Alle District Communication office

Alle District Communication office Ummati keenya odeeffannoo wayitawaafi misoomaa asirraa argattu. Likefi comment dhaan hirmaadhaa Odeeffannoon humna misoomaati!

 .πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™G/I/A/Boor aanaa Aalleettii facaasaan Qamadii jal'isii fi bonee cimee itti fufeera.Haaluma kanaan guyya...
21/12/2023

.
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
G/I/A/Boor aanaa Aalleettii facaasaan Qamadii jal'isii fi bonee cimee itti fufeera.Haaluma kanaan guyyaa har'aa aanichatti ganda Siisoo-Beenjaatti lafa hektaara 30 ta'u irratti facaasaan kan gaggeeffame yammuu ta'u,bulchaa aanichaa obbo Goobanaa Alemaayyoo fi itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa obbo Dabalaa Doorfoo sagantaa facaasaa kana irratti argamaniiru.

Aanaa Aalleetti hojiin tajaajila Lammummaa eegalamee jira.πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™Waxabajjii 10/2015 GoreeKenniinsi taja...
17/06/2023

Aanaa Aalleetti hojiin tajaajila Lammummaa eegalamee jira.
πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ“’πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
Waxabajjii 10/2015 Goree
Kenniinsi tajaajila Lammummaa kan yeroo gannaa guyyaa har'aa aanaa Aalleetti eegalamee jira. Sirna kanarratti hooganaa waajjira bulchiinsa aanaa Aalle obbo Jamaal Gurmeessaa fi MWD godina I.A.B. obbo Tashaalee Ejersoo hojjetoota waajjirasaanii waliin bakka argamanitti geggeeffameera. Sagantaa kanaan giddugala kunuunsa maanguddootaa Maqedooniyaa magaalaa Goreetti affeerraa ciree fi uffataa taasisuun mana harmee harka qalleeyyii lamaaf ijaarsi eegalsiifameera. Manni ijaaramu kunis hirmaannaa hojjetoota MWD godinaafi waajjira MWD aanaa Aalleetiin ta'uu ibsameera.
Itti gaafatamaan waajjira MWD godinaa obbo Tashaalee Ejersoo yaada kennaniin "manni kun ijaaramee xumuramus kan akkasii hedduun waan jiruuf hirmaannaan hawaasa bal'aa daran barbaachisa; kanneen manni ijaarameefis waan nyaataniifi uffataniifis itti yaadamuufii qaba" jedhan.
Adde Baarituu Tiibbaa jiraattuu magaalaa Goree ganda 01 kan tahan manni isaanii dulloomuun itti jiguuf ture birmannaa lammii argatanii manni isaanii ijaaramuufii isaatti gammaduun qaama deggere galateeffataniiru.

Gumiin walgargaarsaa hawaasaa rakkoo hawaasummaa keenya ofiin akka furannuuf furmaata.Waxabajjii 09/10/2015  waajjira Ko...
16/06/2023

Gumiin walgargaarsaa hawaasaa rakkoo hawaasummaa keenya ofiin akka furannuuf furmaata.

Waxabajjii 09/10/2015 waajjira Kominikeeshinii A/Aallee (Goree)
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
Qindoomina waajjira fayyaa aanaa Aalleefi waajjira Dh/Hoj/ hawaasummaa aanaa Aallee tiin hubannoon waa'ee gumii walgargaarsa hawaasaa irratti caasaa gandaafi manajerootaaf kennameera.
Akka aanaa Aalleetti gandootni gumicha hundeessan 20 yeroo ta'u, gandoota rakkoo keessa jiran haala isaan ittiin fooyya'uu danda'anirratti mariyatameera.
Kaayyoon isaa hawaasni rakkoo hawaasummaa isaa gurmaa'ee akka hiikkatuufi hirkattummaa qaama biraa akka hin eegganne gochuuf waan ta'eef gumiin walgargaarsaa gandootaa cimuu akka qabu ergaan darbeera.
Bara 2016tti xiiqiidhaan hojiitti galuun galma barbaadame bira gahuuf sekterootni dhimmi ilaalu qindoominaan kan hojjetan ta'uufi gandooleenis cimanii miira dorgommiin hojjechuu akka qaban irratti waliigalameera.

Wixinee Maanuwaalii madaallii raawwii fi beekamtii Piresidaantii irratti leenjiin ogeessotaafi hoggansa aanaatiif kennam...
16/06/2023

Wixinee Maanuwaalii madaallii raawwii fi beekamtii Piresidaantii irratti leenjiin ogeessotaafi hoggansa aanaatiif kennamee jira.
Waajjira kominikeeshinii A/Aallee
βš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈ
Karoora imala Badhaadhinaa baafachuun sekteraaleen hojii hojjechaa turaniiru. Raawwii jiru madaaluufi sadarkeessuun hojii bara itti aanuuf ka'umsa taasisuuf, akkasumas sirna badhaasuufi itti gaafatamummaa hordofsiisuuf sirna madaallii haaraa irratti waajjirri bulchiinsaa aanaa Aalleefi MWD aanaa Aallee leenjii gabaabaa ogeessota sekteraaleefi hoggansaaf leenjii kennee jira.
Leenjichi sirna madaallii ammayyaawaa ta'eefi raawwiin sekteraaleefi hojjetaa dhuunfaa kamiyyuu jijjiirama fideefi bu'aa uummataaf buuse lakkaa'uun madaalamee bu'aa daran olaanaa yoo galmeesse badhaafamuu, bu'aa uummataaf yoo hin buufne immoo haala inni/isheen ittiin itti gaafatamu/tu irratti hubannoon kennameera.

