Fayyaan Faaya

Fayyaan Faaya woreda Health Office Center of experince sharing

HIR'INA VITAMIN B12 **************MALLATTOO1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf nama...
09/11/2025

HIR'INA VITAMIN B12
**************
MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.

2. Sammuun ofii daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.

3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)

4. Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yoo yaalan ykn socho'an afuurri nama cituu.

5. Onneen daddafee fi humnaan dha'achuu.

6. Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir'isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu.

7. Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa'uu) yokaan afaan nama gubuu.

8. Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.

**************
AKKAMIIN NAMA QABAA?
1. Dhukkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn's disease fi kkf

2. Rakkoo dhukkuba hir'ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.

3. Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.

4. Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.

5. Umuriin baay'ee namoonni dullooman, yeroo baay'ee bu'aalee biqilootaa qofa nyaatan hir'ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.

**************
VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka:
-Hanqaaquu
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.

Hagi vitamin B12 qaama keessaa yoo hedduu gadi bu'e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa'e fidhachuun dirqama.

"Fayyaan Faaya"

FAAYDAA TIRUU NYAACHU1. Fayyummaa onneetiif2. Bareeduma gogaatiif3. Kaanserii nurra ittisuuf4. Qaamni keenya akka dhibee...
09/11/2025

FAAYDAA TIRUU NYAACHU
1. Fayyummaa onneetiif
2. Bareeduma gogaatiif
3. Kaanserii nurra ittisuuf
4. Qaamni keenya akka dhibee ofirraa ittisuuf nu gargaara
5. Summii garagaraa qaama keessaa balleessuuf
6. Qaama keenya humna/anniisaa dabala
7. Jajjabina lafee/maashaaf
8. Foon qaama keenyaa dabaluuf
9. Vaayitaaminaan kan badhaadhe
10. Hir’ina dhigaatiif
11. Yaaddoo nurraa ittisa
12. Dhibee hirribaan wal qabate sirreessuuf
13. Kaaliseyimin kan badhaadhee
14. Rakkina dhala dhabuu sirreessuuf
15. Qaama keenya qulqulleessuuf

Gosoota tiruu gaarii
✍️Tiruu lukkuu
✍️Tiruu horiii
✍️Tiruu hoolaa
✍️Tiruu qurxummiii

Tiruu torbaaan keessatti al tokko qofa nyaadhaa
Tiruu dheedhii nyaachuu osoo hin taane bilcheessuun filatamaadha.
fans
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

28/06/2025

Faayidaa Fayyaa MOORIINGAA (ሽፈሪው)
***********************************
1. Fayyummaa gogaa fi rifeensaa eeguuf fayyada.
2. Infekshinoota baakteeriyaan dhufan ittisuuf ga'ee qaba.
3. Fayyummaa Tiruu keenyaaf gaariidha
4. Nama qaamni dhiita'e irraa hir'isuuf fayyada.
5. Lafee fayya qabeessa akka qabaannu taasisa.
***********************************
Maal of keessaa qabaa?
1. Viitaminoota hedduu (vitamin A, vitamin B1 (thiamine) B2 (riboflavin) B3 (niacin), B-6)
2. folate and ascorbic acid (vitamin C)
3. Elementoota qaama keenyaaf barbaachisan akka: calcium, potassium, iron, magnesium, phosphorus, zinc.
***********************************
Oromia Health Bureau

28/06/2025
28/06/2025
28/06/2025
28/06/2025
28/06/2025
28/06/2025

DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.

Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?

1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.

2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.

3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.

4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

follow my telegram channel with this link
https://t.me/DrmohammedIbrahim

Address

Harar
Gorogutu
05050505

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fayyaan Faaya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Fayyaan Faaya:

Share