14/05/2026
Obbo Leencoo Lataa bara hoggansa isaa fi yeroo inni miseensummaa qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessa ture wantoonni hedduun bifa “Dogoggoroota fi “Akka feetanitti ” raawwatamanii darbaniiru. 1] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen wareegamu. 2] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen achi buuteen dhabamu.
3. Bara Chaartaraa keessaa bahuu. 4] . Osoo hoggansi fi miseensi ABO barbaadamaa jiruu gara biyyaatti dhufuu fi kkf. Mee tokko tokkoon isaanii haa ilaallu; gaaffiilee armaan gadii kana Obbo Leencoo haa gaafannu. 1] . Miseensi (hoggansi) waraanaa sababa hin beekkamneen achi buuteen dhabamu; Obbo Leencoon yeroo sana qabsoo ummata Oromoo gaggeessaa ture. Miseensonni fi hoggantoonni hanga ammaatti achi buuteen dhabamanii ummata Oromoof hiibboo ta’anii hafan hedduun jiru. Sabni kun yeroo hunda gaafata. Akk*ma dhimma wareegamtootaa oromoo irratti yaadni garaagaraa ka’u, warra dhabaman irrattiis yaadni adda addaa ka’aa har’a gaheera. Garuu sabni Oromoo ammas karaa gubbaatti isaan eeggataa jira. “Jiru” jedhamee ifatti hin himamne; “du’an” jedhamees sabni hirmii isaanii hin baafanne. Kanaaf hanga ammaatti gaaffii keessaa of gaafataa fi wal gaafataa jiraata. Jaallan dhabaman keessaa yeroo baay’ee maqaan isaanii ka’u keessaa Nadhii Gammadaa fi Baqqalaa Dawaanoo keessaa muraasa. Nadhii Gammadaa waltajjiif dirqaama itti kenname qabatee osoo deemuu achi buuteen dhabame. Baqqalaa Dawaanoo immoo Aanaa Dodolaa keessatti tursiifamee gara Baaleetti geeffamee booda achi buuteen dhabame jedhama. Mee gaaffii isaanii fi isaanii fakkaatan irratti waan muraasa Obbo Leencoo haa gaafannu. A] . Jaal Nadhii Gammadaa lubbuun jiraa? Yoo jiraate eessa jira? Yoo wareegame ta’e bara kamitti wareegame? Eessatti wareegame? Eenyuun wareegame? Akkasumas warra isaanii fakkaatan hundaaf deebii ifaa nuuf haa kennu. B] . Yoo akk*ma sabni dhabe innis isaanii wajjin dhabe ta’e, qaamni shakkamu yoo jiraate maaliif sabaaf ifatti hin eeramne? Akka barbaadamu maaliif hin taasifamne? C] . Yoo wareegamanii ta’e, sabni isaanii akka gadda isaanii baafatu maaliif hin himamne? Yoo jiraatan maaliif ifatti hin ibsamne? Yoo wanti shakkisiisu jiraate sabni akka barbaaduuf maaliif eeruun hin kennamne? Maaliif bara dheeraaf dimimmisa keessa saba kana jiraachisan? Itti aanaa Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo( ABO), hayyuu fi ogeessi akka Mul'isi Gadaa eessaa bu’e? Isin waliin ture miti?
2. Bara Chaartaraa keessaa bahuu; Akk*ma beekamu, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bara 1991 mootummaa cee’umsaa keessaa bahee jireenya baqatummaa keessa seene. Erga ABO mootummaa cee’umsaa keessaa bahee booda miseensota, hoggantoota fi ummata Oromoo bal’aaf rakkoon guddaan mudate. Obboo leencoon ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa bahuun miseensota isaa fi ummata Oromoo waraabeessa TPLF jala dhiisee baqate. Maqaa ABOtiin Oromoonni hedduun wareegaman; hedduun hidhaman; hedduun achi buuteen badan.
Kanaaf gaaffii muraasa afaan sabaan haa gaafannu. A]. Obbo Leencoon mootummaa cee’umsaa keessatti teessoo pireezidaantummaa mootummaa naannoo Oromiyaa maaliif dide? Maaliif “itti hin qophoofne” jedhe? Yoo itti hin qophoofne ta’e, Oromiyaa bulchuuf akkamitti mootummaa cee’umsaa keessatti hirmaachuuf deemame? B]. ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa guutummaatti maaliif bahe? Maaliif biyya gad dhiisee baqatummaa keessa seene?