Aanaa Aalleetti Weerarri busaa babal'ataa jira. πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸπŸ¦ŸWaxabajjii 8/2015 waajjira Kominikeeshinii aan...
15/06/2023

Aanaa Aalleetti Weerarri busaa babal'ataa jira.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟🦟
Waxabajjii 8/2015 waajjira Kominikeeshinii aanaa Aallee, Goree.

Akka aanichaatti haala duraan hin baramneen bara darbe kan mul'ate dhukkubni busaa, bara kanas wayita ganni seenu dabalaa jiraachuusaa waajjirri Eegumsa Fayyaa aanaa Aallee ibsee jira.
Qorannoo laaboraatoorii ji'oota 10 keessatti yaalamtoota 13,950 irratti geggeeffameen dhukkubichi namoota 2528 irratti kan argame ta'uu ibsameera. Bara kana ji'a Guraandhalaa keessa qorannoo geggeeffameen nama 3 qofa, Ji'a Eblaa keessa 20, Camsaa hanga jalqaba ji'a waxabajjii ragaan kun fuudhameetti baay'inni namoota Busaan qabamanii saffisa addaan gara 126tti ol guddachuusaa ragaan waajjirichaa ni mul'isa.
Haala facaatii dhukkubichaa gandootaan yoo ilaalamu kan inni baay'ee babal'atee jiru
1ffaa ganda Gumaroo Aabboo
2ffaa ganda Ongaa
3ffaa gandaJeetoo Kooyyamii
4ffaa ganda Hagaloo fi
5ffaa ganda Carii Hoobee ta'uu ibsuun jiraattotni weerara dhukkubichaa xiqqeessuuf gorsa ogeessaa fayyadamuu qabu jedhameera.

Haaluma kanaan bishaan hin yaane kuufamee jiru walhormaata Bookee Busaaf ta'u yaasuu, bishaan qodaa cabaattillee naannoo manaatti kuufamee jiru dhangalaasuu, Saaphana sireetti haalaan fayyadamuu, wayita ho'inni qaamaa namatti cimu dafanii mana yaalaa deemuun dhukkubicha ittisuun akka danda'amu waajjirri eegumsa fayyaa aanaa Aallee ergaasaa dabarseera.

Fayyaan faaya!

Adabbii barsiisoo βš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈQabeenya xiqqoo argachuuf ykn miira yeroo xiqqoo to'achuu dadhabuudhaan yero...
03/06/2023

Adabbii barsiisoo
βš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈβš–οΈ
Qabeenya xiqqoo argachuuf ykn miira yeroo xiqqoo to'achuu dadhabuudhaan yeroo hojjennee itti jijjiramuu dandeenyu mana adabaatti akka hin darbine yakka haa balaaleffannu!
Yakki utuu beekanii ykn dogoggoraan raawwatama. Garuu seera jalaa hin dhokatu. Yakkarraa of qusachuun jireenya tasgabbaa'aa nama jiraachisa.
Aanaa Aalleetti dhaddacha seeraatiin yakkoota adabbii cimaa hordofsiisan akka irraa barattaniif kan waajjirri M/H/ Abbaa Alangaa Aanaa Aallee nuuf erge isiniif dhiyeessina.
Yakka hannaa Goree ganda 02 tti buna duudaa KG 60 qarshii 5400 baasu hatuun himatamaan harkaa harkatti qabame himannaa yakkaa abbaan Alangaa irratti baneen manni murtii aanaa Aallee dhaddacha gaafa 30/06/2015 ooleen adabbii cimaa waggaa 3 fi baatii 3tiin adabeera.
Itti dabaluudhaanis dhaddacha gaafa 23/9/2015 ooleen himatamaan jiraataa ganda Kacii Boorran ta'e magaalaa Goree ganda 03tti yakka hanna Moobaayilii raawwatee harkaafi harkatti qabameen himannaa abbaan alangaa irratti dhiyeesseen adabbii hidhaa cimaa waggaa lamaafi baatii 5tiin akka adabamu manni Murtii aanaa Aallee itti murteessera.
Akkasumas manni murtichaa yakkamaa yakka qaama namaa hir'isuutiin himanni itti baname dhaddacha gaafuma 23/9/2015 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa sadiin adabeera.
"Hatuun salphina"

Hojii Eebbifamaa fi ajaayibsiisaa deggeramuu qabu! πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘Eebba giddugala leenjii hodhaa meeshaalee qulqullinaa dub...
02/06/2023

