28/08/2026
Irra Bituu Dhiisuu, Itti Gurguruu Dhiisuu
Dingaddee alagaa kuffisuuf tarkaanfiin tokko irraa bituu dhiisuu fi itti gurguruu dhiisuu dha.
Waan inni oomishu irraa bituu yoo dhiisne, gabaa isaa ni dadhabsiifna.
Oomisha keenya immoo wal jajjabeessinee wal irraa bituu fi walitti gurguruu yoo jalqabne, humna dinagdee keenya ni cimsina.
Kanaaf, qarshii keenya eenyuuf akka kenninu beekuun dirqama.
Irraa bituu dhiisuu jechuun jibba namaa miti;
humna dinagdee keenya gara ofii keenyaatti deebisuu dha.
Itti gurguruu dhiisuu jechuun nama miidhuu miti;
gabaa fi dinagdee ofii keenya cimsachuuf murtoo fudhachuu dha.
Tokkummaa siyaasaa qofa osoo hin taane, tokkummaa dinagdee ijaaru.
Irraa bituu dhiisuu, itti gurguruu dhiisuu — humna dinagdee keenyaa haa cimsannu!
Qabsoon qawwee qofaan hin geggeefamu. magalaa keessa alagaa irraa bita, badiyyaa keessaa ammoo nu ajjeese jechuurraa loojistiikin isa magalaa keessaa jiru hangam sitti bareedes,hangaam sitti minya'ees alagaa irra hin fayyadamiin ,isaas hin fayyadin.
Dachee oromoo irraatti of ijaaraani, qabeenyumaa oromoon deebisaani oromoo cabsaan!
yoo oromoon irra hin bitin ittu hin gurguriin homaa gochuu hin dandessuu. Garuu hangaa ishe dingaddeen utubaa jirtuutti duulli ati irratti gootu hin milka'uu. Akka oromooti mee afaan qofaan miti gochaan alagaa lagaadhu.