07/08/2026
Hagayya 01,2018 (Diinshoo)
Mariin Dhimma Ittisaa fi Too'annoo Ragaa Sobaa Irratti Geggeeffame.
=========================
Manni Murtii Aanaa Diinshoo qaamolee qooda fudhattootaa fi hawaasa waliin Dhimma Ittisaa fi Too'annoo Ragaa Sobaa Irratti marii bal'aa geggeessee jira.
Barreeffama marichaaf ta'u maalummaa, gosootaa fi miidhaa ragaan sobaa hawaasa irraan gahu karaa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Diinshoo obboo Shubbisaa Kadiiriin dhiyaatee Jira.
Dhuma Irratti Kabajamoo Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Diinshoo obboo Sintaayyoo Dachaasaa fi Qaadii Mana Murtii Shari'aa Aanaa Diinshoo Sh/Muhammad Ibraahim waliin ta'uun kan mariisisan yoo ta'u, marichi yaadaan gabbatee sagantichi xumurameera.
.