OFWE Wollega Branch

OFWE Wollega Branch No Forest No Water, No water No life

18/08/2026
Dist. Q/Wallaggaatti maree haala jalqabbii qophii shimalaa irratti  koree waldaa bosonaa ganda Seertumii, B/Ganda Seertu...
05/08/2026

Dist. Q/Wallaggaatti maree haala jalqabbii qophii shimalaa irratti koree waldaa bosonaa ganda Seertumii, B/Ganda Seertumii, I/A Waajjira Qonnaa fi lafaa A/Anfilloo fi Qindeessaa Eegumsa Naannoo Aanaa Anfilloo bakka argamanitti sadarkaa Aanaatti gaafa 22/11/2018 gaggeeffamee jira.
haala jalqabbii qophii shimalaa fi adeemsa isaa irratti maree kana gaggeessaa kan turan; Ogeessa NTFP Damee Wallaggaa fi AH/MIFB Distiriiktii Q/Wallagga hubannoo erga kannanii booda, koreen waldaa shimala qopheesisuun akka eegalamuu fi shimala seeraan ala qophaa'uu kam irrattiyyuu to'annoon karaa Gandaa fi Eegumsa Naannoo waliin ta'uun hambisuu akka qaban irratti walii galamee jira.
Hanga ammaattis shimalli 7500kg qophaa'ee jiraachuu fi gara fuula duraattis ariitiin akka qophaa'uuf kallattiin kennamee jira.

Gamaaggamni Raawwii Karoora bara 2018 fi Maree Karoora bara 2019 Waajjira Damee Wallaggaa Manaajimentii Distiriiktii, Ko...
05/08/2026

Gamaaggamni Raawwii Karoora bara 2018 fi Maree Karoora bara 2019 Waajjira Damee Wallaggaa Manaajimentii Distiriiktii, Konkolaachistoota fi Ogeessota dhiheessii Gudeelchaa waliin gaggeeffame jira.

Distiriktii Wallagga Lixaatti qophii boolla biqilaa dhaabbii Buufata Baabboo fi Manditti gaggeffama ture, akkasumas namo...
08/07/2026

Distiriktii Wallagga Lixaatti qophii boolla biqilaa dhaabbii Buufata Baabboo fi Manditti gaggeffama ture, akkasumas namoota daangaa cabsanii dallaa ijaaran akka digaamuu taasifamee jira.

Hojjeettotni Dist. Wallaggaa Bahaa bifa duulaa bahani waayita biqilaa fe'an.
08/07/2026

Hojjeettotni Dist. Wallaggaa Bahaa bifa duulaa bahani waayita biqilaa fe'an.

Dist.Q/WallaggaattiSheediin Warshaa Daawwii Suddii ijaaramee xumura irra gahee jira.Koreewwan addaddaa sadarkaa damee fi...
08/07/2026

Dist.Q/Wallaggaatti
Sheediin Warshaa Daawwii Suddii ijaaramee xumura irra gahee jira.
Koreewwan addaddaa sadarkaa damee fi distiriiktii hojii ijaarsa sheedii kana saffisiisuun yeroo gabaaba kana keessatti ijaaramee akka xumuramuuf qooda keessan bahachaa turtan galata argadhaa jechaa, suutuma suuta warshaan Daawwii suddii ulaagaa warshaa tokkoof barbaachisu guutamaafi jiraachuun gammachuu hunda keenyaa ta'ee jira.

Dist.Q/WallaggaattiWaldaa bosonaa haaraa Aanaa Anfilloo Ganda seertumii shimala gamoojjii irratti bara kana hundeeffame ...
08/07/2026

Dist.Q/Wallaggaatti
Waldaa bosonaa haaraa Aanaa Anfilloo Ganda seertumii shimala gamoojjii irratti bara kana hundeeffame wal harkaa fuudhinsi isaa sadarkaa Aanaatti haala kana fakkaatuun raawwatee jira.
Haaluma kanaan al seerummaa fi hanna shimala gammoojii ganda Seertumii keessatti raawwatamaa ture akkaataa itti hambisuun danda'amuu fi bara 2019 galiin shimala irraa galu karaa waldaan bosonaa qopheesseen yeroo yeroon waajjira Distiriiktiitti galii ta'ee gurgurtaan isaa akka raawwatuuf bakka itti Aanaan Waajjira Qonnaa fi lafaa Aanaa Anfilloo, Dursaa garee WHG Aanaa Anfilloo, Dursaa garee Eegumsa naannoo Aanaa Anfilloo fi bulchitoota ganda seertumii argamanitti koree waldaa basonaaf kallattiin hojii kennameefi jira.
Sekteroota kana waliin qindoominaan hojjechuun mancaatii shimala irratti gaggeeffamu hambisuun galii dhaabbatichaa fi qooda hawaasaa qixa sirrii ta'een galchuuf kutannoon akka hojjetamu akka qabu kallattiin kaa'amee jira.

Hojii Misooma Dhaabbii Biqilaa Bara kanaa kan Naannoo Mandii Saayitii Abbaa Dallee Hojiiwwan Biqilaa kanaan Dura dhaabba...
08/07/2026

Hojii Misooma Dhaabbii Biqilaa Bara kanaa kan Naannoo Mandii Saayitii Abbaa Dallee Hojiiwwan Biqilaa kanaan Dura dhaabbataniif akkasumas Hojii Dhaabbii kan bara kanaa haala gaariirra kan jiruufi Biqilaan Naannoo sanatti Geejjibame Haala gaariin Temporary site tti kan buhe tahuu saatii.

Distiriktii BBB Wallaggaa bahaatti buufata bosonaa uween irraa biqilaa dhaabachaa jiru
08/07/2026

Distiriktii BBB Wallaggaa bahaatti buufata bosonaa uween irraa biqilaa dhaabachaa jiru

Address

Wollega
Gimbi

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OFWE Wollega Branch posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share