Sagalee Saba Oromoo

Sagalee Saba Oromoo Falmataa Abbaa Biyyummaa Oromooti�

😍
04/07/2026

😍

Ijoollee Taaddee siifan du'aa yoo barbaaddee😍!
02/07/2026

Ijoollee Taaddee siifan du'aa yoo barbaaddee😍!

Guyyaa har'aa!Salaalee Aanaa Kuyyuu Ganda Dubbannaa Agalootti Waraanni Maafiyaa PP mana jireenyaa Uummata gandicha sabab...
23/06/2026

Guyyaa har'aa!

Salaalee Aanaa Kuyyuu Ganda Dubbannaa Agalootti Waraanni Maafiyaa PP mana jireenyaa Uummata gandicha sababa ilmaan keessantu WBO keessa jira jedhuun barbadeessite,
1. Mana Obbo Girmaa Leenjisoo mana qorqoorroo 2 fi Citaa 1 Meeshaa mana keessa guutuu waliin
2. Mana Obbo Dabalee Damissee mana citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin
3. Mana Obbo Tolasaa Dabalee mana Qorqoorroo 1 fi citaa 2 meeshaa manaa guutuu waliin
4. Mana Obbo Ijaaraa Addunnaa qorqoorroo 1 fi citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin
5. Mana Obbo Badhaasaa Nuuree citaa 1 meeshaa mana keessaa guutuu waliin
6. Mana Obbo Dhugaasaa Waaqtolaa qorqoorroo 1 meeshaa mana keessaa guutuu waliin
7. Mana Aadde Abarruu Gammachuu qorqoorroo tokko meeshaa mana keessaa guutuu waliin
8. Mana Obbo Yaazoo Tafarii qorqoorroo 1 meeshaa mana keessaa guutu waliin
9. Mana Obbo Dachaasaa Tilinti qorqoorroo 1 fi Citaa 1 meeshaa manaa guutuu waliin abidda itti qabsiisuun yoo gubdu,
Obbo Taaddasaa Barii fi
Aadde Tolashii Taaddasaa ammoo fuutee mana hidhaa Impaayerasheetti galchiteerti.

✓Yaa Oromoo yoo dammaqxee qofaa beeki kan gidiraa kanaa of irraa urgufachuu dandeessu!💔

Jaal Mooyii Tufaa leenca baddaa Oromiyaa😼
18/06/2026

Jaal Mooyii Tufaa leenca baddaa Oromiyaa😼

❤️💚❤
15/06/2026

❤️💚❤

07/06/2026

Gaaddisa sabaa😾

😁
01/06/2026

😁

(Mullis Gadaa) 🤍🦁 Seenaan Goota dhiiga fi lafee hamma lubbuu Sabaaf kennee.Yoomiyyuu dhalootaan barreeffamee leellifama!...
24/05/2026

(Mullis Gadaa) 🤍🦁

Seenaan Goota dhiiga fi lafee hamma lubbuu Sabaaf kennee.Yoomiyyuu dhalootaan barreeffamee leellifama! Onnee sabaa keessa jiraata! Isaan keessaa tokko goota seenaan yoomiyyuu hin dagannee fi bu'uuressitoota ABO fi Qeerroo ganamaa keessaa tokkofi hangafaa kan ta'e Mullis Gadaati!

(Mullis Gadaa) Adam Tukaalee Dhalootaan: Baha Harargee, Ciinaaksan yoo tahu, Gootummaan isaa fakkeenya hin qabdu: Qabsoo Oromoo bifa ammayyaatiin ijaaruu keessatti nama shoora guddaa qabu yoo janne isattin xiqqaatu!.

“Qeerroo Ganamaa" keessaa isa tokko. Qabsoo Jaarraa Abbaa Gadaa fi gootota biroo waliin ta'uun bu'uura WBO warra lafa kaaye. Gaarreen Carcar irraa kaasee hanga biyya Somaaliyaatti dadhabbi tokko malee qabsoo-loltummaa mootummaa abbaa irree waliin gochuun qabsaa'aa ture. Gootaa dhiiga isaatiin seenaa tattaraaree, gungumee dhukkaasee, diinaaf osoon jilbiifatin, harkan kennin wareegame!

