17/08/2026
gara Oomishtummaatti, Kadhaarraa gara Of Dandaโuutti !
****
Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaa Gandaa Jaalalaatti Facaa Qamadii Jallisii guyyaa arraa bakka Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa Kabajamoo Aadde Ekram Taha , Itti Gaafatamaa Siyaasaa Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Obbo Fekadu Mellion , Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa Obbo Bushra Adem Yusuf , Bulchaan Aanichaa Obbo Michael Ahmed fi Hoggansii Aanichaa argamanitti Facaa Qamadii Jallisii eegalchiifamee jira.
Aanichaatti jallisii kilaastara Qamadii sanyii filatamaa facaasuuf qophiin eegalame kana milkeessuuf sanyii dhiyeessuurraa kaasee deeggarsiwwan garaagaraa taasifamuu qabuu hundaa kan taasifamuu ta'uus eerameera.