Hojii Eebbifamaa fi ajaayibsiisaa deggeramuu qabu!
πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘
Eebba giddugala leenjii hodhaa meeshaalee qulqullinaa dubartootaa Siifan Iluu
πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘
Caamsaa 25/2015 waajjira Kominikeeshinii A/Aalleetiin (Goree)
Dhaabbanni ergama addaa dhiibbaa uumamaa shamarraniifi dubartootaa furuuf onneeffate "Siifan Iluu" jedhamu guyyaa har'aa pirojektii meeshaa qulqullina dubartootaa magaalaa Goreetti eegale har'a bakka hoggansi aanaa Aallee obbo Habtaamuu Dassaaleny fi Obbo Dabalaa Dorfoo, akkasumas itti gaafatamaa paartii Badhaadhinaa obbo Moosisaa Lammeessaa bakka argamanitti eebbifameera.
Pirojektichi gurmuu ijoollee Goree biyya keessaa fi biyyoota alaa jiraniin kan eegale, yeroo ammaa ijoollee dhalattoota Iluu Abbaa Booraa dabalachuun maqaa Siifan Iluu jedhuun hundeeffame.
Dhaabbatichi akka hundeeffamuuf kan shhora taphatan magaalaa Goree irraa aadde Asteer Zallaqee, fi magaalaa Finfinneerraa siister Muluu Fissahaa hiriyootasaanii waliin ta'uun dha.
Kaayyoon isaa barattootaa fi dubartoota harka qalleeyyii meeshaa qulqullina dubartoota (Modus) bitatanii fayyadamuu dadhabuun jiruusaanii guyya guyyaa raawwachuuf rakkatan deggeruuf akka ta'e ibsameera.
Keessumaa barattootni shamarranii sababa laguutiin barnootarraa oolan gatii baay'ee salphaa ta'een kan kan waggaa tokkoo qarshii 300 qofaan akka argatan gochuufi, kaaniif immoo spoonsara gochuun kan deggeru ta'uu ibsameera.
Yeroo ammaa kana dubartoota muraasaaf carraa hojii banee jira. Maashina hodhaa deggersaan galchuun moodesii hedduu oomishuun marsaa jalqabaaf barattoota godinichaa filamaniif spoonsara ta'ee akka dhiyeessu illee ibsameera.
Iddoo fi hojiin isaas keessummootaan daawwatameera.
Maree geggeeffameenis dhaabbatichi akka deggeramuu qabuufi hojidhabdoota leenji'aniif illee iddoon hojii mijaa'uu akka qabu eerameera.

02/06/2023
Magaalaa Goree ganda 04tti waldaan Oomishaafi raabsa Xaa'oo uumamaa Xaa'oo uumamaa ( compost) gatii xiqqaadhaan gabaaf d...
29/05/2023

Magaalaa Goree ganda 04tti waldaan Oomishaafi raabsa Xaa'oo uumamaa Xaa'oo uumamaa ( compost) gatii xiqqaadhaan gabaaf dhiyeessanii jiru.

Waldaan Mulugeetaa, Tsehaay fi hiriyootasaanii jedhamu ogeessaan qajeelfamuun xaa'oo Uumamaa (compost) filatamaa hanqina xaa'oo warhaa mudataa jiruuf furmaata ta'e qopheessanii jiru.

Waldaaleen hojii qonnaarratti bobbaatan fi qonnaan bultootni bitachuun itti fayyadamuu dandeessu.

Xaa'oon qophaa'e kun makaa wantoota garagaraa amala xaa'ummaa qaban 7 ol walnyaachisuun xaa'oo keemikaala irraa bilisa ta'e qopheessanii jiru. Gatiin isaa fi faayidaan isaa xaa'oo warshaarra baay'ee filatamaadha.

Odeeffannoo dabalataaf waajjira ganda Goree 04 qunnamuu dandeessu.

Bara kana aanaa Aalleetti initiative baala shaayee milkeessuuf hojiin milkaa'aan hojjetamee jira. 🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿...
24/05/2023

Bara kana aanaa Aalleetti initiative baala shaayee milkeessuuf hojiin milkaa'aan hojjetamee jira.
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
Qonnaan bulaan keenya galii dabalataa argachuun jireenya isaa akka jijjiirratu gochuufi gara abbaa qabeenyaatti kan guddisuu danda'u oomisha baala shaayee babal'isuuf hojiin bara 2015 kana hojjetameen biqiltuun baala shaayee 30000 dhaabbiif qaqqabee jira. Kunis lafa qonnaan bulaa baala shaayeen aguugamu gara hektaara 187.5 tti guddisuu danda'a. Biqiltuu qophaa'e kun lafa hektaara 15 irratti qonnaan bulaa 61gara oomisha baala shaayeetti galchuu danda'a jedhameera.
Karaa biraatiin hojicha babal'isuuf hojiin poolii guutuu miliyoona 1.6 xumuramee hojiin cutting dhaabuu 673800 hojjetamuu waajjirri qonnaa aanaa Aallee beeksiseera.

Address

Mettu/Gambella Street
Gore

Telephone

+251966529979

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Alle District Communication office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Alle District Communication office:

Share