Seenaan kee dhalootaan dhalatetti darba! Kaleessa inni nuuf kufee, nuti har’a mataa ol qabanee Eenyummaa keenyaan boonnee deemaa jirra! Aarsaa fi Dadhabbiin copha dhiigaa gootaa lafan badu Odaa biqilcha malee! Rahamullaa 🤍🙏

Mullis Gadaa seenaa Oromoo fi Qeerroo Ganamaa keessatti kan hin dagatamne, our Hero! Galatoomi jennaan!

19/05/2026

HNN:Seenaa Jaal Badhoo Dachaas!
Itti gaafatamaa Koree Siyaasaa ABO kan jalqabaa Badhoo Dachaasaa/Dammaksaa/.
------------------------
Badhoo Dachaasaa qabsaawota Oromoo kanneen jiddu-gala biyyaatii bosona Harargeetti ABO'tti dabalame keeysaa nama jalqabaati. Badhoon nama joollummaarraa sabboonummaa fi gootummaa qabu. Osoo ABO'tti hin dabalamin duraas nama sabboonaa bifa adda addaatiin Oromoo dammaksaa ture.

Badhoo Dachaasaa dandeeytii nama dammaksuu tanaan Dhaaba keeysatti Dammaksaa jechuun moggaasaniif. Badhoon gaafa Baaroo Tumsaatii fi Leencoo Lataa faan ABO'tti dabalamuuf gara bosona Harargee imalan nama miseensa Koree jidduu tahuun isaan qeebalee hubannoo kaayoo dhaabaa laateef keeysaa nama tokko ture. Warri bosona dura gaafa isaan Kora Sabaa Saaqata'tti gaggeeyfatan itti dabalame, Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaatii fi Abbaa Biyyaa Roobaa ti.

Haatahuu malee kaayoon miseensonni haarayni qabatee bosona dhaqe Badhoof ifa hin turre. Badhoon nama Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin gobeelletti ABO gad-dhaabe waan tureef miseensota haaraya kanaas akk*ma Jaarraa Abbaa Gadaatii fi Mul'is Gadaatti laaluu ture.

Garuu adeemsi jaraa kan jaallan isaarraa adda itti taheeti amala isaa gaarii san jijjiirsise. Kuniis jara booda dhufe kana jifachuu fi akka nama quurrama irraa qabuutti fuula itti jijjiruudha. Akka waahellan isaa himanitti Yeroo takka takka amala alaan-alaatiis ni fidate ja'an.

Guyyaa boodaa mufiin keeysoo tan Badhoo Dachaasaa mataa hara-baafata dhoorkite rasaa*satti jijjiiramteeti Baaroo Tumsaatti dhukaasee galaafachuu, Leencoo Lataa arihuu fi mataa lunbuu isaa balleeysutti jijjiramte. Akkaan qabsaawota buleeyyii Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa faa wajjiin turan irraa odeeyfadhetti dubbiin tun wal-muudinsa magaalaa Finfinnee sanirraa dhalatte.

Kuniis namoonni boodarra bosona gobeellee dhaqee qabsotti dabalame kun Finfinnee keeysatti nuutu ABO hoggana je'ee wal-muudee gobeelletti Jaarraa Abbaa Gadaa faa bira dhaqe. Isaan keeysaa Leencoo Lataatii fi obboleeysi isaa Abbaa Caalaa Lataa faan warra boodarra bara 1978 keeysa Harargee dgaqee ABO'tti dabalame. Hoggaa bosona dhaqan dhaabni hoggansa Koree guutuu qabu tahe.