B. ABOn mootummaa cee’umsaa keessaa bahuu hordofee waraanni ABO k*maatamaan lakkaa’amu lafarraa dhumeera. Tilmaama waraanaa k*maa soddomaatu( 30,000) dhumee. Obboo leencoo Gulalleetti waraanni ABO akkamitti dhumee? Harargeetti hoo maaltu ta’e? Mooraa Dirree Dhawaa keessatti waraanni ABO akkamitti barbadaa’e? Shira eenyuutiin ta’e? 4] . Osoo hoggansi fi miseensi ABO barbaadamaa jiranii gara biyyaatti dhufuu Obbo Leencoo Lataa Akk*ma beekamu, erga ABOn biyya keessaa bahee booda Obbo Leencoo Lataan gara biyyaatti deebi’anii Meles Zenawi waliin wal arganii turaniiru. Obbo Leencoonis yeroo adda addaatti biyya dhufuu isaanii ni amanu. garuu maaliif akka dhufan yeroo hedduu gaafatamanii deebii ifaa kennuu irraa of qusatan. Sagantaa tokko irratti Kadiiroo Elemoo dhimma kana kaasuun gaaffii gaafatee ture. Kadiiroon akkas jedhee gaafate: “Kana dura biyya dhuftanii turtan; Mallas Zenawii waliin wal argitan jedhama. Maaliif dhuftan?” Obbo Leencoonis, “Eeyyee, dhufeera; waan dhufeef Mallas gaafadhu,” jechuun deebii dheekkamsaa fakkaatu kenne.
Kana irratti gaaffiin ka’u:
A] . Yeroo mootummaa Wayyaanee keessatti hoggansi fi miseensonni ABO adamsamaa turanitti, Obbo Leencoon akkamitti gara Mallas biraa dhufe? Maaliif dhufe? Maal irratti mari’atanii deeman? Ajjeechaa Baadhoo Dachaasaa fi Baaroo Tumsaa akka Ulaa qabsoo oromoo danqeeti fayyadamuun Oromoo gidduutti wal-shakkiin akka uumamu gochuun waggoota 40'n darbaan fi yeroo hedduu kaasuun maalif barbaachisaa? Baaroonii fi Badhoon Oromoota bilisoomsuuf qabsoo cunqursaa, mootummaa abbaa irree of irraa buqqisuuf, sirna hacuuccaa fi hiyyummaa keessaa Oromoo keessa galche ofirraa darbachuuf qawwee kaasanii bosona seenan. Badhoon daggala kana seene Baaroo ajjeesuuf osoo hin taane, kaayyoo bilisummaa Oromoof ture. Kana hubachuun maalif dadhabe seenaa Baadhoo Dachaasaa ukkamsuun barbaachisee? Mee afaan leencoo irraa guyyaa tokko waa'ee Baadhoo dhaga'amee beekaa? Utuu taheeyyuu Wanti isaanii gidduutti ta’e dogoggora siyaasaa yookaan walii-galtee dhabuu irraa yoo ta’es, har’a Oromoo walitti buusuufi kufu qabsoo oromoo danqee jedhamee ololuu hin qabu. Kaayyoon isaanii tokko. Mul'ataa fi galmi isaanii keessatti yaadachuu fi kabajuutu irra jiraata malee du’a isaanii irratti wal shakkuu fi wal qooduun furmaata hin ta'u ture. Badhoo Dachaasaan “maraateera” jechuun bifa arrabsuu fakkaati. Namni qabsoo sabaaf hidhatee mana bahee maraachuun utuu dhugumaa taheyyuu Baadhoo goota sana maraataa jechuun jaala qabsoo kee irraa ni eegamaa?
Har'a nama meeqatu wareegamaa Haacaaluu Hundeessan wal qabatee maraatee. Oromoon nama maraatee tokko maraataa jedhe miidiyaa irraatti hin dubbatu. Baadhoo salphisuun seenaa qabsaa’otaa xureessa. Namoonni akka obboo Leencoo lataa dantaa siyaasaa dhuunfaa isaanii giddugaleessa godhatan yeroo hedduuf imaanaa saba galmaan ni gahuu jedhaani jalqabummaa irraa kaasee oromoo eeguun hin qabu turre. seenaa goototaa fi qabsaa’otaa xureessuun yakkaa guddaadha. Gaaffiileen armaan olii deebii akka argatan Obbo Leencoo Lataa biraan gahuun barbaachisaadha. Dhimmonni kunneen seenaa qabsoo Oromoo, mootummaa cee’umsaa, mootummaa keessaa bahuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), akkasumas dhimma miseensotaa fi hoggantoota achi buuteen dhabamanii fi wareegamanii waliin wal qabatan waan ta’aniif deebii ifaa fi haqaa qabu argachuun dirqama ta’a jedheen yaada.Deebii dhugaa fi iftoomina qabu saba Oromoof kennuun dirqaama. Mee
barreeffama kana Obbo Leencoo Lataa biraan nuuf gahaa.