa Itoophiyaa Mirkaneessuun Imala Injifannoo Gama Dippilomaasiin Jiru Kan Mulโ€™isedha-----------...
25/08/2023

Gareen โ€œBRICSโ€ Miseensummaa Itoophiyaa Mirkaneessuun Imala Injifannoo Gama Dippilomaasiin Jiru Kan Mulโ€™isedha
--------------

Imaammanni Haajaa Alaa agarsiiftuu imaammata biyya keessaati. Itoophiyaan imaammata, tarsimoofi sagantaa siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyya keessaa baafachuudhaan Itoophiyaa fakkii badhaadhina Afrikaa taasisuuf ergama karoorfateen milkaaโ€™aa jirti. Kanaanis diinagdee waligalaatiin biyya diinagdee guddaa Arfiikaa irraa 5ffaafi baha Afriikaa irraa ammoo 1ffaa taatee jirti. Imala kana caalmaan milkeessuufis wabii nyaataa mirkaneesuu bira darbuun oomishaalee al-ergee guddisuuf hojjechaa jirti.

Gama hariiroo alaatiinis imaammata haajaa alaa dantaa Itoophiyaa eegsisuu, kabaja lammiileefi birmadummaa biyyaa mirkaneessuu danda'u bocuun biyyoota ollaa hanga fagootti michummaa gaarii uummachuun injifannoowwan jajjaboo galmeessisuu irratti argamti. Biyyoota ollaafi fagoo waliin hariiroo waltumsaa michummaa gaarii kan bu'uureffate dippiloomaasiin Itoophiyaa biyyi keenya fakkeenya dippiloomaasii Afrikaa akka taatu taasisee jira; rakkoo keessatti michoota hedduu akka horattus dandeessisee jira.

Milkaa'inni dippilomaasii Itoophiyaa kun itti fufuun guyyaa har'aas miseensummaa Garee argachuun injifannoo biraa gonfattee jirti. Gareen BRICS hammattoo ykn tumsa Kibbaafi Kibbaa jedhamu jalatti biyyoota akka Biraazil, Raashiyaa, Hindi, Chaayinaafi Afrikaa Kibbaan kan hundaa'e yoo ta'u Itoophiyaa dabalatee biyyoota akka Giptsi, Iraan, Gamtaa Imireetota Arabaa, Sawudi Arabiyaafi Arjentiinaa gara miseensummaatti makuun mirkaneesseera.

Kun biyya keenya Itoophiyaaf injifannoo guddaa yoo ta'u uummataafi michuuwwan Itoophiyaaf gammachuu guddaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas uummata naannoofi biyya keenyaatiin baga gammaddan jechuun injifannoon keessaafi alatti waloon argame cimee akka itti fufu dhaama.

Address

Tejo Walal
Dembi Dolo

Telephone

+251946261539

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yamalogi Walal Woreda Administration Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share