Haaluma kanaa,

1. Jaarraa Abbaa Gadaa, hogganaa Dhaabaa
2. Mul'is Gadaa, itti Aanaa hogganaa Dhaabaa..
3. Badhoo Dachaasaa, hogganaa Koree Siyaasaa
4. Bookhee Haraa / Abdujaliil Abdallaa, Barreeysaa..
5. Moggaasaa Baatii / Baatee/, hogganaa Geejjibaa fi Diinagdee
6, Bobbaasaa Dhaabaa, Hogganaa waraanaa tahanhii koree qindeeyfachuu fi
Akkasumaas qoondaalota dhaabaatii fi hoggantoota waraanaa tan Kora ABO'n jalqaba Saaqata'tti gaggeeyfateen dhaaba hogganaa turan.

Dhaabni Caasaa guutuu qabaachuun namoota Finfinnetti wal-muudee ABO'tti dabalame kana karaa itti cufteeti qaawa tokkollee dhoirkite. dubbiiin akka isaan barbaadan tahuu dhabnaan dhaaba keeysatti jeequmsa kaasuuf dirqaman. Haala kanaan qabsaawonni buleeyyiin Jaarraa Abbaa Gadaa wajjiin turan naa himanii turan. Jeequmsa kaasuu qofa osoo hin tahin dhaaba keeysa taa'anii qabsaawota keeysaa namoota akka Bobbaasaa Dhaabaa kan duraan biyya keeysatti hariiroo waliin qaban jaarrachuun irratti hojjatan.

Hoggaa Shira dhaaba keeysatti dhalate kanaan Badhoo Dachaasaatii fi Baaroo Tumsaa wareegaman warri lubbuun hafe kaayoo isaanii galmaan gayuuf Jaarraa Abbaa Gadaa Baaroo Tumsaa ajjeese ja'aniiti hoggantoota Waraanaatii fi waraana keeysa olola facaasuu eegalan. Hawaasa isaanitti dhiyaatullee olola dharaa kanaan gurra duuchan.

Dubbiin as qofatti hin dhaabbanne. Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa kan daadarkaa bara dheeraa booda ABO gad-dhaabellee lubbuu balleeysuuf haala-duree fixatan. Dubbiin tun hoggantummaa qabsoo riphee lolaa karaa nagayaatiin dhabnaan bifa fonqolchaatiin fudhachuudha. Tun tan firraa maganfatani.

Warri maqa-balleeysummaan kaayoo ofii gurgurachaa ture Eega du'a Baaroo Tumsaa akka Jaarraan harka keeysaa hin qabne addaan hawaasni addaan baafate, miseensa sammuun miidhamaatu Baaroo Tumsaa ajjeese ja'aniiti olola biraa uuman. Badhoo Dachaasaa jechuu isaaniiti.

Garuu Badhoo Dachaasaa fayyaa sammuu guutuu qabaachuu bira dabree nama sabboonummaa fi gahumsa siyaasaa qaceellotti qabaachuun hogganaa Siyaasaa ABO tahee filame. Hogganaa Koree Siyaasaa tahee filamuun isaa osoo Leencoo Lataa faan ABO'tti hin dabalamin dura. An warruma Badhoon miidhama sammuu qaba jedhu saniin sammuu isaanii fayyaa tahuu shakka. Dhara kanaatu bara dheeraaf bishingaa facaaffannu gobeensatti nu harkaa jijjiiree, bilisummaa hawwinu dharraa bahuu nu dhoorkee ture. Qeeyroo k*m lama alla-magan.

Yoo Wareegama Baaroo Tumsaatii fi Badhoo Dachaasaa baruu barbaaddan Kitaaba Seenaa Sooreysa Jaarraa Abbaa Gadaa dubbisaa. Dhara haarayatti Kitaabaan as baate addaan baafachuuf isin gargaara je'eeti.

Badhoo Dachaasaa beekaa dhara hin qabnee fi goota seenaan hin daganne.

Jemal Ahmed
Oct. 5, 2025

Address

Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Saba Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share